Haadha warraa Obbo Barakat Simoon፡ "Ministirri Muummee waa'ee Barakat na waliin dubbataniiru"

Obbo Barakat

Madda suuraa, AFP

Obbo Barakat Simooniifi Obbo Taaddasaa Kaasaa yakka malaammaltummaan shakkamanii to'anoo jala erga oolanii bubbuleera. Seenaa Obbo Barakat dabarsaniifi waan yeroo ammaa itti jiran haati warraa isaanii Aadde Asee Fantee kan dubbatan qabu.

Qabeenya Korporeeshinii Xirat qisaasessuutiin kan shakkaman Obbo Barakat Simooniifi Obbo Taaddasaa Kaasaa kan to'annaa seeraa jala oolfaman ji'oota dura ture. Mana murtii waliigalaa mootummaa naannoo Amaaraatiin himanni kan irratti baname garuu ALI Ebla 14, 2011 ture.

Gara waggoota 30 oliif siyaasa Itoophiyaa keessatti gahee guddaa kan qaban Obbo Barakat Simooniifi Obbo Taaddasaa Kaasaa yakka malaammaltummaan cimaatiin shakkaman erga to'annaa jala oolanii booda waa'een aanga'oota duraanii kan hedduun dubbatamaa jira.

Kan Obbo Barakat Simoon haati warraa isaanii Aadde Asiin kan BBC'tti himte akka harmaan gadiitti dhiyateera.

BBC: Obbo Barakat attamiin qabaman, yaadachuu dandeessuu?

Aadde Asii: Obbo Barakatiifi Obbo Taaddasaan guyyaa tokkorra qabaman. Amajji 15 ganama keessaa tilmaamaan saatii 12:30 irratti ture. Yeroo karri rurukutamu hin dhageenye ture mucaakoo mana barumsaa geessuudhaaf qophaa'aan ture.

Qabuudhaaf yeroo dhufan dhugaa natti hin fakkaanne ture. Isaan [ADP] yeroo isa itti qabuuf turaniifi yeroon sirrii isaan itti isa qaban gidduu garaa garummaan ture. Osoo hin yaadiiniifi itti hin qophaa'iin ture kan dhufanii fudhatan.

BBC: Obbo Barakat akka qabamuu danda'an odeeffannoo qabdu ture?

Aadde Asii: Egaan isaan dura karaa miidiyaa isaan [Obbo Barakatiifi Obbo Taaddasaa] osoo hin beekiin koree giddu-galeessaa ADP keessaa dhorkamuun dhaga'ameera. Isaan dura garuu namoonni paartii isaan ilaallatu walitti qabamanii yeroo gamagamanitti dhimmichi akka isaan hin gaafachiifne mirkaneessanii turan, sadarkaa murtee siyaasaatti jechuudha.

Kun ta'ee osoo jiruu bakka Obbo Barakatfaa irratti hin argamiin koree giddu-galeessaa keessaa dhorkamuun isaanii dhaga'ame. Kun kan eenyuyyu hin eegne ture. Sababiin isaas gama gama ture irratti Obbo Barakat walitti qabaa boordii [kan Korporeeshinii Xirat] ta'anii hojjetan malee hojii oppeseeshinii irratti hin bobba'u jedhanii turan.

Kanarra darbee isa qofaa osoo hin taane mallattoon miseensota boordii kan qabu waan ta'eef hanqina hojmaataadha jedhame malee malaamaltummaa cimaadhaan kan yakkamaa nama taasisu miti jedhamee ture. kana waliin walqabatee Obbo Barakat dubicha sirriitti miidiyaaf sirriitti ibsanii turan. Yeroo gara garaa akka himachuuf jedhan ni dhageenya ture.

Mirgi himachuufi himachuu dhabuu isaan harka ture. Yoomidha kan jedhu garuu hin beeknu ture. Kanaaf, akka tasaa ture.

BBC: Kan to'annoo jala oolfaman mana jireenyaa isaanii Booleetti argamu kessaati. Akkamiin gara Baahirdaar geeffaman?

Aadde Asii: Jalqaba yeroo poolisoonni dhufan poolisii federaalaati jedhee yaadee ture. Xalayaan akka dhiyaatan dhiyaate garuu mana murtii waliigalaa mootummaa naannoo Amaaraatiin. Inni isa kana hin fudhanne sababiin isaas inni hojjetaa federaalaa waan tureef.

