Kooriyaan Kaabaa Yaalii meeshaa waraanaa haaraa addaa tahe gaggeessite- Miidiyaa mootummaa

Kim Jong-un shaakala balalii humna waraanaa Kooriyaa Kaabaa bara 2016 yommuu hordofan.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa,

Kim Jong-un shaakala balalii humna waraanaa Kooriyaa Kaabaa bara 2016 yommuu hordofan.

Kooriyaan Kaabaa 'tooftaa haaraa adda taheen' yaalii niwukileeraa 'meeshaa waraanaa cimaa' ofirraa qabu gaggeessine jechuun beeksifte.

Kun erga mariin pirezidaanti Doonaaldi Tiraampii fi Kim Jong Un gidduutti jalqabee ture fashalaa'ee isa jalqabaati.

Miidiyaan mootummaa biyyattii odeeffannoo bal'aa kennuu baatus xiinxaltootni garuu yaalii misaa'ela fageenya dheeraa deemuun Ameerikaa sodaachisutti deebi'uun waan hin fakkaannedha jedhan.

Yaaliin ji'a Sadaasaa keessa gaggeessite Ameerikaa irratti dhiibbaa gochuufi jedhamee ture.

Guraandhala darbe keessa ammoo Tiraampii fi Kim-Jong Un Veetnaamitti wal arguun dhimma dhabamsiisa niwukileeraa irratti osoo mari'atanii osoo walii hin galiin hafuun addaan kutanii gargara bahan.

Torban darbe Kiim marichi itti fufuuf Tiraampi ilaalcha sirrii qabaachuu qaba jedhanii ture.

Akka gabaasa KCNAtti Kim yaalii haaraa gaggeeffame kana daawwataniiru. Akka gabaasichaatti yaalii haaraan gaggeeffame xiyyeeffannoo adda addaan tooftaa garaagaraan gaggeeffame.

Xiinxaltootni ammoo kana jechuun lafa irraa, qilleensaa fi galaanarraa kan yaalame jechuudha jechuun ibsu.

Kim bara darbe kana booda yaalii misaa'elootaa gurguddaa ardiiwwan qaxxaamuranii hin gaggeessinu jedhanii ture. Satalaayitootni akka agarsiisanitti sochiin gabbisa niwukileeraa akkuma itti fufetti jira.

Yaaliin ammaa kun shaakala waraanaa Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa hordofeeti jetti xiinxaltuun dhimma Kooriyaa Kaabaa Ankit Panda.