Carraafi yaaddoon Pirojektii Chaayinaa 'Belt and Road Initiative' jirtu maal?

Madda suuraa, Waajira Ministira Muummee
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimaad Foramii Belt and Road jedhamuufi olaantummaa Chaayinaatiin sagantaa bu'uuraalee misoomaarratti hojjeturratti hirmaachuuf gara Beejiing imalaniiru.
Kora kana irratti dhimmoota ijoo mariidhaaf dhiyaatu jedhaman keessaa liqaa Chaayinaan misoomaaf liqeessitu tokko ta'a jedhu ogeeyyiin.
Ofii Sagantaan Itoophiyaan miseensa itti taate Belt and Road jedhamu kun maali?
Sagantaan Belt and Roads/ One Belt One Road jedhamu kun sagantaa olaantummaa Chaayinaan waggoottan 30 darban kana gama diinagdeefi bu'uuraalee misoomaan galmeesisaa jirtu gara sadarkaa idila addunyaattii guddisuuf gahee addaa qabaatudha jedhu ogeeyyin diinagdee.
Pireezidant Zhii Jinpiing bara 2013tti wayita Kazaksistaan daawwatanitti yaada sagantaa kanaa dhiyeessuun biyyoota ardiilee addunyaa kanarra jiran waliin bu'uuraalee misoomaa akka daandiin walqunnamuufi investimentii jajjabeessuu kan beeksisan.
Yeroo keessa lakkoofsi biyyoota sagantaa kanatti makamanii dabalee yeroo ammaa ardiwwan jiran hunda akeessaa biyyoota 65 ol ta'an kan guddinni omisha waliigalaa isaanii Doolaara triiliyoona 23tti tilmaamuu of keessaa qaba.
Chaayinaan biyyoota sagantaa kana keesatti hirmaachuuf waliigalan keesatti maallaqa ijaarsa daandii baaburaa, konkolaataafi buufata doonii gurguddaa ijaaruuf kan ooluu doolaara Ameerikaa triiliyoona tokko ta'u rammadeetti.
Biyyoonni projeektota kunniin ijaaran ammoo baankiiwwan Chaayinaarraa maallaqa liqaan akka argatan ta'a.
Sagantaa kanaan biyyuma ofii keessatti bu'uura misoomaa babal'isuuf, biyyota ollaafi darbees Chaayinaa waliin walqunnamuuf, biyyoonni akka Jibuutii, Itoophiyaafi Keeniyaa maallaqa hedduu liqaan fudhataniiru.
Bara 2017 liqaa Chaayinaan biyyoota Afrikaa rakkoo keessa jiran keessaa Chaad, Ertiraa, Mozaambiik, Koongoofi Sudaan Kibbaa kan heeraman yoo ta'u; Zimbaabweefi Itoophiyaan garuu muddama hamaa keessa turan.
Itoophiyaan qaama sagantaa kanaa ta'uun ijaarsa pirojektii Daandii Baaburaa Finfinneefi Jibuutii walqunnamsiisu dabalatee kaaniifis Chaayinaarra liqaa hedduutu irra jira.
Gariin yeroon liqaan kun itti kaffalamuu qabu gahee mootummaan Chayinaa yeroo dabalataa akka kennuuf Itoophiyaan gaafachaa akka jirtu qondolli olaana Itoophiyaa Beejingitti argamu miidiyaaleef himaniiru.
Akka ragaan Institiyuutii Qorannoo Ameerikaa Joon Hopkiinsiin bara darbe baasetti, bara 2000 irraa eegalee waggoota jiran keessatti Itoophiyaan baankiiwan Chaayinaarraa Doolaa biiliyoona 12 liqeeffatteetti.
Kun kanaan osoo jiruu Korri Belt and Road Initiative marroo lammataa tibbana Chaayinaa Beejiingitti qophaayerratti argamuuf Ministirr muummee Abiyy Ahimad garasitii imalaniiru.
Sagantaa kanaratti akka waliigalaatti waliigalteewwan haaraan ni mallataa'u, sagnatichaaf qajeelfamoonni haaraniis ni kaa'amu jedhamee eegama.
Carraa maaltu Belt and Road Initiative kana keessa jiraa?
