Nasa'n Kirkirri lafaa Maarsii irra jira jedhe

Madda suuraa, NASA/JPL
Senserootnimeeshaa qorannoof gara Maarsiitti ergamtee Faransaay fi UKtti hojjetaman.
Gidduugalli qorannoo hawwaa Ameerikaa kirkirri ykn sochiin Maarsii irra jiraachuu hime.
Miira ykn Senserii meeshaa qorannoo gara hawwaatti ergamteen sagaleen hollatu maarsii keessaa akka dhagahamu gaafa Eebla 6 ykn 128th Martian day jedhamu irra bira gahameera.
Kirkirri akka kanaa lafaa fi Ji'a ykn adeessa irraa kan hafe fuula pilaaneetota biraa irra jiraachuu kan bira gahame kun kan jalqabaati.
Saayintistootni akka jedhanitti Kirkirrii Maarsii ykn ''Marsquake'' sochiin kun keessa Maarsii ykn dhiibbaa qaamolee caccaboo hawwaa keessaa lafaa fi pilaanetota irratti kukkufan ''Meteorite'' jedhamaniin uumamuu danda'a jedhan.
Qorattoonni Maarsiin yeroo kamiyyu caalaa gad-fageenyaan ilaaluuf jiru
Odeeffannoo fuula maarsii irra jiru qulqulluu isaa baruuf qorannoowwan dabalataa akka gaggeessus gidduugalli qorannoo awwaa Ameerikaa kun beeksiseera.
Qorattootnis garaagarummaa pilaaneetota lamaan giduu jiru baruuf kirkira maarsii kana baqqaana dhagaa lafa keessa jiruu waliin wal dorgomsiisuun waan haara tokko baruu akka barbaadan ibsaniiru.
Hollannaan sagalee amma argatan kunis ragaalee sochii fuula Ji'aa ykn adeessa irraa kanaan dura rokkeettota Appooloon funaanaman akka isaan yaadachise ibsan.
Bara 1969 fi 1977 Astiroonomerootni meeshaa kirkira lafaa kumaatama safaruu danda'u Sesemomeetir jedhamu yeroo qorannoo Ji'a irratti gaggeessan fayyadamanii ture.
Meeshaan qorannoof gara Ji'aatti ergamte InSight jedhamtu senseroota lama kan of irraa qabu yoo tahu tokko kan Faransaay tokko ammoo kan Ingilidha.