Imbaasii Itoophiyaa Keeniyaa jiru: 'Mirgi lammiilee Itoophiyaa Keeniyaa jirani akka kabajamu hojjenna'

Ambaasaaddar Mallas Alam

Siyaasni Itoophiyaa keessa ture yaadaaf dursa kan hin kennineefi waan cime waan hin taanef mootummaafi ummata gidduu rakkootu ture jedhan Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa.

Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa har'a kennanin walitti dhufeenya lammiilee Itoophiyaa Keeniyaa keessa jiraataniifi imbaasicha cimsuuf akka hojjetan himaniiru.

Kanaan dura baqattoonni Itoophiyaa Keeniyaa jiraniifi hawaasi Oromoo waggoota dheeraaf qeeqa guddaa Imbaasii Itoophiyaa irratti kaasu.

Kunis sarbama mirga namoomaa, mirga gurmaa'uu dhowwamuufi hidhaafi achi buutee dhabamuu lammiilee Itoophiyaati Keniyaatti baqatan irratti raawwatun walqabata.

Wanta kana fooyyessuuf maal hojjettan kan jennee Obbo Mallas kana nuuf deebisan.

''Biyya keessatti walitti dhufeenyi mootummaaif ummataa rakkoo qaba yeroo jedhamu, biyya alaatti qaama mootummaa bakka bu'ufi lammiilee biyya alaa jiraatan gidduus rakkoo qabaa jechuudha.

''Dallaan sun jigeera. Kan keeniya keessaas jigeera. Lammiileen yeroo rakkoon isaan dhaqqabe dursinee geenya. Hojiin keenya ijoo mirga isaanii kabachiisuudha,'' jedhaniiru.

''Unuuf Keeniyaan biyya biraa miti,'' jechuun kan jajan Obbo Mallas, darbe darbe rakkoon akka dhalatu garuu hin haalle.

Dhihoo pirezidantiin Keeniyaa Itoophiyaa yeroo daawwatanillee lammiileen Itoophiyaa Keeniyaa keessa akka biyya isaanitti akka jiraatan himani turan.

Ambaasaaddar Mallas dheengadda qondaala dhimmi biyya keessaa Keeniyaa waliin yeroo mari'atanis, imbaasichi mirgi lammiilee kabajamuu isaa akka hordofu itti dubbachuu himan.

Walitti dhufeenya Itoophiyaafi Keeniyaa yeroo haasa'aan biyyoonni lamman akka wul utuban himan.

''Itoophiyaa fi Keeniyaan atileetiksii qofaa irratti wal dorgomu,'' jechuun kan ibsan.

Piroojektiwwan garaa garaa hojjetamaa jiran keessaa tokko pirojektii Lamu jedhamuufi biyyoonni Baha Afrikaa buufata doonii waliinii ijaaraa jiranidha.

Kuni Itoophiyaan Jibuutin ala carraa biraa akka qabaattu ni taasisa. Adeemsa gaariirra akka jirus dubbatu.

''Buufatawwan ilaalchisuun sadan isaanii %62 - 99 xumurameera. Inni %99 xumurame Waxabajjii 2011 xumurame sadarkaa hojii itti eegalu gahuu danda'a.''

Biyyoonni lamaan magaalaa Mooyyale lafa gabaa biyyoonni garaa garaa dhufani itti daldalan akka ta'an hojjetamaa jiraachuu himaniiru.