Hospitaala Beetel: Barattoonni m/barumsaa Waaqoo Guutuu 'haala gaariirra jiru'

Barattuu gargaarsa argataa jirtu
Barattooni mana barumsaa Waaqoo Guutuu magaalaa Finfinneetti argaman tasa of wallaalanii kukkufan gara hospitaala geeffaman.
Barsiisaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa Janaraal Waaqoo Guutuu kan ta'an Obbo Sa'id Abdurahmaan baay'inni barattoota kanaa 30 ol akka ta'e dubbatu.
Barattoonni ganama sa'aatii 4:00 hanga 6:00'tti ''nu dhukkubeera, lafan naan mara,'' jedhani nu bira dhufani jechuun himu.
Jalqaba irratti lakkoofsi barattootaa xiqqaa ta'us boodarra dabalaa dhufe.
Ta'us bishaan kennuufin alatti gargaarsa barbaachisu kennuun waan hin danda'amnef gara Hospitaala Beetelitti adeeman.
Kutaa afur ta'u ishee kan nutti himte barattuun tokko osoo kubbaa taphatani ''wanti gurraacha ta'eefi baay'ee ol aaru,'' ittti dhufu dubbatti.
''Yoggaan hafuura gara keessaatti fudhadhu baay'ee natti ciinca'e jennaan nan kufe,'' jechuun wanta mudate yaadatti.
Ripportarri BBC Hopsitaala dhaqee ture daa'imman wal'aanamanii bahan tokko tokko erga mana gahaniin booda gara hospitaalatti yoo deebi'an arguu nutti himeera.
Maatiin barattootaa baay'inaan bakkichatti argamanii daa'immanii fi ijoollee isaanii jajjabeessaa turan.
Daarektarri medikaalaa Hospitaala Beetel Dr Abenezar Gazzaahany ibsa miidiyaalef kennaniin barattoonni umuriin isaanii 9 - 14 akka ta'aniifi lakkoofsaan 34 ta'an wal'aanasa atattamaaf waaree booda Hospitaala Beetel dhaqan.
Daarektara medikaalaa Hospitaala Beetel Dr Abenezar Gezzaahany
''Hedduun isaanii mata bowwuu, lafaan maruufi mallattoo dafani dafani harganuutu irratti mul'ata ture,'' jechuun isaan ala mallattoo qaamni ho'u, balaqqamuufi teesisuu akka hin agarre himan.
Qorannoo dhiigaa barattootaaf taasifameen haala gaariirra akka jiran hubachuu isaaniifi waan dhalate sirriitti baruuf qorannoon 'toxicology' taasifamuuf jedha.
''Barattoota 10 gahanirraa dhiiga fudhachuun gara 'Paastar' erguuf qophiitti jirra,'' jedhaniiru.
Yeroo ammaa fayyaan barattoota kanaa haala gaariirra waan jiruf barattoota 30 ol gara manaatti gaggeessuu himu Dr Abeenezar.
Barattoota 3 immoo ammallee wal'aanaa akka jiraniifi,''hanga ammaa rakkoo hamaa hin agarre,'' jechuun ibsaniiru.