Maaliitti sababa jeequmsaan ministiroonni hundi aangoo gadhiisan.

Madda suuraa, Reuters
Maaliitti mormii uummataarraa kan ka'e ministirri muummeefi kaabineen isaanii hunduu aangoo gadhiisan.
Roobii darbe sagaleen ministira muummeerraa amantaa dhabuu akka gaggeefamu gaafatamee ture, miseensonni paarlaamaa biyyattiiis ministirri muummee hokkora dhalate to'achuu hin dandeenye jechuun himataniiru.
Ji'a darbe horsiisee bultoonni hedduun saba morkii irraa qaban biroon ajjeefamuutu madda hokkora kanaa ta'e.
Pireezidantiin biyyattii Ibraahiim Boobaakar Keeytaa gaaffii aangoo gadhiisuu ministira muummee fi kaabinoota isaanii guutuu fudhachuu beeksisaniiru.
''Yeroo gabaabaa keessatti dhaabbilee siyaasaa jiran hunda waliin mariyannee ministira muummee bakka buufna, mootummaa haaraas ni hundeesina'' jedha ibsi pireezidantichaa.
Maaliin erga bara 2012 hidhattootni finxaaleyyiin Islaamaa Al-Qaayidaa waliin hidhata qaban gammoojjii Kaaba biyyattii to'atanii as tasgabbii hin arganne.
Bara 2015tti waliigalteen araaraa mallataa'uus hidhattootni kunniin nannoolee biyyattii hedduu goolaa jiru.
Keessumaa horsiisee bultoota gosa Fulaanii 160 ta'an irratti ajjeechaan erga raawwatamee booda. mootummaan nagaa buusuu dhadhabuuf komiin irratti dhiyaatu dabaleera.
Horsiisee bultoota Fulaanii waliin morkii baroota dheeraa kan qaban gosa Dogoon jedhamantu ajjeechaa kana raawwate.
Ajjeechaan sukkanneessan kuun ummarta biyyattii hedduu rifaasise magaala guddittii Baamaakoo keesattis hiriira mormii guddaa hordofsiiseera.
Pireezidantiin biyyattii ''aarii keessan hagaheera'' jedhuun TV biyyattiin dubbataniiru.