Jaalalli aangoo gaggeesitoota Afrikaa hanga heera jijjiiruutti

Pirezidaantii Yugaandaa waggaa 75 booda heera biyyaa fooyyessuun ammas filannoo irratti dorgomuu barbaadu Image copyright AFP

Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti filannoon gaggeeffamee taayitaa karaa nagaa taheen dabarsuun ammayyuu waan amaleeffatame hin fakkaatu.

Biyyoota tokko tokko keessatti gama tokkoon gaaffii dimokiraasii uummatni kaasu, gama kaaniin ammo aangoo irra turuuf jecha murtoo gaggeessitootni fudhatan akka wal dhabdeen hammaatu taasisaa jira.

Torban darbe keessa Ijipti yeroo turtii pirezidaantii gara waggaa jahaatti guddisuun Alsiisiin hanga bara 2030tti akka taayitaa irra turuuf carraa kan kennuuf heerri biyyittii bahe ragga'eera.

Kan ragga'u taanaan Alsiisin waggoota itti aananiif aangoo irra turuu isaati. Bulchinsa waggaa dheeraa Hosni Mubarek booda Mursiin gara taayitaatti dhufu fincila yeroo sana tureen ajaajaa waraanaa kan ture Alsiisiin taayitaa qabate.

Bara darbe Filannoo gaggeeffameen sagalee 97% ol argachuun aangoo harka keessa galfate. Yeroo sana morkattotni isaa hedduun mana hidhaa galaniiru jedhama.

Pirezidaantiin Igipti kun dura taa'aa Gamtaa Afrikaa tahuun kan hojjechaa jiran yoo tahu fonqolcha mootummaan gara aangootti dhufan kan jedhuufi sarbama mirga namoomaan ni qeeqamu.

Biyyi biraan pirezidaantiinshee akka taayitaa irra turuuf hojjechaa jirtu Yugaandaadha. Manguddoon ganna 75 Yoweri Museveniin bara 2021tti ammas irra deebiin filamuu barbaadu.

Heerri mootummaa biyyittii namni umuriin isaa waggaa 75 ol tahe pirezidaantummaaf akka hin dorgomne dhorka ture.

Haa tahu malee dhorkinsa kana kaasuun yeroon aangoo irra turuu gara biraan pirezidaantichaaf akka mijatu taheera.

Manni murtii olaanaan Yugaandaa fooyya'insicha deeggareera.

Abbootiin seeraa afur fooyya'insicha yommuu deeggaran sadii ammo turuu qaba jechuun mormanii ture.

Qeeqxotni siyaasaa ammoo fooyya'insichi pirezidaantichi umurii guutuu taayitaa irra akka turuuf carraa banaaf jedhu.

Pirezidaantiin Sudaan Omar Al Bashiris akkasuma waggoota 30'f taayitaa irra turanis yeroo uummatni jijjirama barbaadee taayitaa akka gadhiisaniif gaafataa turetti diduun xumurri isaanii mana hidhaa taheera.

Humni waraanaa Sudaan karaa mana maree humna waraanaa taayitaa qabattus uumatni mormii hin dhaabne.Aangoon harka uummataatti deebi'uun buluu qabna gaaffii jedhutu itti fufe.

Image copyright AFP

Obbolaa Omar AL Bashir dabalatee humnootni nageenyaa isaaf amanamoo tahanii fi qondaaltotni olaanoon tokko tokkos to'annoo jala oolaa jiru.

Gamtaan Afrikaa dhimmi kun guyyoota 15 keessatti furamuu akka qabu akeekkachiisee ture.

Haa tahu malee namootni pirezidaantii Ijipti Alsiisii ofii iyyuu aangoo humnaan qabate jechuun qeeqan akkamitti akeekkachiisuu danda'a jedhuuni.

Pirezidaantiin Aljeeriyaa hanga rakkoo fayyaaf saaxilamnii deemuu fi dubbachuu dadhabanitti taayitaa irra turuuf itti cichanii mormii uummataa dura dhaabbatan.

Gaaffiin lammiilee Aljeeriyaa waan cimeef akka filannoo biyyattii dhufu irratti hin dorgomne ibsan. Haa tahu malee booda karaa ajajaa humna waraanaa biyyattii akka aangoo irraa bu'an taasifamuun taayitaa gadhiisuu isaanii beeksisan.

Image copyright AFP

Manguddoon waggaa 82 waggoota 20'f biyyattii bulchan marsaa itti aanu irrattis filannoo irratti hirmaachuuf turan.

Biyyootni akka Burundii fi Koongoos haala wal fakkaataa keessa turan. Gaggeessitootni Afrikaa yeroo hedduu bu'aa sagalee filannoo irratti yeroo wal himatanii fi aangoo irra turuuf labsiifi heera jijjiran haala Kanaan mul'ataa tureera.

Har'as pirezidaantii Maalii dabalatee kaabinootni biyyittii haala nageenyaa biyyichaa to'achuu dadhabn jechuun mormiin waan itti hammaateef taayitaa gadhiisuu isaanii beeksisan.

Waraanni walii waliinii fi ajjeechaan saba Fuulaanii irratti dhiyeenya raawwate sababa guddaadha jedhama. Pirezidaantii Zimbaabuwee duraanii Rooberti Mugaabeenis akkasuma deeggarsa humna waraanaa biyyittiin ture kan aangoo gad lakkisan.

Odeessa kana irratti dabalata