Ulaawwan daangaa Itoophiyaafi Ertiraa wal-qunnamsiisan hundi cufaman

Danaa Itoophiyaa daangaa Itoophiyaafi Eritiraa walqunnamsiisan agarsiisu

Ulaawwan daangaa Itoophiyaafi Eretiraa walqunnamsiisan guutumatti cufamuu isaanii aanga'oonfi jiraatoonni naannoo sanii himaniiru.

Dangaan Humaraa-Omahajaar torbee darbe kan cuufame yoo ta'u, har'a ammoo Buree- Asaab cuufamuun isaa hogganaan Biiroo Sab-qunnamtii Uummataa naannoo Afaar Usmaan Idriis BBCtti himaniiru.

Daangaan hafan lama ammoo yeroo garagaaratti cufamuu isaanii ni yaadatama.

Ji'oota dura dangaan kunneen banaa ta'uu isaaniirraa kan ka'e uummata biyyoota lamaan jidduu daldalli ho'ee turuusaa ni yaadatama.

Fakkeenyaaf, Sudaaniif dhihoo kan ta'e daangaan Humaraa-Omahajaar osoo hin cuufamiin duraa sochii tiraafikii guddaa qaba ture. Daldaltoota Humaraaf daldalli ho'ee dolaara tokko Naqafa 15, akkasumas Birriin ammoo 28tti sharafaa turan.

Kanaan dura daangaan afraanuu yeroo garagaaritti banamanii kan turaan yoo ta'u, ammatti cuufamuu isaaniif sababiin ifa ta'e hin jiru. Daangaan kunneen cuufamuu isaaniitiif waanti ifa ta'e jiraachuu baatus; akka maddeen garagaraa ibsanitti yoo ta'e biyyoota lameenuu jidduu dhimmoota viizaafi qaraxa irratti hanqinoota jiraan foyyeessuuf jecha namoota miilaafi konkolaatan qaxamuraan hambisuuf akka ta'e ibsu.

BBCn dhimma kana adda baasuuf qamoolee kanneen argachuuf yaali godheera. Imbaasiin Itoophiyaa Asmaraatti argamu qaamni dhimma kanaaf deebii kennuu danda'u ministeera dhimma alaati jedha.

Ministeerri dhimma ala ammoo gama isaatiin dhimma dangaa wajjira ministeera muummee akka ilaallatu nutti himaniiru.

Hoggantuun Biiroo Komnikeeshiinii naannoo Tigiraay kan taate Aadde Liiyaa Kaasaa mootuummaan federaalaa uummataaf dhimma kana ifa gochuu akka qabu BBCtti himaniiru.

Itoophiyaafi Ertiraan daangaa km1000 ta'u wal dangeessu. Daangaan biyyoota lamaanii kana wal qunnamsiisaan isaan kamidha?

1. Zaalambassaa-Sarhaa

Balbaloota dura banamaan keessaa isa tokkodha. Kan dursee cuufamees isuma kanadha.

Namni tokko magaalaa Maqaleerra ka'ee Addigiratiin darbee; Zaalambaassaa osoo ce'ee ganda Ertiraa Saharaa jedhamtu gaha. Itti fufuun gara fuulduraa yoo deeme ammoo Sana'aan jirti. Karaarra ammoo magaloota xixiqqoo Adi Qayihiinfi Damqaharaan jedhaman darbee Asmaraa seena jechuudha.

Karaan Zaalambassaa Sahaar Fulbaana 1/2011 erga banamee booda daldalli ho'ee ture. Konkolaatonni gurguddoo midhaaniifi mi'a garagaraa fe'anii baayyinaan kan deemuu jalqaban erga daandichi banamee booda ture.

Ji'a Sadaasa darbe kana deebi'ee cuufame. Yeroo kanatti jiraattonni biyyoota lamaanii daangaarraa jiraatan walitti dhufeenya miilaan godhaniin alatti konkolaatadhaaf banaa miti.

2. Raamaa-Kisaad Iqqaa

Itoophiyaafi Ertiraan karaa kanaan riqicha laga Marab diriirfame irratti walqunnamu. Fiixee gama Itoophiyaatiin Raamaa gama saniin ammoo Kisaad jirti.

Karaan kun ammoo ji'a Fulbaana banamee Sadaasa cufame.

3. Humaraa-Omahajaar

Karaan kun ammoo gama Tigiraayiin kan Itoophiyaafi Ertiraa dangeessu yoo ta'u, Sudaaniif ammoo dhihoodha. Yeroo baname san sochii ho'atu jiru.

Karri kun ammoo guyyaa ayyana Qillee bakka hoggantoonni biyyoota lameenii argamanitti ji'a Muddee 29/2011 ture kan baname.

Daangaan kun Sudaan qofaaf osoo hin taane naannoo Amaaraafis dhihoodha. Kanaafuu namni Gondaar irraa gara Asmaraa imaalu tokko karaa kana filachuun isaa hin oolu.

Karaa Humaraan Tasaneyiifi Baarentuu darbee Aqurdaatiifi Karaniin darbee Asmaraa kan geessu karaan kun guyyoota muraasaa dura cufame.

4. Buree-Dabaayi Simaa

Daangaan armaan olii sadaan karaa naannoo Tigirayiin kan daangeessan yoo ta'u inni kaan ammoo naannoo Affaaritti argama.

Karri kun naannoo Affaar goree kan Itoophiyaa buufata doonii Asaab waliin wal-qunnamsiisudha.

Kunis Ayyana Bara Haaraa Itoophiyaatti kan baname yoo ta'u, amma garuu cufamuun isaa mirkana'eera.

Odeessa kana irratti dabalata