Dhimma ittiin himatamera jedhame sirrii miti jechuun falmee ture. Gara mana isaatti deebiyuu hin dandeenye, nyaata hin nyaanne, qorichas hin fudhanne ture. Saatii lamaaf ture kan mormaa ture.

Ani isa cinaa waan tureef aanga'oota mootummaa gara garaatti bilbiluudhaan gargaarsa argachuudhaaf yaaleen ture. Tokkoon isaaniilleedubbisuudhaaf fedhii hin qaban ture.

Daa'imni keenya umuriin ishee waggaa 13 yeroo kun ta'u achuma turte. Dhuma irratti poolisoonni isaan kun warra ajajaman waan ta'aniif furmaanni hin dhufu, ofumakoo deemeen bilisa of baasee deebiya jedhee murteesse. Isaan booda Xiyyaara addatti qophaa'een Obbo Taaddasaa waliin gara Baahirdaar geeffaman. Achii ammoo buufata poolisii Zexenenyaa geeffaman. Guyyoota itti aananiifis dargaggoota gurmaa'aniin akka arrabsamaniifi irratti ga'ifamu taasifame.

BBC: Yeroo ammaa akkamiin deddeebitanii gaafattu?

Aadde Asii: Dhaddacha taasifamu mara irraa hafuu hin barbaadu. Sababiin isaa naannoo sanaa maatii hin qaban. Maatiin hunduu Finfinee jiraata. Kana irrattis isaaniin yakkamaa taasisuuf dargaggoota gurmaa'an malee murtoo biraa warra hin eegani tu achitti walitti qabama.

Kan itti himatamanis siyaasa malee dhugaa akka hin qabne waan beeknuuf sababa kanaatiif qofummaan akka itti hin dhaga'amneef jecha yeroo hunda argamuun nurra jira. Adeemsa mana murtiis hordofnee miidiyaadhaaf ifa gocuunis nurra jira. Jarri kun abukaatoos hin qaban.

Nama abukaatoo isaaniif ta'e irratti tarkaanfii fudhanna waan jedhamee miidiyaalee hawwaasummaa irratti gadhiifameef argachuu hin dandeenye. Abukaatonni lama dhufanii haala jiru qulqulleeffachuuf yaalanii turan garuu sodaachifamanii dhiisanii Finfinneetti deebiyan.

BBC: Mana sirreessaa sana keessatti akkaataan qabannaa Obbo Barakat maal fakkaata?

Aadde Asii: Manni hidhaa sun dhugaa dubbachuudhaaf haaraadha. Mana hidhaa biraa hin beeku yoon ta'eyyu akka dubbatan yoo ta'e foyyaa'aadha. Baardaar keessaa kan ba'edha. Qofaatti adda baasanii ture kan ramadan. Kanaaf isaan ni galateeffanna. Kana jechuun garuu rakkoon hin jiru jechuu miti. Yeroo darbe keessa maatiin yeroon dheeraan kennameefii akka gaafachuu danda'an ni hayyamamaaf.

Yeroo dhiyoo asitti garuu hiriirree eeggachuudhaan gaafanna. Kana irratti ammoo yeroon gabaabduun nuuf kenname osoo hin dhumiin isin ga'a jedhamna. Guddatus xiqqaatus bilbilaan wal ni argina ture; amma garuu sana gochuu hin dandeenye.

Finfinnee irraa abokaatota mariisifnee ergaa isaan nutti himan sirriitti dabarsuu hin dandeenye. Karaa tokko maatiin rakkachaa jira. Karaa biraa ammoo kitaabonni ni galuuf garuu kan itti barreessan kompiitara osoo hin taane qalamaan qofa.

BBC: Mana hidhaa keessatti Obbo Barakat waliin yeroo hedduu waa'ee maalii dubbattu?

Aadde Asii: Waan hedduu kaasnee haasofna. Waa'ee maatii ni haasofna. Yeroo hedduu garuu kan dabarsinu waa'ee dhimma adeemsa murtii mariyachuudhaan. Abukaatoo waan hin qabneefis gorsa abukaatota irraa nuuf kennames ni geessisna; gaaffiin yoo jiraates qabannee deebina. Waa'ee siyaasa biyyattiis ni haasofna. TV'n isaaniif galeera.

