Seenaa Oromoo: Waa'ee seenaa Aanolee kana beektuu?

Siidaa Aanolee Image copyright Waldaa Aadaa Oromoo Otaawaa

Aanoleen siidaawwan yaadannoo Oromoota gita bittaa dura dhaabbachuun yeroo gara garaatti wareegamaniif ijaaraman keessaa isa tokkodha.

Siidaa Aanolee ilaalchisee waan beekuu barbaaddan shan akka harmaan gadiitti tarraa'eera.

1. Siidaan Aanolee eessatti argama?

Siidaan Aanolee godina Arsii magaalaa Ittayyaa irraa gara harka mirgaan kiiloo meetira 10 irratti argama.

Qorataafi Barsiisaan Seeraa Kadhimamaa Doktoraa Birraatuu Qana'ii iddoon kun bakka waraanni Minilik Oromoota walitti qabee warra dhiiraa harka mirgaa, warra dubartootaa ammoo harma mirgaa itti muredha jedhu.

Oromoon gita bittaa ofirraa qolachuudhaaf qabsoo waggoota hedduudhaaf taasise keessatti Oromoonni Shawaa, Walloo, Arsiin adda durmmaan heeramu jedhan.

Bakki Siidaan Aanolee kun itti argamu ammoo bakka Oromoon Arsii waraana Minilikiifi gita bittaa yeroo sana dura dhaabbatee gatii baasaa turedha.

Barruu The Journal of Oromo Studies jedhu keessatti, Abbaas Hajii mormii jabaa Oromoon Arsii waranaa mootonni Shawaa bara 1881-1886'tti taasisan duraafi duubaan barreessaniiru.

Abbaas waraana Minilik Kaabaa gara Kibbaatti taasise keessaa Aanoleen bakka seenaan yaadatu ta'uu ibsaniiru.

2. Aanoleen bakka Minilik itti ijibbaate /xiqqoof miliqedha

Obbo Birraatuun akka jedhanitti Oromoon Arsii warra Nafxanyaa ofirraa ittisuu keessatti, keessumaa bara 1881 hanga 1886'tti lola guddaa taasisan.

Minilik yeroo gara garaatti duula gurguddaa marsaa ja'aaf gara Arsiitti taasisee ture. Arsii qabachuu dadhabee aarsaa guddaa itti kaffale.

"Minilik ofiidhuma isaayyu nagaarita/dibbeen irraa fudhatamee baqatee hanga Moojootti har'anii xiqqootti lubbuudhaan jalaa miliqe," jedhan hayyuun seeraa kun.

Obbo Biraatuuf, duula kaabarraa gara kibbaatti sirni Nafxanyaa taasisaa ture keessatti mormiin guddaan kan isaan mudate Arsii irrattti.

Minilik wayita sanatti meeshaa ammayaa bittaafi deggersaan Awurooppaa irraa argatuun ol aantummaa qabaatus, Arsiin akka adda waraanaa biraa salphaatti hin jilbeeffanneef ture.

Image copyright Terry Fincher

Keessumaayyu naanoo Azulee jedhamtutti Oromoonni mormii cimaa taasisaniin waraanni Minilik namoota hedduu 12,000 ta'an ajjeesuu ragaan ni agarsiisa jedhan.

Abbaas Hajiis akka jedhanitti bara 1889 mootii ta'u isaatiin dura duulawwan taasise hunda keessaa Minilik, kan Arsiitti taasise hunda caalaa hamaafi dhiiga hedduu kan dhangalaaesedha.

"Lafa bal'aa sana qabachuudhaaf bara 1882 hanag 1887 gidduutti duula marsaa ja'aaf gaggeesseera," jedhan barreessaan seenaa kun.

3. Bakka hojiin jiilchuu/qoor-qalbii cabsuun itti gaggeeffame

Waraanni Minilik uummata Arsii kana waan nuuf hin ciisan jedhanii sodaataniif bara 1886 Aanolee irratti namootarraa harkaafi harma muran jedhu Obbo Birraatuun.

Qorattoonni seenaa akka himanitti, uummanni Arsii Sirna Gadaa jalatti gurmaa'ee ofirraa ittisuu yaalus meeshaan hidhatanii turan kan Minilikiin hin gitu ture.

"Biyyi Firaansis meeshaan Minilikiin kan deggeraa turan keessaa tokko turte."

Humna Arsii isa dura dhaabbate kana cabsuuf Minilik meeshaa ammayaa qofa hin turre kan itti fayyadame. Namoota jiilchuudhaaf harkaafi harma muruun tooftaa tokko ture.

Barreessaan Seenaa lammii Firaansi Maarshiyaal dii Salvaayik jedhamu ragaa harkaafi harma muraa hanga tokko ol kaa'uu danda'uu isaas ni dubbata, Obbo Biraatuun.

