Muudama Obbo Lammaa Magarsaa namoonni akkamiin ilaalu?

Obbo Lammaa Magarsaa, Addee Ayishaa wayita MM bakka bu'oota ummataatti waadaa galaniitti

Madda suuraa, ETV

Muudama ministiroota haarawaa har'a gaggeeffameen Obbo Lammaa Magarsaa Ministira Ittisa Biyyaatti yoo ta'an, Obbo Gadduu Andaargaachoo ammoo Ministira Dhimma Alaa taasifamuun mudamaniiru.

Haa ta'u malee, keessumaa Obbo Lammaa Magarsaa Pirezedaantummaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ga'ee adda durummaa jijjiirama akka biyyaatti dhufaa jiruuf bahaa turaniif osoo bakka hinqabsiisiin irraa fagaachuun isaa namoota keessatti miira uumeera.

BBC'n kana irratti yaada namoota gara garaa Oromiyaarraa iyyaafateera.

Jiraataa magaalaa Naqamtee kan tahan Obbo Tafarraa Gonfaa, muudama Obbo Lammaa kanan miira lama keessan gale jedhu.

"Tokko nan gammade, tokkommoo nan gadde. Kanin ani gammadu Ministira Ittisa Biyyaa ta'ee nagaa Kaabafi kibba, bahaafi dhiha biyya kanaa kabachiisee hojii gaarii hojjechuu akka dandahu waanin amanuuf nan gammade.

Karaa biraatiin namni cimaan ifa dimokiraasii nu agarsiise kuni naannoo Oromiyaarraa ka'uusaatti baayyeen gadde," jedhan.

Hoggansi haaraan bakka isaanii bu'ee naannoo Oromiyaa gaggeessus nama akka Obbo Lammaatti naanichaaf dhama'u ta'uu qaba jedhan.

"Mul'ata inni qabate sana fudhatee inumaa caalchisee nama fiixaan baasu kan kutannoofi ofittti amanamummaa akka Obbo Lammaa qabaachuu qaba," jedhu.

Shawaa bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa kan jiraatan Abbaan Gadaa duraanii Tuulamaa Obbo Naggasaa Nagawoos, osoo akka fedhii keenyaatti tahee Obbo Lammaan Oromiyaa irraa nama kahuu hin mallee jedhu.

"Namni kuni nama Oromiyaarraa ka'uu qabu miti. Hamma Oromiyaa bakkaan gahutti. Maalif yoo jette mana tokko ijaaranii osoo keessa hin jiraatin keessaa deemuun nama dhiba namas rifachiisa. Oromiyaa akkuma jalqaban fiixan baasuu male," jedhan.

Gaggeessummaan isaan Oromiyaarratti mulisan nama addaa akka tahan kan itti mulisani jechuun ibsu abbaan gadaa duraanii Obbo Laggasaa Nagawoo.

Obbo Lammaan muudamni argatan bakka gaarii ta'us namni akka isaanii cimaan Oromiyaa irratti bakka bu'uu dhiisnaan garuu jijjiiramni kuni nigufata jedheetin yaadda'a kan jedhan ammoo jiraataa godina Harargee Bahaa Aaanaa Gola Odaa Obbo Ahmad Hasan sheekaati.

"Teessoo Obbo Lammaan irraa kahan kana namni cimaan yoo bakka hin buune jijjiramni kuni gufachuu malaan yaadda'a. Obbo Lammaan bakki amma qabatan bakka murteessaadha jedheetin amana.

Ibsa waa'ee suuraa,

Obbo Lammaa Magarsaa Ministira Ittisa Biyyaa

Oromiyaarraa deemuun isaaniitti garuu gammachuu akka hin qabaanne kan BBCtti himan.

"Obbo Lammaan Onnee uummata Oromoo hundaa keessa waan jiruuf jecha bakkichaa kahuunsaa waa nan gammachiifne ta'ullee gita amma itti muudame tanattillee jijjiirama akka fidanin nan amana," jedhu Obbo Ahamed.

Rakkoo daangaatiin miidhaa gahaa jiruufillee gita Raayyaa Ittisa Biyya amma qabatan kanaan furmaata itti argannaafis akka abdatan himu.

