Lammaa Magarsaa Ministira Ittisa Biyyaa, Gadduu Andaargaachoo Ministira Dhimma Alaa tahuun muudaman.

Madda suuraa, Getty Images
Muudama ministirootaa daran eegamaa tureen Lammaa Magarsaa Ministira Ittisa Biyyaa tahuun yommuu muudaman, Gadduu Andaargachew Ministira Dhimma Alaa tahuun muudamaniiru. Injiiner Ayishaa Mahaammad ammoo Ministira misooma magaalaafi konistraakshinii ta'uun muudaman.
Paarlaamaan Itoophiyaa kora ganama kana taa'een muudama kaadhimamtootaa haaraa dhiyaate irratti mari'achuun raggaasise.
Caffeen Oromiyaa immoo yaa'ii ariifachiisaa waaree booda waamen bakka Obbo Lammaa Magarsaa Obbo Shimallis Abdiisaa muudeera.
Obbo Shimallis itti -gaafatamaa waajjira Ministira Muummee kan turan yoo ta'u miseensa Caffee waan hin taanef pireezidantii itti-aanaa ta'un tajaajilu.
Muudama biraan, Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa duraanii Obbo Gadduu Andaargachew ammoo ministira Dhimma Alaa tahuun muudamaniiru.
Ministira Ittisaa dubartii jalqabaa Itoophiyaa tahuun kan muudamanii turan Injiner Ayishaa Mahaammad ammoo waajjira isaanii duraanii kan tahe Ministeera Misooma Magaalaafi konistiraakshiniitti deebi'aniiru.
Obbo Lammaa Magarsaa fi Injiner Ayishaan muudama isaanii haaraa irratti sirna kakuu raawwataniiru.
Miseensonni Mana Maree namootni kunneen bakka turan irratti hojii boonsaa hojjechaa waan turaniif maaliif akka achirraa kaafaman gaafachuun yoo bakka isaanii namni hojjechuu danda'u argameera tahe garuu muudamicha ni deeggarra jechun sagalee kennaniiru.
Muudamni dhiyaate sagalee caalmaan kan ragga'e yoo tahu sagalee mormii tokkoo fi kan sagalee hin kennine namoota shan qofa ture.
Muudamtoonni eenyu? Gabaabumatti
Obbo Lammaa Magarsaa umuriin nama ganna 44 yoo tahan bakki dhaloota isaanii Godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Sireeti.
Haala barnootaa digrii jalqabaa mummee barnootaa 'Economics' yunivarsiitii Finfinnee, digirii lammaffaa 'international relation' yunivarsiitii Finfinnee fi digirii sadaffaa 'peace and security' yunivarsiitii Finfinnee irraa argataniiru.
Obbo Lammaan komishinara komishinii poolisii Oromiyaa, hogganaa biiroo bulchiinsaaf nageenya Oromiyaa fi Af-yaa'ii caffee Oromiyaa ta'uun hojjetaniiru. Hanga guyyaa har'aatti preezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uun hojjechaa turan.
Ministira dhimma alaa ta'uun kan muudaman Obbo Gadduu Andaargaachaw naannoo Amaaraa Wallootti dhalatan.
Obbo Gadduun iddoowwan hooggansaa dhaabaa fi mootummaa garaagaraatti hojjetaa kan turan yommuu ta'u, isaan keessaa hogganaa biiroo beeksisaa naannichaa, hoogganaa biiroo qonnaa fi itti aanaa bulchaa naannoo, akkasumas preezidaantii naannichaa ta'uun hojjetaniiru.
Obbo Gadduun umuriin isaanii waggaa 50 yommuu ta'u, digrii jalqabaa isaanii Yunivarsiitii Siiviil Sarvisii Itoophiyaa irraa mummee barnootaa bulchiinsa misoomaan, digirii lammaffaa muummee barnootaa hooggansaan argataniiru.
Ministira misooma magaala fi konistraakshinii ta'uun kan muudaman Injinar Ayishaa Mahaammad Muusaa Naannoo Affaaritti dhalatan.
Injiner Ayishaan barnoota isaanii digirii jalqabaa mummee barnootaa injinariingiin, digrii jalqabaa akkasumas digirii lammaffaa isaanii mummee barnootaa 'transformational leadership and change' baratan.
Injinar Ayishaan hooggantuu biiroo ittisa balaa fi wabii nyaataa, ministira aadaa fi tuurizimii, ministira konistraakshinii akkasumas ministira ittisaa ta'uun hojjetaniiru.
Amma barnootni isaanii fi muuxannoon isaanii xiyyeeffannoo keessa galfamuun Ministira misooma magaalaafi konistraakshiniitti deebi'aniiru.