Gaaffilee jajjaba jiraataan Amboo Pirezidaantii Naannoo Amaaraa gaafatan

Pirezidaantii Itti Aanaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa(bitaa), Pirezidaantii naannoo Amaaraa(mirga) fi hawaasa magaalaa Amboo
Ibsa waa'ee suuraa,

Pirezidaantii Itti Aanaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa(bitaa), Pirezidaantii naannoo Amaaraa(mirga) fi hawaasa magaalaa Amboo

Hariirooo obbolummaa Naannolee Amaaraa fi Oromiyaa magaalaa Ambootti taa'ame irratti waltajjiin marii dhimmoota haala yeroo irratti xiyyeefatan hoggantoofaaf dhihaateera.

Waltajjii kanarratti kan hirmaatan jiraataan magaalaa Amboo Obbo Tasfaayee Dhaabaa gaaffiin isaan kallattiin Pirezedaantii Naannoo Amaaraatiif jedhanii dhiheessan qalbii hirmaattotaa kan hawwate ture.

Gaaffii isaanii tokko jedhanii yoo jalqaban," dubbii kan qotan, jijjiirama kana kuffisuuf kan sochohan, naannoo isin bulchitan keessatti qaamoleen hidhatan Oromoota Walloo jiran irratti Oromoo ta'uu isaanitiif qofa guyyaa saafaa ajjeessaa akka jiran miidiyaalerraa dhagahaa jirra. Isinii fi mootummaan keessan kanneen lubbuu namaa galaafachaa jiran kana maal akka godheefi amma maalirra akka jiru nuuf ibsuu dandeessuu?" kan jedhu ture.

Yoo tarii humna keessanii olta'eera tahemmoo Qeerroo fi Faannootti himadhaatii qaamolee seeran alaa kana akka adaba qabachiisan abdii guddaan qaba jedhan.

Gaaffii lammeessoo itti aansan, " Iskindirii fi warri iskindir bobbaasu jibba Oromoorratti bananii fi Oromoon mirga heeran magaalaa Finfinneerraa qabu isinii fi mootummaan keessan akkamitti ilaala?" jechuun gaafatan.

Kuni gaaffii ijoo ummanni keenya gaafatu wan ta'eef akka deebii itti nuuf kennan barbaanna jedhaniin.

Sadeessoodhaanis " dhimmoota Ummanni fi Ijoolleen keenya dhumanii fi aarsaa itti kaffalan keessaa tokko Afaan Oromoo Amaariffa cinaatti afaan Federaalaa akka ta'uufi. Isinii fi naannoon isin bulchitan Afaan Oromoo afaan Federaalaa yoo ta'e akkamitti ilaaltu?" kan jedhudha.

Gaaffii Afreessoon Obbo Tasfaayee " Uummanni magalaaa Amboo waggoota dheeraa darbaniif qabsoorra waan turaniif misoomaaf yeroo hin arganne, amma garuu misoomatti fulleffannee kaaneerra isinii fi abbootiin qabeenyaa naannoo keessan jiran maal nugargaartu?" jechuun gaafatan.

Pirezedaantiin naannoo Amaaraa Dr. Ambaachoo Mokonnin, wayita deebisan "Afaan Oromoo miidiyaa naannoo keenyaarratti yeroo qilleensaa qaba. Godina addaa Oromoo keessattis afaan barnootaa ta'ee tajaajilaa jira. Kuni babal'atee cimaa akka deemu ni hojjenna" jedhan.

Naannichatti ammaan durayyuu afaan dabalataa barsiisuuf karoorri jalqabame jiraachuu fi wadaroo cimaa tokkummaa keenya cimsu waan ta'eef cimsinee itti fufna jedhan.

Guddina magaalaa Amboo kan ilaaleenis magaala kana guddisuuf hamma humni keenya dandahe hundaan abbootiin qabeenyaa keenyas garana dhufanii akka hojjetaniif ergaan dabarsaafi jedhan.

Dhimma magaalaa Finfinnee irrattis naannoon Amaaraa dhimmi heera mootummaarra taa'e qixa sirriin akka hojiirra ooluuf ejjennoo cimaa akka qabu himan.

