Paarkii Biyyoolessaa Gibee Shalaqootti roobiin 28 guyyoota muraasa keessatti du'an

Madda suuraa, Ethio Live Updates
Roobiin lakkoofsi isaanii 28 ta'an Paarkii Biyyaalessaa Gibee Shalaqoo keessatti guyyoota muraasa keessatti du'an.
Taateen kun kan mudate Naannoo Kibbaa Godina Guraagee keessatti kan argamu Paarkii Biyyaalessaa Gibee Shalaqoo keessattidha.
Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Kunuunsa Bineensotaa Itoophiyaa Obbo Kumarraa Waaqjiraa waan BBCtti himan, iddoowwan garagaraatti roobiin 28 du'uusaanii mirkaneeffanneerra jedhan.
Waanti kun daran hamaa tahus dubbatu aanga'aan kun. "Duuti kun baayyeedha. Bineensonni bosonaa lamas tahe sadii duunaan innuu guddaadha."
Yeroo ammaas bakka sana akka jiraniifi ogeessi saamuda walitti qabaa akka jiraniifi sababni du'a kanaas qoratamuuf akka jiru himaniiru.
Namoota paarkicha to'atan irraa odeeffannoo akka argatanitti, dhukkuba Abbaa Sangaa, akkasumas algeen summaa'us ni shakkina jedhu Obbo Kumarraan.
Paarkii biyyaaleessaa kana keessa bineensonni bosonaafi simbirroon gosti garagaraa kan argaman yogguu tahu, baayyinaan kan argaman roobiidha jedhan. Kanaan achis naacha, gadamsa gammoojjii, leencaafi kanneen biroonis ni argamu.
Duuti baayyina hagas gahu amma dura biyyattiii keessatti mudatee hin beeku jedhu daarektarrichi. Lakkoofsi isaanii hanga kanaa hin ta'iin malee Paarkii Nacci Saar keessatti harree-diidoon (Zabiraan) lakkoofsaan hedduu ta'an du'aniiru jedhan.
Paarkiin Biyyaalessaa Gibee Shalaqoo dhiyeenya kan hundaa'e yommuu tahu, naannoo Kibbaa jalatti akka bulus odeeffanneerra.