"Akka Oromiyaarratti jijjiirama fidetti rakkoo daangaa jiru kanarrattillee furmaata jabaa uummata gammachiisu ni fidaattin eega," jedhan.

Dura Taa'aa Itti-aanaan Paartrii Kongaransii Federaalistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa, muudamni ministeerotaa taasifame keessumaa kan pirezedaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa bakka Ministeera Ittisa Biyyaatti muudaman gaarummaa hin qabu jedhan.

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa muudama kenne ilaalchisuudhaan BBC'f yaada kan kennan Obbo Baqqalaan:"Ani muudamicha tokko akka guddinaattis hin fudhadhu. Lammaffaammoo waanuma hojii gaariidhaaf iddoo sana dhaqan jedheellee amanuudhaaf sababa hin qabu," jedhan.

'ODP keessaa waliigala Oromiyaatti namooonni maqaa gaari qaban muraasa'

ODP keessa namoonni jiran waliigala Oromiyaa keessatti kan maqaa gaarii qaban namoota muraasa kan jedhan Obbo Baqqalaan, namoonni paarticha keessa jiran baayyeen maqaan isaanii karaa adda addaatiin ka'aa kan tureefi amantaan kan irratti gatamu baayinaan arguun waan nama rakkisuuf rakkoo uumuu mala jedhan.

"Muudamni kuni akka waan sabboonummaafi tokkummaa Oromoorratti haleellaan aggaamameetti jedheen fudhadha ani gamakootin. Akka nama tokkootti ani dhugaa dubbachuuf garaakoo keessatti gaddi natti dhagahameera," jechuun naannoo Oromiyaarraa ka'uu Obbo Lammaa ibsan.

Gama biraatiin bakka amma Obbo Lammaa Magarsaa itti muudaman Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ilaaleenis, namoota ammaan dura bakka sana turanirraa yoo hubanne bakka hojiinsaa akka gaariitti mulachuu dandahu miti jedhan."Ministeerri Ittisaa akka barsiifata kana dura tureetti akkuma iddoo pirezedaantii sanatti kan ilaalamu ture. Hojiinsaa bakka homaa hojjetanis miti. Ministeeronni achirratti muudamanis sochii isaanii uummanni argees hin beeku, dhiibbaa isaan taasisanis uummanni argaa hin turre," jedhan Obbo Baqqalaan.

Haata'uutii gitni Raayyaa Ittisa Biyyaa kuni akka gita pirezedaantii sana seeraan kan daangaa xiqqaa qabu waan hin taaneef Bbbo Lammaan muuxannoo amma dura qaban fayyadamanii gita kanatti sirnaan yoo hojjetan garuu wanti isaan dhibu jiraachuu hin malu jedhu.

"Obbo Lammaan barsiifata amma dura ture yoo jijjiiruu barbaadan, muummee ministiraa waliinis hariiroo gaarii waan qabaniif jijjiirama gaarii fiduu ni dandahu jedheetin.

"Yaada gama tokkoon abdiin ni jira. Garuu haaluma amma duraatiin itti fufnaan iddoon suni iddoo miti'.

Aangoo isaaniitti fayyadamanii 'lakkii kuni aangoo kooti, kanarratti kan ajaju ana' jedhanii beekumsa, muuxannoo qabaniin jijjiirama fidu akka malan tilaamuun akka dandahamus heeran.

Gama kan biraatiin gita pirezedaantii naannoo Oromiyaa irraa ka'uu Obbo Lammaatiin sabboonummaafi tokkummaa Oromoo itti fufsiisullee yaaddoo guddaa naannichatti akka uumu himu Obbo Baqqalaan.

'Wanti itti wareegamame, wanti itti dadhabame xiqqaachaa shaarafamaa dhufee hamma pirezedaantii namni hundi itti waliigalee jaallatu, dura bu'ees sabboonummaa nuuf cimsa jedhamee itti amanamu tokko jalaa fudhatamutti eega gaheetii, ani yaaddoo guddaan qaba karaa kana," jedhan.

Hoggansi haaraan naannoo Oromiyaatti dhufus sabboonummaa isaa hojiidhaan qabatamaadhaan kan agarsiisu yoo ta'uu baate ammallee qabsoon kaleessa ture deebi'ee itti fufuunsaa hin oolus jedhan.