"Dhimma magaalaa Finfinnee irratti waan heera mootummaa irra taa'e kan sharafu ilaalcha namni qabu keessa keenya hin jiru."

"Kanaaf Finfinneen magaala guddoo sabaa fi sablammootaa, magaala guddoo Afrikaatisi. Naannoon Oromiyaa ammoo faayidaa addaa heera mootummaatiin taa'e qaba. Faayidaan addaa heeran taa'e kuni akka kabajamuuf ammoo nutis ni qabsoofna." jedhan Dr. Ambaachoon.

Waan heeran taa'e kanaan alatti karaa mirgaas ta'ee bitaan ilaalchi fiixeetti bahee jiru fudhatama akka hin qabaannes eeran.

Ajandaa magaalaa Finfinnee irratti kanneen ilaalcha sirrii hin taane oofan irraas adda baasaatii nu ilaalaas jedhan.

Ibsa waa'ee suuraa,

Marii dhimma hariiroo Oromoo fi Amaaraa magaalaa Ambootti

"Yeeroo hunda wanti isin dagachuu hin qabaanne nuti yeroo hunda ilaalchota fiixeetti bahan kanneen oofaniin marfamnee hojjechaa jirra. Kanaaf yeroo gartuun ilaalcha fiixeetti bahe oofan kuni nuraasan adaraa isinis waliin nun raasinaa."

"Yeroo hunda tasgabaahanii dubbii adda baafachuu, dhagahuu fi qulqulleeffachuu baay'ee barbaanna. Nuti biyya guddaa fi uummata guddaa hogganna ilaaalchotni xixxiqqaan yeroo oofaman kan keenya akka hin taane akka hubattanin barbaada." Jedhan.

Rakkoo nageenyaa naannicha godina addaa Oromoo fi shawaa kaabaatti gaheen miidhaa lubbuu namaarra gaheef gaddi guddaan akka itti dhagahame himan.

"Naannoo keenya Godina addaa Oromoo fi shawaa kaabaatti rakkoon uumamee ture. Rakkoo kanaan lubbuun namaa badeera. Kuni hedduu nu gaddisiiseera. Warri miidhame hunduu qaama keenya. Kanaan keessi keenya miidhameera."

"Amma naannolee kanneenitti nageenyi bu'eera. Wanti akkanaa akka lamuu hin mudanne, amma booda dursinee karoorsinee akka hojjennu waadaan isiniif gala." jedhan.

Marii dhimma hariiroo saboota Oromoo fi Amaaraa Magaalaa Ambootti Dilbata gaafa bultii 21,04,2019 geggeeffameerratti Pirezidaantii Itti Aanaan Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hariiroon obbolummaa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa oduu sobaa fi ololaan kan duubatti deebi'u osoo hin taane daran cimee saboota birootiifuu gaaddisa taha jedhan.

Hariiroon saboota lameenii aramaa boceetiin jalqabames Oromoo fi Amaaraa tokko godhee tokkumaa Itoophiyaas sadarkaa fooyyee qabutti ceesisuu eeran obbo Shimallis.

Hariiroon obbolummaa Saba lamaanii magaala Ambootti kabajamu kunis Ambo wareegamee du'ees jibba osoo hin taane daranuu jaalala waan cimsateef fakkeenya gaarii kan ta'uu dha Jedhan.

"Oromoon kan lolarrattiyyuu booji'e sirna moggaasaatiin Oromeessee fira godhata malee hin jibbu, eenyummaansaas hammachuudha, jibbii fi ofirraa dhiibuun eenyummaa oromoo kan ibsan miti." jechuun aadaa Oromoon jaalalaaf qabu ibsan.

Lammiilee naannoo Oromiyaa irraa sababoota garagaraatiin buqqa'an kan ilaaleenis, lammiileen kunniin yeroo gabaabaa keessatti qe'ee isaaniitti akka deebi'aniif kutannoon hojjenna yeroo gabaabattis ni deebisna jedhaniiru.

Hariiroon Sabaa fi sabaa kunis kallattii afraniinuu naannolee biroo waliin ittii fufa Jedhan.

Hawaasni magaalaa Amboo keessummaa simachuun jaalalaa fi simannnaa keessummootaaf taasisaniifis galateeffataniiru.