Komediyaaniin lammii Yuukireen filannoo pirezidaantummaa injifate

Madda suuraa, EPA
Volodiyimar Zeleniskii filannoo pirezidaantummaa Yuukireen mo'ate
Komediyaan Volodiyimar Zeleniskii Yuukireen filannoo pirezidaantummaa biyyattii sagalee 70% aragchuun injifate.
Filannoo marsaa jalqabaa kaadhimamtootni 39 irratti hirmaatan irattis sagalee harka caalu argatee ture.
Zeleniskiin pirezidaanti Peetroo Poorosheenkoon haalaan morkateera.
Pooroosheenkoon filannoo gaggeefameen injifatamuu isaa amanuun siyaasa keessaa garuu akka hin bane deeggartoota isaaniif ibsaniiru.
Bu'aa filannichaan booda Zeleniskiin deeggartoota isaaniin isin hin qaanessu jedhaniiru.
''Ammayyuu seera qabeessaan pirezidaantii tahuu baadhus akka lammii Yuukireen tokkoottii biyyoota Sooviyeet boodaa hundatti akka waan hundi danda'amu himuun barbaada'' jedhan.
Yoo bu'aan sagalee kennamee mirkanaa'u waggoota dhufan shaniif pirezidaantii Yuukireen tahuun tajaajila.
Pirezidaantiin Yuukireen dhimma nageenyaa, human ittisaa fi imaammata alaa biyyichaa irratti aangoo olaanaa qaba.
Madda suuraa, Getty Images
Petro Poroshenko fincila biyyattii keessatti pirezidaantii duraanii Raashiyaa deeggara jedhamaa ture irratti ka'een booda filatame.
Lammiileen Yuukireen nama siyaasaa muuxannoo guuddaa qabu Pooroshenkoo irra komediyaanii muuxannoo siyaasaa hin qabne filatan jechuun ibsu xiinxaltootni siayaasaa.
Pirezidaantichi sagalee 9% qofa yoo argatu 45 % komeediyaanin Zeleniskii jedhamu argateera jedhan.
Kaadhimamtootni 37 tahan filannichaan ala tahaniiru. Porooshenkoon tujaara Yuukireen yommuu tahu pirezidaantii duraanii Raashiyaa deeggara jedhamu irratti yeroo mormiin biyya keessaa ka'u sagalee 25% qofa argachuun ture bara 2014 pirezidaantii tahuun kan filatamee bulchaa ture.
Zeleniskiin diraamaa komeeddii siyaasa irratti xiyyeeffatuun kan tajaajilaa uummataa jedhamuun beekamuun uummata biratti kan beekamu yoo tahu achi irrattis akka pirezidaantii biyyaa tahuun ture kan hojjechaa ture.
Duula filannoo gaggeessaa ture keessattis garaagarummaa morkattota isaa waliin qabu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa ture malee dhimma imaammata siyaasaa qabu irratti miti.
Muuxannoo siyaasaas Kanaan dura akka hin qabne ni himama.