Fayyaa: Hanqinni qoricha daranyoo sombaa Oromiyaatti yaaddoo uume

Madda suuraa, Getty Images
''Amma dhiyeesiin qorichaa waan hin jirreef kiitii tokko iddoo sadi fi afuritti qoodnee yeroodhaaf kennaa jirra"
Hanqinni qoricha daranyoo sombaa naannoo Oromiyaa mudate ogeeyyii fayyaa naannichaaf yaaddoo ta'eera.
Hanqinni kun ji'a tokkoo as mul'achuusaa kan himan ogeeyyiin fayyaa BBC'n haasofsiise "ejansiin fandii fi dhiyeessii qorichaa qoricha daranyoo sombaa yeroosaa eeggatee nuf hin dhiyeesine" jedhan.
Waajjira eegumsa fayyaa aanaa Saasiggaatti ogeettii dhimma dhibee dranyoo sombaa kan ta'an Sistar Guddattuu Fiqaaduu "Hanqina qoricha dhibee daranyoo sombaa ni qabna.
"Kiitii" torba yeroo darbe aanaa biraarraa liqeeffanne. Warri godinaas warra Oromiyaa gaafatanii turan. Namni qorichi daranyoo sombaa jira jedhu hin jiru" jedhan.
Ji'oota jahan darbanitti naannoo Oromiyaa keessatti namootni kuma 25 ta'an dhibee daranyoo sombaan qabamanii wal'aanamaa akka turan kan BBCti himan hoogganaan biiroo eegumsa fayyaa Oromiyaa Dr Darajjee Dhugumaa sababa hanqina qoricha dhibee daranyoo sombaa mudaten namootni qorichicha fudhachuu addaan kutanii turan akka jiran himaniiru.
Madda suuraa, Getty Images
Hanqinni qorichaa kun torbeewwan sadif ture kan jedhan Dooktar Darajjeen guutuun Oromiyaa keessattuu godinaaleen baha fi lixa Oromiyaa iddoowwan hanqinichi itti mul'ate ta'uusaanii himan.
Harka caalu kan rakkoo ta'ee argame dhaabbatni qorichoota kana dhiyeessu ejansiin fandii fi dhiyeessii qorichaa qoricha kana yeroo isaatti biyya alaatii galchuu turuu isaaniiti" jedhan Dooktar Darajjeen.
Guyyoota muraasaa as garuu qorichi hanga ta'e nuf dhiyaateera kan jedhan hogganaan biiroo fayyaa Oromiyaa kun qoricha argatan gara godinaalee hanqinichi itti mul'atetti erguu isaanii himan.
Haa ta'u malee kutaalee lixa oromiyaa rakkoon nageenyaa itti mul'ataa turetti qorichicha gara dhaabbilee fayyaatti gadi buusuu irratti hanqinni akka jirus dubbatan.
Gama biraatiin waajjira eegumsa fayyaa godina Wallagga Bahaatti ofiisara sagantaa daranyoo sombaa fi HIV kan ta'an obbo Ayyaanaa Dhugumaa hanqinni qoricha daranyoo sombaa hanga ammaa akka hin furamne BBCti himan.
"Akka seeraatti kiitiin tokko dhukkubsataa tokkoof kennama ture. Amma garuu dhiyeesiin qorichaa waan hin jirreef kiitii tokko iddoo sadi fi afuritti qoodnee yeroodhaaf kennaa jirra," jedhan.
Hanqinni qorichaa kun haala kanaan yoo itti fufe lubbuu namootaa akka hin galaafanne fi dhibee daranyoo sombaa qorichaan wal bare akka hin babal'anneef yaadda'uu isaanii ogeeyyin fayyaa BBCn haasofsiise himaniiru.