Obbo Shimallis Abdiisaa: Wantoota afura ummatarraa gargaarsa gaafatan

Pireezidaantii itti aanaan Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Madda suuraa, Shimelis Abdisa/Twitter

Waltajjjii hariiroo obbolummaa saboota Oromoo fi Amaaraa magaala Ambootti taa'amerratti jiraattota godina shawaa lixaatiin kan wal-argan pirezedaantiin itti aanaan naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa qabxiilee ijoo afur irratti ummata Oromoo deeggarsa gaafatan.

Gargaarsi jalqabaa uummatakoorraa barbaadu "Halkanii Guyyaa hojjechuudha," jedhan.

Oromoon siyaasaan bilisoomee jira, diinagdeedhaanis bilisomuu qaba jedhan.

"Hoggansi nuti amma booda kenninu halkanii fi guyyaa dinagdeedhaan Oromoo bilisoomsuudha. Oromoo labsiidhaa fi waraanaan bilisoomsuu hin dandeenyu."

"Hamma harki keessan luqqa'utti, hamma dugdi keessan citutti halkanii fi guyyaa hojjechuu qabdu," jedhan.

Kanaafis qeerroon fi qarreen, hayyuunii fi hawaasni Oromoo bal'aan hojii misoomaa hojjechuuf karoorfanne akka milkaa'uuf nu gargaaraa jechuun gaafatan.

Ibsamni sabboonummaa Oromummaas ammaan booda hojiidhaan, qabeenyaa fi beekumsa horachuudhaan akka ta'uu qabus eeran.

Deeggarsi lammeessoon "nageenyi waaraa bakka hunda akka jiraatu na deeggaraa" jedhan.

"Qaama nageenyaa naannoo Oromiyaa ijaaruun cimsinee roorroo kamuu kan uummata keenyatti dhufu dhaabbannee hin ilaallu, ni qolanna," jedhan.

"Akka mootummaatti itti gaafatamummaa keenya ni baana, halkanii fi guyyaa hojjenna."

"Garuu ummaanni bal'aan naannoon keenya akka nagaa ta'u saboonni nagaan bahanii akka galan mirkaneessuu qaba, isa kanarratti adaraa guddaan isinitti kenna." Jedhan.

Gama mootummaatiin "ummanni keenya rakkoon dhalannaan halkan walakkaayyuu ta'u nu waamaa isinii dhaqqabna" jechuunis qophaa'ummaa mootummaa ibsan.

"Namoonni tokko tokko bakka akkasii yoo deemtan isin ajjeesu nuun jedhu. Nutimmoo ummata keenya keessatti yoo duune kabaja guddaadha jennani" jedhan.

Ibsa waa'ee suuraa,

Jaarsoliin biyyaa magaalaa Amboo hogganoota naannolee lamaanii uffannaafi farda faayame badhaasan

Sadaffaa kanin isin kadhadhu jedhan obbo Shimallis, "aadaa fi duudhaa keenya ganamaatti haa deebinu."

Jaalala, hammachuu, dhiifamaa fi tokkummaa duudhaa ganamaatti deebi'uu qabdu jedhan.

"Yoo duudhaa ganamaatti hin deebine tokkummaan Oromoo mirkanaa'uu hin danda'u. Tokkummaan Oromoo itti hin fufu taanaanimmoo tokkummaan Itoophiyaas hin jiraatu. Oromoo cimaas hin ta'u, nicaba."

Hangafti cabnaan quxusuun carraansaa boohuu qofa taha Jedhan.

Akka Oromoon cabee saba biraa hin cabsinee fi namni tokkoyyuu naannoo Oromiyaa keessaa hin buqqaaneef na deeggaraa jedhan, obbo Shimallis.

Deeggarsi afraffaan obbo shimallis uummata Oromoo gaafatan, qabsoon Oromoo Oromiyaa qofa ilaaluun hogganamuu akka hin qabnerratti.

"Oromoon Oromiyaa laaluu qofaan deemuun irra hin jiraatu. Itoophiyaas ilaaluu qaba."

"Qabsoon keenya Itoophiyummaas giddu galeessa godhachuu qaba, kanaafuu siyaasa Oromoo yeroo hunda Oromoo bira dabarsinee Itoophiyaa fi gaanfa afrikaatti hidhuu qabna kanarratti nudeeggaraa nucinaa dhaabbadhaa." jedhan.