Sagantaa gaggeessaa Obbo Lammaa Magarsaa irratti maaltu jedhame?

Madda suuraa, FBC
Sagantaa gaggeessuufi galateeffannaa pirezedaantii duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaan Magarsaaf Adaamaatti qophaa'erratti aanga'oonni ol-aanoo naannoleefi federaalaa gumaacha Obbo Lammmaafi aanga'oonni biroo waggootan dhiyoo keessa taasisan yaadataniiru.
Haalli biyyaa maalirra akka jiruufi gara fuula duraattillee maaltuu ta'uu akka malu aanga'oonni kunneen dhaamsa ergaa jajjabaa qabu dabarsanii turan.
Ministirri Muummee Abiy Ahmed, oggantoonni sadarkaa naannoofi federaalaatti muudaman kunneen injifannoo argame uummatatti himuu qofa osoo hin taane, rakkoo uummanni qabuuf halkaniifi guyyaa hojjechuu qabu jedhan.
"Uummanni Oromoo isinirraa kan barbaadu injifannoo argate kana har'aafi bor akka itti himtan osoo hin taane, borii kaaftanii ijoollee keenya hojii qabsiisuu, dinagdee naannoo keenyaa jijjiiruu, biiroo keessaa baatanii qonnaan bulaa keessa ooluu, rakkoo isaa hubachuudha."
MM Abiy bilisummaa argame kana sirriitti dhugoomsuudhaaf uummanni qalbii isaa gara misoomaatti deebisuu qabas jedhan.
MM Abiy waa'ee Obbo Lammaa yeroo ibsan, hogganaa qabsoo Oromoo jechuudhaan jalqaban. "Boo'icha, rakkoo, ciniinsuu uummanni keenya jaarraa tokkoof keessa jiraate ceesisuu kan dandahe hayyuu beekaa, goota Oromoo Lammaa Magarsaa," jechuudhaan ibsan.
Dabalataanis Dr. Abiy: "Yeroo rakkoo, yeroo cinqii, yeroo boo'ichaa gaachana ta'ee, jajjabeessee kan nu ceesisuu danda'e, kan uummanni keenya sirriitti hin barre, garaan isaa akka fuula isaa qulqulluu ta'e jaallee keenya Dr. Warqinaa Gabayyoo," jechuudhaan sagantaa kana irratti galateeffataniiru.
Ministirri Muummee Itti-aanaan Obbo Dammaqaa Mokonnon ammoo jijjiiramni biyyattii keessatti argame kun haarsaa guddaa uummanni kaffaleen kan dhufe wan ta'eef gaggeessitoonni itti-gaafatamummaa seenaa jalaa bahuudhaaf, akkasumas biyya guddisuudhaaf xiiqiidhaan hojjechuu qabu jedhan.
"Barri kun bara jijjiiramaati. Bara imala badhaadhinaa keenya itti dhugoomsuudhaaf boqonnoo murteessaa keessa jirrudha.
Bu'awwaan hedduun argamaa jiru. Kana cinaan ammoo rakkoowwaniifi gufuunis nu mudataa jiru. Waanti guddaan daandiin jijjiiramaafi uummata fayyaduufi jijjiiruu qabannee jirru itti fufsiisuudha.
Rakkooleen akka hin uumamne dursanii ittisuu, yoo uumamanis dafanii sirreessuufi gara qajeelaa ta'etti imaluu gaafata."
"Nuti gaggeessitoonni itti-gaafatamaa nutti kennameen osoo ittiin of hin tuuliiniifi hin rarra'iin iyyeessotaaf dhaabbachuu, warra namni isaan dhaga'u dhaban dhaggeeffaachuun rakkoo uummataa furuuf itti-gaafatama seena qabeessa ta'etu nurra jira."
Yeroo seena qabeessa akkasii kana keessa akka Obbo Lammaa Magarsaa kan sosochii jijjiiramaa qabsiisuufi nama qabatamaan hojjetee agarsiise barbaachisaadha. Sadarkaa naannoo Oromiyaafi federaalaatti ga'ee guddaa kan taphatan ammas warri akkasii jiru jedhan.
Madda suuraa, FBC
Wanti guddaan jedhan Obbo Dammaqaan, sabaabfi sab-lammoota hedduudhaan kan faayamte biyyi keenya kan lammileen keessatti kabajaman, keessatti badhaadhan, biyya cimtuufi tokkummaa qabdu ijaarru, badhaadhina saffisaan kan keessatti mirkaneessinuuf bu'uura kaa'aa jirra jedhan.
"Carraa kanaan sabaafi sab-lammoonni biyya keenyaa hundi gaggeessitoota kana waliin ta'uun carraa argachuufi hiree qabaachuu waan gaafatuuf, hundi keenya sadarkaa irra jirru maratti ga'ee keenya ba'achaa jijjirama keenya yaa cimsannu.
Nagaafi jireenya tasgabba'ee, akkasumas misooma keenya yaa tarkanfachiifnu."
Sagantaa galataa kana irratti kan kaleessa Itti-aanaa Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uun muudaman Obbo Shimallis Abdiisaa, imala jijjiiramaa akka biyyaatti jalqabame galma isaa geessisuudhaaf tokummaa cimsanii imaanaa uummanniifi mootummaan itti kenne bahuudhaaf cimanii kan hojjetan ta'uu dubbatan.
Sagantaa galataa kana irratti kan argaman Itti-aanaan Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Tigiraay Dr. Debretsihon Gebremikaa'el akka jedhanitti, sirna federaalizimii wabii saboota, sablammootaafi uummattoota biyyattii ta'e jabeessinee eeggachuudhaan, rakkoo akka biyyaatti nu mudate yoo wal tumsine ni ceena jedhan.
"Rakkoon hedduun nu mudateera. Nutis rakkoo nu mudatu keessatti hafuu osoo hin taane, rakkinicha dabarree sirna federaalizimii qabannee hanqinoota jiran furuuf, ol-aantummaa seeraa kabachiisuufi mirgoota lammilee eegsisuun nurra jira. Kana milkeessuudhaafis waliin haa hojjennu," jedhan.
Obbo Lammaan sadarkaa naannootti hojii bu'a qabeessa hojjetaniiru kan ibsan Dr. Debretsihon, biyya isaanii tajaajiluudhaaf ammoo yeroo gara federaalaatti dhufan kana rakkooleen hedduu akka naannoofi federaalaatti nu mudatanii jiran kanas akka irraa aannu nu gargaaru jedhan.
"Biyya keenya keessa qormaata hedduutu jiru. Rakkoowwan hedduu nu mudatan keessaa nagaan dhibuu, buqqa'insa akkasumas heera mootummaa ilaalchisee rakkooleen hedduun nu mudataa jiru. Sirni federaalaa keenyas yeroo rakkoo keeessa galee jiru keessa jirra."
Akkas ta'ee garuu adeemsi keenya ifadha kan jedhan Dr. Gebretsihon, warra kaayyoo yoo taane ykn kaayyoo keenya jalatti walittti qabamnee, waliin mariyachuudhaan murannoon kaanee rakkooleen nu mudatan kana hunda ni ceena jedhan.
Kanaan dura rakkoo hedduu keessa akkuma dabarre, gara fuula duraattis rakkoo nu mudatan mara keessa darbinee milkaa'uu qabna kan jedhan Itti-aanaan pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Tigiraay, hunda caalaa sirna federaalizimii keenya cimsinee qabachuudhaan kan hir'ate itti guutaa deemuu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru.