Jordaan, Qataar, Sa'udii Arabiyaa: Hojiif biyya alaa deemuuf qabxiilee baruu qabdan

Imala xayyaaraa Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Ammatti biyyoonni itti deemamu Jordaan, Qataar fi Saawudii Arabiyaa qofa

Hojiif biyyoota alaa kamfaa deemama? Attamiin deemuu dandeenya? Ulaagaalee maalfaa guutuu qabna? gaaffileen jedhan yeroo hedduu nu qaqqabu.

Lammiileen Itoophiyaa hojiif gara biyyoota Giddu-galeessa Bahaa (Arabaa) akka hin deemne ALI bara 2006 irraa eegalee dhorkamee turuunsaa ni yaadatama.

Sababni imalli biyya alaa yeroo murataaheef itti cufamee ture, sarbamni mirga namoomaa lammiileerra gahaa ture daran hammaachuun haga du'aa gahaa waan tureef, kaffaltiin haala seera-qabeessa taheen kaffalamuu dhabuu fi kanneen biroo furuuf tahuu ni himama.

Ergasiis mootummaan hojiilee garagaraa hojjechuun imalli irra deebiin akka eegalu Labsii bobbii hojii 923/2008'n eegalchiiseera.

Dhimma kanarratti odeeffachuuf Ministeera Hojjetaa fi Hawaasummaatti Daarektara Bobba'insa Hojii Biyya Alaa ka tahan Biraanuu Abarraa dubbisneerra.

Gaaffilee namoonni yeroo garagaraatti nu gaafataniif deebii isaanii waan odeeffanneerraa isinii qindeessineera.

Biyyoota kamitti imaluu dandeenya?

Mootummaan Itoophiyaa biyyoota hojjettoota qacaran waliin waliigaltee mallatteesseera. Ammatti biyyoonni kunnin Jordaan, Qataar fi Saawudii Arabiyaa qofa akka tahan Abba Biraanuun ni dubbatu.

Yeroo dhiyoottis ''Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) waliin waliigaltee xumurree gara hojiitti galuuf jirra,'' kan jedhan daarektarichi ammaaf garuu biyyoota eeraman sadan kana qofaatti hojiif deemama jedhan.

Ejensiiwwanis lammiilee biyyattii gara biyyoota eeraman kanaatti qofa erguu danda'u jedhan.

Gara biyyoota alaa hojiif deemuuf maaltu isin barbaachisa?

Amma booda hojiif gara biyyoota eeraman kaneennitti deemuu barbaaddu taanaan kanneen armaan gadii guutuu qabdu.

Leenjii

Ulaagaan isin guutuu qabdan ka jalqabaa, leenjii hojichaaf isin barbaachisu fudhachuudha.

Fakkeenyaaf hojii mana keessaaf deemtu taanaan: leenjii akkaataa qabinsaafi qulqullina manaa, irratti argachuu qabdu.

Akkasumas leenjiiwwan kunuunsa namootaaf taasifamu irrattis leenjiin ni kennama.

Leenjii fudhachuun qofa gahaa miti. Leenjicha milkaa'inaan xumuranii, gahumsa isaanii mirkaneessuu (COC) qabu.

Umriin keessan 18 ol tahuu qaba.

Image copyright Getty Images

Paaspoortii

Qaamni paaspoortii lammiileef kennu imala seeraan alaa toa'chuuf jecha haala paasipoortii itti kennus erga jijjiiree bubbuleera.

Haaluma kanaanis adeemsonni paaspoortii itti argatan kanneen biroon cinatti, kanneen hojiif gara biyya alaatti imalaniif kan kennamu warra leenjii fudhatanii, waraqaa ragaa gahumsa isaanii mirkaneessu kan fidan qofa jedhu Abba Biraanuun.

Kanas ''Waajirri keenya ni deeggara,'' jedhaniiru.

Leenjichi akkamitti kennama? Eessatti?

Akka biyyaatti dhaabbileen teeknikaa fi ogummaa leenjisan kan dhimmuma kanaaf hundaa'an 68 tahan akka jiran odeeffanneerra.

Kana malees dhaabbileen dhuunfaa leenjii kennanis ni jiru. Gara dhaabbilee dhuunfaa kanneenis deemtanii kaffaltiin leenji'uu dandeettu.

Dhaabbilee leenjii mootummaa kanneenitti lammiileen ulaagicha guutan kaffaltii malee bilisaan leenji'uu danda'u.

Akka Abba Biraanuun jedhanitti wiirtuwwan leenjii kunneen magaalota biyyattii garagaraa keessa kan argaman yemmuu tahan, leenjiin yeroo gabaabaaf turu kunis akkuma gosa barnootaatti ji'a tokkoo haga ji'a sadii fudhata.

Leenjii kana fudhachuuf ammoo yoo xiqqaate barnoota kutaa saddeet xumuruu qabdu.

Ejensiiwwan seera qabeessa akkamitti adda baafanna?

Dhaabbileen lammileen gara biyyoota alaa hpojiif imalan kan mijeessan (ejensiiwwan), kan namoota biyya alaatti ergan kanneen waajirichatti galmaa'an qofa.

Isaan kunninis marsariitii dhaabbatichaarra ni argamu. Asii cuqaastanii argachuu dandeessu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata

Geessituuwwan Intarneetii walitti dhiyaatan

Qabiyyee iddoola alaatiif BBC'n itti hin gaafatamu