'Mootummaan seeraan ala Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa diige' - Bayyanaa Sambatuu

Abbaa Gadaa duraanii Bayyanaa Sambatuu fi Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo

Bara 2006 kan hundeeffame Gumiin Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo waltajjii kaleessa magaalaa Asallaatti taa'een maqaasaa gara Gamtaa Abbootii Gadaa Oromootti geeddareera, dura taa'aa fi miseensota gamtichaas filateera.

Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo dura taa'aa, Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo dura taa'aa itti aanaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa barreessaa gamtichaa ta'uun filatamaniiru.

Dura taa'aan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo kaayyoon keenya tokkummaa Oromoo daranuu cimsuudha malee waan haaraa uumuuf miti, maqaan kan duraarraa waan baayyee adda ta'e hin qabu jedhan.

Walitti qabaa Gumii kanaa kan turan Abbaan Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sambatuu garuu beekamtii keenya malee seeraan ala gumii diigani jedhu.

Kanas biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatu harka keessaa qaba jechuun komatu.

Waltajjicha eenyutu qindeesse?

Waltajjiin waa'ee tokkummaa fi nagayaati kan jedhan Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo, kaayyoon keenya Abbootiin Gadaa keenya caaya tokko jalatti wal ga'anii tokkummaan Oromoos daran akka cimuuf hojjechuudha jedhu.

Miseensota duraanii geggeessinee haarawa fiduunis akkaatuma seera gadaa keenyaan waan nu barbaachiseef waltajjii kana qindeessine jedhan.

''Kan yaada dhiyeesse abbootuma gadaa ta'ee, kan qindeesse garuu Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaati. Isaanis gaaffii keenyarratti hundaa'uun nuuf qindeessan'' jedhu.

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas kana hin haalle.

Wixinee fooyya'iinsa ittiin bulmaataa ogeeyyiin biirichaa baatilee sadiif qoratanii dhiyeessan irratti hundaa'uun jijjiiramni maqaas ta'e kan hoggansaa raawwachuu isaa hogganaan Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa Dr. Garramuu Hulluuqaa BBC'tti himaniiru.

Maqaan kan jijjiirameef Abbaan Gadaan tokko isa tokko irratti olaantummaa akka hin qabne garuu ammoo gamtoomanii waliin hojjechuun barbaachisaa akka ta'e mul'isuufi jedhu Dr. Garramuun.

Dura taa'aa jijjiiruun kan barbaachiseef ammoo namni duraa taa'aa ta'uu qabu nama baallii of harkaa qabu waan ta'eefi jedhu.

Madda suuraa, Guyo Wario

Namni baalli kenneeru waan mara kennuu qabaata jedhu Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoos.

"Abbaan Gadaa baallii erga dabarsee dura bu'aa gumii kanaa ta'uu hin danda'u. Haga gadooma ofii hojjetan. Gadooma fixnaan keessaa ba'an.''

Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaa Sambatuu garuu kanaan walii hin galan.

Wayita Gumiin tokkummaa aabbooti Gadaa Oromoo ijaaramuu Abbaa Gadaa Tuulamaa ta'anii waggoota afuriif bulchuu kan dubbatan Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaa Samabatuu, "ana waggaa afurtu na hafa wagguma afur bulchamoo akkam ta'a jedhee gaafadheen ture" jedhu.

"Kuni kan Tuulamaan adda wagguma saddeetiif nu bulchita jedhee gumiin seera tumee, qumbii nu nyaachisee, damma nuu laate aangoo nutti kenne" jedhu.

Kana jechuun baallii Gadaa Tuulamaa kennan illee walitti qaba Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa ta'uun waggaa saddeetiif bulchuu qabu jechuudha.

Kanarratti yaada kan kennan Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo "An waan kana dhaga'eera. Ofii garuu achi hin turre" jedhu.

"Garuu akkuma seera keenyaattuu namni dura bu'aa ta'ee hojjetu nama baallii qabu ta'uu qaba malee, nama baallii kennee muti. Anallee te'ee jennaan, hangan gadooma keessa jiruttin hooggana'' jedhan.

"Alangee qabannee soba hin dubbannu"

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa dhimmi Gadaa irratti hojjeta jedhee caffeen Oromiyaa labsiin dirqama nuuf kenneera jedhu Dr Garramuun.

Gama biraan Gadaan UNESCO irratti galmaa'ee jira. Mootummaan ammoo waan UNESCO irratti galmaa'e tiksuuf dirqama fudhatee waliigaltee mallatteesseera jedhu.

Ta'us kallattiin jidduu galle osoo hin taane gorsaafi deeggarsa ogummaa taasifneefi jedhu.

Jijjiiramni hoggansaas ta'e kan maqaa taasifame yaada siyaasaa tokkollee of duubaa hin qabu jedhu Dr. Garramuun.

Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaa Sambatuu garuu mootummaa durumaa Gumii tokkummaa abbootii Gadaa kana bittinneessuuf yaada qaba ture jedhu.

Kunis Gumiin seera gadaatiin hundeeffame biiroo jalatti hin bulu jennee waan didneefi jedhu.

"Alangee dhugaatiin dubbanna malee, alangee qabannee soba hin dubbannu" jennee didne jedhu.

Wal diddaan mootummaafi Gumii tokkummaa abbootii Gadaa kun Irreecha hora harsadii fi murtee gurguddoo gumichi bara 2008 Soodareetti murteesse irraa ka'as jedhu.

"Gumiin kun waan guguddaa kaayyoo Oromoo tilmaamee waan itti deemuuf, nuyi keessaa baasanii nama ofii barbaadaniin ijaarani" jedhu.

Galmi isaa sabboonummaa Oromoo cabsuudha jedhu.

Dabalataan sochii dhiyeenya Waraana Bilisummaa Oromoo galchuuf gumiin tokkummaa abbootii Gadaa taasise irraa mootummaan gammachuu hin qabu jedhu.

"Yeroo nuti akka waraana galchinu irratti Finfinneetti mari'annu, isaan Adaamaatti gumii diiguuf kora taa'aa turani" jedhan.

"Yoo lakkii deema jedhanillee, kabajaan margaafi eebbaan nu gaggeessan malee, kan sirni gadaa hin qabne, gumii seeraan ijaarame, seeraan ala diigani" jedhu.

Abba Gadaa Jiloo Maandhoo, "Bayyanaan akka argamuuf xalayaadhaan gaafannee turre'' jedhu.

"Inni silaa argamee eebbisuutu irra ture. Garuu yoo inni dhufuu dide wanni Gumiin Abbootii Gadaa diigamtuuf hin jiru. Carraa Kanaan dhufee akka baallii kennellee beeksisee eebbaan keessaa ba'uu qaba ture. Inni yoo hin dhufin maan goonaree?'' jedhan.

''Nuti siyaasaa muti kan hojjennu waan aadaati. Siyaasa mootummaas ta'e kan Adda Bilisummaa Oromoo keessas hin beeknuu, jalas hin deemnu. Nuti waan aadaa waan gadaa jabeessina jenneeti. ''

Gumiin tokkummaa abbootii Gadaa Oromiyaa miseensota 250 ta'an qaba kan jedhan Abbaa Gadaa Duraanii Bayyanaa Sambatuu garuu, "caamsaa keessa kora yaamne ibsa kennina" jedhu.