Hayyuu Dinagdeefi Yunvarsiittii Finfinneetti barsiisaa kan ta'an Obbo Tashoomee Tafarree carraafi yaaddoo Belt and Road Initiative Itoophiyaafi biyyoota kana keessatti hammatamaniif qabaatu maal ta'uu akka danda'u BBC'tti himaniiru.
Biyyoota Afrikaa keessaa kan akka jalqabaatti karoora kana keessatti hammataman biyyoota sadii adda durummaan kan heeraman, isaanis Itoophiyaa, Keeniyaafi Ijiptidha jedhu Obbo Tashoomeen.
Akka ogeessi kun jedhanitti biyyoonni pirojektii kana keessatti hammataman Chaayinaa waliin qofa kan walqunnaman osoo hin taane, biyyoota Belt and Road Initiative keessatti heeraman 65 hunda waliin walqunnamu.
"Kana jechuun ammoo dinagdeedhaan yoo ilaalle kan addunyaa %30 waliin walqunnamu jechuudha. Lakkoofsa uumataatiin yoo ilaalle egaa %62 wajjin walqunnamu jechuudha."
Pirojektiin kun daandii ijaaruu irratti, buufatawwan doonii ijaaruu irratti, daandii baaburaa ijaaruu irratti waan xiyyeeffatuuf biyyoota kana waliin walqabata jedhan.
Yaaddoo dandeettii liqa deebisuu
Harooraa biyyoonni Afrikaa kuniifi Chaayinaan qaban kana keessumaa dandeettii liqaa deebisuu waliin walqabatee beektonni hedduu qeequ.
Itoophiyaan pirojektoota adda addaadhaaf liqaa ittiin hojjetanii deebisuudhaan (Commercial loan) maallaqa hedduu Chaayinaa irraa akka fudhatteetu jedhu Obbo Tashoomeen.
"Tokkoffaa liqaan kun yeroo gabaabaa keessatti kaffalamuu qaba. Lammaffaa ammoo dhalli isaas guddaadha. Amma liqaan kun yeroon itti kaffalamuu qabu (maturity date) ga'eera.
Haata'u malee, pirojektoonni kunneen hojjetamee hin xumuramne. Karaa biraan ammoo, malaammaltummaadhaan qarshiin liqaadhaan argame akka hin taane ta'ee babbadeera. Kanaaf, biyyattiin haala amma keessa jirtu kanaan liqaa kana deebisuu hin dandeessu. Kanaaf, irra deebiyanii waliigaltee haaromsatu jechuudha."
Haasaan dhimma kanaa Mudde keessa jalqabamuu isaa yadatanii, pirojektiin Daandii Baaburaa Finfinnee -Jabutii kana keessa %70 gara Dolaara Biliyeena 3 kan ta'u barri kaffalta isaa waggaa 10 gara waggaa 30'tti akka dheeratu mootummaan Chaayinaa waliigaltee isaa ibseera jedhan Obbo Tashomeen.
"Egaa akka yaadakootti Ministittirri Muummichaa waliigaltee kana mallattoodhaan dhugoomsuudhaafis deeman ta'a."
Hariiroo biyyoonni Afrikaa Chaayinaa waliin qabaniin miidhaarra gaarummaa isaa cimsuuf
Hariiroon biyyoonni Afrikaa Chaayinaa waliin qaban miidhaa qabaachuu malu caalaa bu'aan isaa akka caalu taasisuudhaaf maaltu ta'uu akka malus ni akeeka ogeessi dinagdee kun.
"Ejjennoo fudhatamuu qaban keessaa: Tokko liqaa kun jiraachuu qofa osoo hin taane walii galteen sun haala nuti barbaannuun ta'uu qaba. Lammata ammoo. erga walii galteen raawwatameen booda qarshiin argame sun waan barbaadameefi yeroo jedhameen hojiirra ooluu qaba. Sadaffaa irratti ammoo, hordoffiifi to'annoo cimaa taasisuun karaa malaammaltummaa irraa bilisa ta'een waan karoorfameef ooluu mirkaneeffachuu feesisa."

Liqaan Chaayinaa Afrikaa gabroomsuuf moo deeggaruuf?
Kora Afrikaa Chaayinaa irratti, chaayinaan liqaa dabalataa Afrikaaf Doolaara biiliyoona 60 kennuushee himteetti