Talaalliin dhukkuba busaa daa'imman Malaawwii irratti yaalamuufi

Talaallii daa'imaaf kennamaa jiru

Madda suuraa, D Poland/PATH

Ibsa waa'ee suuraa,

Talaallichi kana dura yaalamee ture

Talaalliin dhukkuba busaa ijoollee hanga tokko dhukkubicharraa ittisuu danda'u sadarkaa addunyaatti yeroo jalqabaaf Maalaawwiitti jalqabamuufi.

Talaalliin RTS,S sirna humna ittisa qaama keenyaa maxxantuu dhukkuba busaa bookee busaan tamsa'u akka lolutti leenjisa.

Yaaliin xiqqoo kana dura taasifameen ijoolleen waggaa 5-17 harka 40 ta'an dhukkubicharraa eegamaniiru.

Dhukkubi ajjeesaa kuni waggooti kurna darbaniif to'annoo jala oolee ture deebi'ee ka'aa jira.

Akka lakkoofsi dhiyeenya kana ba'e agarsiisutti, namooti dhukkuba busaan qabaman dabalaa jiru, kunimmoo yaaddoo uumaa jira.

Warreen harka 90 dhukkubichaan qabamaniifi namooti 435,000 du'an Afrikaa keessatti dha. Keessumaa ijoolleen immoo saaxilamoo dha.

Bara 2017ttii Maalaawwiitti namooti miiliyoona 5 tahan qabamuun mirkanaa'eera. Keeniyaafi Gaanaanillee biyyoota talaallii yaalii bal'inaan raawwachuuf biyyoota filatamanii dha.

Guddina waggoota kurna sadii

Biyyooti kunneen dhukkuba busaa dhaabuuf saaphana siree fayyadamuu dabaltee hojii bal'aa hojjetaniiru, haa ta'u malee ammayyuu namooti dhukkubichaan qabaman guddaa dha.

Saayintistoonni dhaabbata qorichaa GSK irraa walitti qabaman bara 1987 irraa jalqabee talaallicha argachuuf waggaa 30 itti fudhateera,

Deeggarsi dhaabota garaagaraa kanneen akka Path Malaria Vaccine Initiative, maallaqa doolara biiliyoona tokko tahu baasaniitu asiin gahan.

Namooti Naayijeeriyaatti waa'ee dhimma dhukkuba busaarrtti duulan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Dhukkubni busaa furmaata waaraa akka argatuuf duulli taasifamaa

Kutaan yaalichaa dhumaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaan qindeefame, talaallichis dhukkuba hanga ta'e ijoollee busaa irraa ittisa.

Talaalliin kuni akka dhukkuba biraa irratti hojjetu harka 40 bu'aa barbaachisu hin argamsiisfne, haa tahu malee RTS,Sn tarkaanfii ittisaa kanneen akka saaphana sireefi qoricha farra bookee busaa cimsuu danda'a.

Talaallin kuni ala afur kennamu qaba- ji'atti takkaa baatii sadiif, dhumarrattimmo baatii 18 booda kennama.

Yaaliin kuni bara 2013tti xumurama, akka Path jedhutti.

Yaaliin talaallii Maalaawwiitti jalqabe torbee dhufu Keeniyaafi Gaanaatti fufa.