Barattoota Mediisinii: 'Nageenyi bakka hojii amansiisaa miti, hanga hojjennus nuuf hin kaffalamu'

Barattoota hiriira ba'an
Ibsa waa'ee suuraa,

Barattoota hiriira ba'an

Barattoonni Mediisinii Mana Barumsaa Xiqur Ambassaafi Kollejjii Medikaalaa Miliniyeem Qiddus Phaawuloos baratan 'tajaajilli fayyaafi ogeessonni gubbaa hanga gadiitti xiyyeeffannoo maluuf gama mootummaatiin hin kennamneef' jechuun mormuutti jiru.

Mormiin walfakkaatuun barattoonni yunvarsiitiiwwan Jimmaafi Arsii baratan torbeewwan darban keessa 'Dhukkubsataa otoo kunuunsinuu ofiif kunuunsa dhabne' jechuun ba'anii turan.

Barataan waggaa 6ffaa Qiddus Phaawuloos Sifeessaa Dassaleny sirni kenninsa tajaajila fayyaa gubbaa hanga jalaatti rakkina akka qabuufi mootummaan rakkoo jiran hunda akka dagate hubachiisuuf hiriira baane jedha.

"Nuti hangam hojjennellee jijjiirama fiduu akka hin dandeenyeefi haala amma jiruun akka hin danda'amne ibsineerra. Kaffaltii dabalatee amma humnaafi yeroo keenya kenninu hin argannu. Kabajni nuuf malullee nuuf waan hin kennamneef sagalee keenya dhageessifachuuf dirqamneerra."

Yunvarsitii waliin yeroo gara garaa akka haasa'aa turan kan dubbatu barataan kun, yeroo shaakala barnootaa (internship)'tti bobbaanee hojjennu keessatti hanga hojichi barbaadamuufi akka dadhabsiisaa ta'een kaffaltiifi deggersi barbaachisu nuuf hin guutamne jedha.

"Qaamolee yuunivarsiitii sadarkaa gara garaa irra jiran waliin dubbachuuf yaallus hanga ammaatti deebii quubsaa kan nuuf deebisan hin jiran."

Akka barataa kanaatti nagummaan bakka hojii isanii amansiisaa miti. "Kufaatii sirna tajaajila fayyaarraa kan ka'e uummanni gaaffii hundaaf itti gaafatamaa nu taasisa.

Kan sirreessuu dandeenyuufi sirreessuu hin dandeenyeefis nuun komatu. Kun ammoo naannoo mijataa hin taane keessatti akka hojjennu nu godha."

Mana Barumsaa Qiddus Phaawuloos keessatti warra hiriira ba'an keessaa tokko kan taate barattuu Raahel Tasfaayee, rakkoo barattoota Mediisinii yuunivarsiitii Arsiifi Jimmaa irra ga'e balaaleffachuuf baane jetti.

Gaaffiin barattoonni yunvarsiitiiwwan kunneen lamaan qabatanii hiriira ba'anis gaaffii kan keenyadhas kan jettu Raahel, sirni tajaajila fayyaa biyya keenya keessa jiru baayyee kan humna nama buusudha jetti.

"Bakki nuti itti hojjennu nageenyi isaa kan mirkanaa'e miti. Hojii keenya kan gitu hin argannu. Maallaqni isaa baayyee xinnoodha. Walumaa galatti haalli jiru kan akka hakiima ta'an nama kakaasu miti."

Hiriirri kun isa jalqabaati kan jettu Raahel, hanga qaamni ilaallatu nu dhaga'ee deebii kennutti gara fuula duraattis gaaffii keenya dhageessifachuu ittuma fufna jetti.

Gaaffiin kun kan barattoota mooraa tokkoo qofaa osoo hin taane kan ogeessota fayyaa guutummaa Itoophiyaa keessa jiraniiti jette Raahel.

Ministeera Eegumsa Fayyaatti Bulchiinsa Humna namaa kan ta'an Habtaamuu Damisee barattoonni ogummaa fayyaa baratan Yunvarsiitiiwwan Jimmaa, Arsiifi Bilaak Laayonirraa gaaffii walfakkaatu akka dhiyeeffatani amananii, gaaffilee isaan keessaa kan tajaajila waliin walqabatan, baruufi barsiisuu, carraan isaanii gara fuula duraa maal akka ta'u, akkasumas bakka hojiitti nageenya waliin kan walqabatudha jedhan.

Ministirri Eegumsa Fayyaasa qalbiidhaan isaan dhaggeeffataa akka jiruufi bakka jiranitti deemnee isaan mariisisaa jira jedhan.

Gaaffileen barattoonni shaakala hojii (internship) irra jiran kaasan kun harki caalan garuu sadarkaa yunvarsiitiitti kan deebii argachuu danda'anidhas jedhu Obbo Habtaamuun.

Gaaffii sadarkaa humna yuunivarsiitootaa ol ta'e ammoo itti waamamni dhaabbileen barnootaa ministeera saayinisiifi dhaabbilee barnootaa ol-aanootiif waan ta'eef, karaa dhaabbata kanaa kan deebiyu ta'a jedhan aanga'aan kun.

Kana birattis Ministeerri Eegumsa Fayyaas yuunivarsiitiiwwan gaaffiin itti ka'an kana keessattis rakkoo furuudhaaf hojjechaa jira kan jedhan, gaaffii carraa gara fuula duraa barattoonni kun gaafatanis koreen dhimma kana hordofu hundeeffamuun irratti hojjetamaa jira.

Ministeerri Saayinsiifi dhaabilee barnoota olaanoo, dhimma kana irrattii dhaabbilee barnoota olaanoo hunda keessatti har'a irraa eegalee mariin akka gaggeefamu beeksiseera.