Raashiyaa: Roobootiiwwan TV irratti oduu dhiyeessan

Roobootii oduu dhiyeessu

Madda suuraa, Rossiya 24

Sabaa himaa oduu mootummaa Raashiyaa 'channel Rossiya 24' irratti Robootiin oduu dhiyeessuu eegale.

Aleeksi, roobootiin oduu himu kun hordoftootaan madda qoosaa ta'aa jira, hojii proppogaandaa hojjeta jechuunis qeequ.

Roobootiin kun magaalaa Perm jedhamu keessatti kaampanii Promobot jedhamuun hojjetame. Mormaa olis roobootiin kun namoota kaampanicha ijaaran keessaa tokko kan ta'an Aleeksiyaa Yuzaakooviin akka fakkaatutti hojjetame.

Ammatti Roobootiin kun sochii fuulaa fi morma isaa qofa sochoosuu danda'a. Guutummaatti wayita xumuraamu garuu hidhii isaas sochuusuu ni danda'a jedhameera.

Akka Promobot jedhutti hojiin roobootii kana hojjechuu bara 2017'tti kan eegale yommuu ta'u dhuma bara kanaattis guutummaatti xumurama.

Aleeksiin hojjechuuf maallaqni doolaara kuma 15 kan itti bahe yoo ta'u, kaampaanichi ajaja walfaakaatu 12 argateera.

Madda suuraa, Prombot

Chaanaaliin Oduu Rossiya 24, roobootiin isaaa kun dhaalootaan Raashiyaadha, ''sooft weerii fi qaamoleen isaa hunduu biyya keessatti hojjetame'' jedheera.

Roobootiin kun as bahuun dhugumatti hojii oduu dubbisuu namarraa roobootiitti ceesisuuf osoo hin taanee sadarkaa kalaqaa raashiyaa gama teeknoolojii TV'n agarsiisuufi jedhu namoonnni.

Gariin ammoo hojiin oduu dubbisuu kun roobootii fudhatamaa laata yaaddoo jedhu kaasu.

Chaanaaliin Oduu Rossiya 24, marsariitii isaaratti ''chaanaalii TV irratti yeroo jalqabaaf roobootiin oduu dubbisuuf dhiyaate'' jechuun barreesseera.

Namoonni hedduun sochii fuula roobootii kanaatti gammadoo akka hin taanee fi wanti hafu akka jiru yoo himan, kaan ammoo TV ilaaluu haga ta'e bohaarsaa taasisa jechuun yaada isaanii ibsaniiru.