Shimallis Abdiisaa: Pirezidaantichi daawwannaa Qellemiin hojii eegalan

Marii hoogantootaa hawaasa Godina Qellem Wollaggaa wajjin

Madda suuraa, Biiroo Komikeeshinii Oromiyaa

Kaleessa Pirezidaantii Itti Aanaa Naannoo Oromiyaa ta'uun kan filataman Obbo Shimallis Abdiisaa daawwannasaanii jalqabaa Godina Qellem Wollagggaa irraa eegalan.

Uummata Oromoo biratti fudhatama guddaa kan argatan Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Lammaa Magarsaa bakka bu'uun naannoo Oromiyaa bulchuun ni ulfaata jechuun namoonni yaada kennaa jiru.

Oromiyaa keessatti gufuu waa hundaa ta'aa kan ture rakkoo nageenyaaf furmaata kaa'uun ammoo qormaata guddaa Pirezidaantii haaraa eeggatuudha.

Godinni Qellem Wollaggaa sababa waldhibdee Adda Bilisummaa Oromoo fi mootummaa gidduutti tureen rakkoo nageenyaa hamaa jalatti kuftee kan jirtuudha.

Pirezidaatiin haarofti kunis rakkoowwan nageenyaa gufuu ta'an furuuf marii hawaasa waliin taasisuuf garas imaluuf kaayyeffataniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Qellem Wollaggaa Obbo Habtaamuu Katamaa Pirezidaantii itti Aanaa Naannoo Oromiyaa ta'uun guyaa kaleessaa kan filataman Obbo Shimallis Abdiisaa waahillan isaanii waliin gara Magaalaa Dambi Doolloo dhufanii daawwannaasaanii isa jalqabaa eegaluun isaanii hawaasa waliin michummaa jabaa uumeera jedhan.

Daawwannaa isaaniitti uummanni hedduu gammadeera kan jedhan Obbo Habtaamuun uummannis marii taasisan irratti yaadaa fi gaaffii bilisaan kaasaa ture jedhan.

Jalqabarratti Godina Qellem Wollaggaa akka daawwataniif waanti isaan kakaase haala nageenyaa godinacha keessatti sadarkaa yaaddessaarra ga'uu Pirezidaantichi akka dubbatanii turanis ibsaniiru.

Kaayyoon daawwannaa isaanii inni ijoon uummata waliin walitti dhufuun walbaruuf ta'uu kan dubbatan Obbo Habtaamuun komii hawaasaa fi dhimmoota akka biyyaatti dhibdee ta'an kan Godina Qellem Wollaggaa keessa jiruun itti dhiyeenyaan hubachuuf akka imala garasaaniitti taasisan dubbatan.

Hawaasa waliin maal dubbatan?

Madda suuraa, Biiroo Komikeeshinii Oromiyaa

Ibsa waa'ee suuraa,

Marii hawaasa Godina Qellem Wollaggaa

Konfiransii nageenyaa fi misoomaa kanarratti dhimmoonni akka tasgabbii uumuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi misoomaawwan bu'uuraa babal'isuu ka'anii irratti mari'atamuu ibsan Obbo Habtaamuun.

Paartiin Naannoo Oromiyaa bulchaa jiru ODPn paartii uummataa waan ta'eef fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf cimee akka hojjetus Pirezidaantichi dubbachuu ibsan.

Waldhabdee Adda Bilisummaa Oromoo fi mootummaa gidduu ture guutummaatti furuuf ammas mootummaan kutannoo qabaachuu ibsaniiru jedhan.

Adda Bilisummaa Oromoo dabalatee paartiin morkattootaa kamiyyuu dirree dimokiraasii amma bal'atee jirutti fayyadamuun karaa nagaadhaan qabsaa'uu danda'a, araaraan waraana bilisummaa oromoo simachuuf hojiin abbootii gadaatiin eegalames cimee itti fufuu akka qabus dubbataniiru jedhan.

Gaaffilee hawaasaa...

Hawaasni olaantummaan seeraa kabajamee nageenyi isaa akka mirkanaa'uuf gaaffii gaafateera kan jedhan Obbo Habtaamuun misoomni naannoo isaanii akka cimuu qabus gaafataniiru jedhan.

Goolama siyaasaa Godina Qellem Wollaggaa keessa bubbule hundeerraa furuuf mootummaan xiyyeeffannaa kennuu qaba akkasumallee hirmaannaa hawaasaatiin dhibdeewwan jiran hunduu furmaata waaraa argachuu qabu yaadi jedhu hirmaattota konfiraansichaarraa ka'eera jedhan.

Dhimma humni waraanaa Federaalaa gara Godinichaa ramadamee jiraachuu irratti hawaasi maal jedha gaaffii jedhuuf ''raayyaan ittisa biyyaa nageenya keenya nuuf eegsisa yaada jedhu kaasuusaanii ibsan.

Simannaan jila Obbo Shimallis Abdiisaan durfamuuf Godina Qellem Wollaggaatti taasifame akkam akka ture ka'ee ture. Keessumaa kan pirezidantii duraanii Obbo Lammaa Magarsaaf taasifamaa tureen walbira qabamee yoo ilaalamu fudhatamummaan pirezidaantii haaraan kun hawaasa biratti qaban maal fakkaata gaaffii jedhu deebisaniiru.

"Dhimmi kun akkaataa fiigicha ulee walitti kennuutiin ilaalama. Pirezidaanti Lammaan waan irraa eegamu hojjetanii karaarra buusanii dabarsanii kennaniiru. Pirezidaantii haaraanis akka gara fuulduraatti nu tarkaanfachiisuu danda'an abdiin jira,'' jedhan.