BBC: Obbo Barakat osoo hin hidhamiin dura biyyaa bahuu barbaaduu kan jedhu gaafatamanii akka hin feene ibsanii turan. Ammaa yaada adda ta'e qabuu?

Aadde Asii: Hanga ani beekutti hangan gaafa du'uutti fedhii Itoophiyaa keessa ba'uu hin qabu kan jedhun beeka ani. Gara fuula duraatti maaltu ta'a? hin beekamu. Nama waan ta'eef haalli dirqisiisu uumamuu danda'a.

Maatiifi firoonni hedduu akka dhiibaa turan nan yadadha, Itoophiyaa keessaa ba'i jedhanii jechuudha. Haata'u malee guyyaa tokkollee Itoophiyaa keessa ba'uudhaaf fedhii akka qabu yeroo dubbatu dhaga'ee hin beeku. Maatiirra miidhaan ga'uu danda'a kan jedhu sodaa qaba malee inni nama du'aaf qophaa'edha.

BBC: Obbo Barakat har'a kan itti gaabban jiraa laata?

Aadde Asii: Kan itti gaabbi jiraachuu mala ta'a. Sadarkaa kanatti kanan beeku hin qabu. Haala kanaan dhuma isaa ta'uun garuu isa gaddisiisa. Namoota warra isa hidhan hundaa ol ni amana ture. Aangoo isaa dabarsee isaaniif kenneera.

Anaan na ga'a jedhee, nuti ba'uu qabna jechuudhaan isin dhaalaa jedhee dabarseera. Itti gaabbuu danda'a jedhee kanan yaadu namni bakka bu'aa gaariin uumamuu dhabuun isaadha. Gama kanaan hir'inni akka jiru yeroo dubbatu nan dhaga'a.

Madda suuraa, Getty Images

BBC: Adeemsi Obbo Barakat itti himataman dhiibbaa siyaasaa qaba jettanii yaadduu?

Aadde Asii: Eyyeen, sirriitti! Maaliif? jettee yoo na gaafatte, tokkoffaa namoonni hedduun Itoophiyaa keessatti malaammaltummaan ni shakkamu. Isaan garuu hin gaafataman. Lammaffaa ammoo Obbo Barakatis ta'e Obbo Taaddasaan malaammaltummaan kan beekaman miti.

Namoota jireenya isaanii sadarkaa gadi aanaatiin jiraatanidha. Maqaa isaatiinis ta'e maqaa firoota isaatiin meeshaan galmaa'e tokkollee hin jiru. Lafa hin qaban; mana hin qaban; konkolataa ykn qabeenya biraa kan hin qabneefi galii mootummaan isaaniif kennuun kan jiraatanidha.

Kanaaf, har'a irra ga'amee malaammaltummaan shakkamuun isaa siyaasadha malee kan biraa maal ta'uu danda'a.

BBC: Himanni isaanii naannoo Amaaraa jalatti ilaalamaa kan jiru ta'us himata Obbo Barakat keessa harki mootummaa federaalaa jira jettanii yaadduu?

Aadde Asii: Egaa mootummaan federaalaa 'nuti gama keenyaan isaan hin barbaannu' jechuun ibsa baaseera. Akkas jedhes jechuu baatus garuu jarri kun jallinaan hidhamaniiru. Mirgi namoomaa isaanii dhiitamaa jira; haqaan himatamaa hn jiran.

Hanga yeroo dhiyootti mootummaa federaalaa dhimmi ilaallatuuf xalayaa barressinus kan deebii kennu hin argamne. Deebiin nuuf kennamu dhimma mana murtiin qabame waan ta'eef gidduu hin seennu kan jedhudha.

Torban lamaan dura Ministirri Muummeellee nu dubbisanii turan. Hidhamuu isaanii waliin walqabatees hanqina jiru isaaniif ibsineerra. Namoonni nu gargaaruu hin barbaanne akka jiran itti himnee rakkinichi akka furamuuf ajajas nuuf dabarsaniiru.

Adeemsa haqaa keessa galuu akka hin dandeenye garuu haqni saffisaan akka kennamuuf itti dubbachuuf jiraachuu nutti himaniiru. Kanaaf, isaan ni galateeffanna. Garuu baayyee ture; ammas turaa jira.