HIV'n dhibee warra dhukkuba ofirraa ittisuu hin qabnee wallaanuuf fayyade

Madda suuraa, Courtesy of St Jude Children's Research hospital
Gaa'el, daa'ima dhibee qabuuf hospitaala qorannoo fayyaa Daa'immanii St Jude'tti wallaansa argachaa ture haadha isaa waliin
Saayintistoonni US HIV fayyadamuun wallaansa qaccee sanyii (gene) taasisuun ijoollee saddeet dhibee hamaa dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu (immunodeficiency) qaban ykn dhukkuba "bubble boy" jedhamuun beekamu qaban fayyisan.
Bu'aawwan qorannoo kan Hospitaalaa Tennessee'tti taasifame, barruu the New England Journal of Medicine jedhurratti ba'eera.
Daa'imman dandeettii uumamaan dhukkuba ofirraa ittisuu xiqqaa ykn tasuma osoo hin qabaatiin dhalatan, yeroo ammaa sirna dhukkuba ofirraa ittisuu guutuu qabu.
Daa'imman wallaansa hin arganne dhibee kana qaban bakkaafi haala guutuummaan guutuutti dhukkubni itti walhoruu hin dandeenye (sterile) ta'e keessa jiraachuu qabu ta'uu baannaan yeroodhuma dhalatan du'u.
Wallaansi qaccee sanyii taasifame kun akkuma ijoolleen kun dhalataniin dhuka lafee (dhiiga lafee keessaa) keessa jiru fuudhuun rakkoo qaccee sanyii DNA isaanii sirreessuu kan dabalatudha.
Madda suuraa, SPL
David Vetter, daa'ima bara 1970 keessa akka dhibee bubble boy jedhamu qabu barame
Qacceen sanyii (gene) "inni sirriin" - kan dhibee akka fayyisuuf fayyadu sun - HIV ykn vaayirasiidhuma AIDS qaqqabsiisu sana jechuudha, akka wallaansa kanaaf gargaarutti qophaa'e keessa galfameef.
Qorattoonni akka jedhanitti daa'imman kun ji'a tokko keessatti fayyanii hospitaalaa ba'an.
Dr Ewelina Mamcarz Hospitaala St Jude irra kan ta'aniifi barreessaan qorannoo kanaa akka jedhanitti: "Ijoolleen dhibee kanaan qabanii turan kun daa'immanidha. Yeroo addunyaa kana irra bakka gara garaa deemanii jireenya namni kamiyyu jiraatan sirna dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu horataniiru qaamni isaanis talaallii taasifamuuf kan mijaa'u ta'eera."
"Kun warra dhibee (severe combined immunodeficiency (SCID-X1)) qabaniif isa jalqabaati," jette ogeettiin kun.
Daa'imman dhibee kanaarraa fayyan kun Hospitaala Qorannoo St Jude kan Meemfiisitti argamuufi Hospitaala Daa'immanii UCSF Benioff San Francisco keessatti argamu keessattidha.
Dhibeen kun mallattoo akkamii qaba?
Dhibee dhukkuba ofirraa ittisuu dhabuu hamaa (SCID) jalqabaan kan beekame David Vetter, akk aba'ee hawwaasa waliin jiraachuu hin dandeenye taasifamee ture.
Maqaa addaa ittiin waamamu "Bubble Boy" jedhamu kan kennameef Vetter bara 1971 ture dhibee kana waliin kan dhalate. Wallaansa dhuka lafee jijjiiruu taasifamuuf yeroo jedhamtti hin milkaa'iin hafeen umurii waggaa 12 irratti du'uu danda'eera.
Madda suuraa, Getty Images
Hospitaala daa'immanii Teksaas keessatti argamu keessatti dhalatee sekondii 20 keessatti namarraa adda baasuun pilaastika keessa kaa'ame.
Pilaastika sana keessas waggoota ja'aaf erga jiraateen booda pilaastika addaa Dhaabbata Hawaa Ameerikaa, NASA'tiin addatti qophaa'eef fayyadamaa tureera.
Maatiin isaa ammoo dhibee walfakkaatuun daa'ima tokko dhabanii turan.
Madda suuraa, Getty Images
Filannoon biroo wallaansa kanaaf jiran maalidha?
Ammatti, wal'aansi inni gaariin SCID-XI dhuka lafee keessaa tiishuu wal-fakkaatu obbolaa irraa fudhachuun gara dhukkubsataatti dabarsuun kaa'uu dha. Haa tahu malee akka Juud jedhanitti dhukkubsattoonni harki 80 namoota isaanii arjooman hin qaban.
Kanaaf adeemsichi dhukkuba kana fayyisuurra adeemsichaan dhibee gama biraa fiduu danda'a
Wallaansi teeraappii qaccee sanyy (gene) dabalaa dhufuun dhuka lafee jijjiiruudhaaf filannoowwan akka jiraatu taasiseera, garuu wallaansi gosa akkasii kun kemikaala (chemotherapy) hojiirra waan fayyadamuuf dhibeewwan biroo akka rakkoo dhiigaa, hir'ina dhiigaa, thalassaemiafi rakkoo walxaxaa metaaboliizimii akka uumamu taasisa.