Barreessaan kun kitaaba bara 1901 barreesse keessatti, lola Aanoleetiin waggoota 15 booda jechuudha, namoota harki murame ijaan argee barreessuu kan danda'e.

Hojii jiilchuu kanaan carraa uummanni yeroo Aanoleetti walitti qabamu eegachuutu ture. Akka ragaleen ibsanittis, yeroon isaa Aanolee irratti guyyaa sirna Baallii dabarsuu gaggeeffamudha. Ba'a Gadaa Roobaleefi seensa Gadaa Birmajii ture.

Warroonni aangoo dabarsaniifi fudhatan akkaataa Seera Tumaa Odaa Roobaatiin gosni 29 bakka kanatti akka walitti qabaman godhame. Minilikiifi suuftonni isaa ammoo guyyaa kana karaa lamaan foonaa uummata itti fixan ijaarrataniiru.

Isaan keessaa inni tokko karaa namni seenuu harkaafi harma itti muran ture. "Arsiin lammata akka inni mataasaa ol hin qabanneef qoor-qalbii isaa cabsuuf kana godhan."

"Harkaafi harma irraa muranis morma isaaniitti fannisanii akka isaan qabatanii hawwaasa keessaa dhufanitti deebisan taasisan. Sanas Arsiin argee jiilee lammata mormee akka jala dhaabbachuu hin dandeenye hamilee cabsan," jechuun ibsu Obbo Birraatuun.

4. Siidaan Aanolee maaliif ijaarame, maalimmoo ibsa?

Maalummaa saba tokkoo isa har'aa beekuuf kan darbe qorachuun barbaachisaa ta'a jedhuObbo Birraatuun. Seenaa Oromoon keessa darbe qoratanii yaadachuun kan har'aa cimsachuuf baayyee barbaachisaadha. Yaadannoon wareegamtoota Aanolees kanuma dhugoomsa.

Dizaayiniifi ijaarsi Siidaa Aanolee kun gochi badii gita bittaa sirna Nafxanyaa uummata Oromoo irratti raawwatame akkaataafi bakkaan kan ibsudha.

"Kaayyoon isa inni guddaan gochi badii akkasii kun akka hin dabalamneefi dhaloonni dhufu akka irraa baratu gochuudha."

Akka isaan ibsanitti, dhaloonni waan uumamee ture kana irraa barachuu qofa osoo hin taane, wanti raawwatame sun beekamtiin yoo kennameef dhaloonni akka nagaa uuman taasisa.

"Biyya kana keessattis nagaa buusuuf ga'ee qaba, sababiin isaa, warra biyyaafi uummataaf du'aniif beekamtii kennuun biyyi kun akka isheen nagaa taatu gargaara.

Namoonni dhiigniifi lafeen abbootii keenyaa beekamtii argateera, gatii kaffalameefi miidhaan nurra ga'e mullateera jedhanii boqonnaa sammuu argatu. Uummanni mallattoo keenya jedhaa gara nagaa buusuutti deebiya."

Siidaan gara lixa Biiftuutti galagalee awwaala irratti harki mirgaa harma of irratti qabatee dhaabbate yaadannoo wareegamtootaa mallattoo gocha diddaa gabrummaafi tokkummaadha.

5. Siidaa Aanoleerratti gaaffiin eenyyuuniifi maaliif ka'a?

Siidaan Aanolee dhaabbachuu ilaalchisee ejjennoo lama walfaalleesanitu jiru.

Gareen Siidaa Aanolee dhaabbachuu mormuurra darbanii akka diigamuufillee yeroo gara garaa duula gaggeessan warra ol-aantummaa sirna Nafxanyaa deggeranidha jedhu Obbo Birraatu Qana'ii.

Akka warri morman jedhanitti, ta'e jedhamee saba Oromoofi Amaraa walitti buusuudhaaf jedhameeti malee waan dhugaa uumameef miti siidaan kun.

Gareen lamaffaa ammoo Siidaan Aanolee yaadannoo yakka gita bittaa Nafxanyaa dura dhaabbachuuf haarsaa kaffalameeti jedhanii fudhatu.

Akka Obbo Birraatuun ibsanitti, maaliif siidaan kun dhaabbata jedhanii warra boo'anitu rakkoo biyya kanatti uumaa jira.

Yakka bara sana raawwatame caalaa kan hammaataa ta'u, kan isaan yeroo ammaa maaliif namoota gocha suukkanneessaan dhuman sanaaf yaadannoon ta'aadha jedhau Obbo Birraatuun. Miidhaa ture beekamtii dhowwachuun ykn haaluun biyya balaa irra buusa malee furmaata hin ta'u.

Arsiin erga siidaan kun achitti dhaabbateen booda Amaara tokkoyyu hin tuqne. Kanaaf, Siidaa Aanolee kana irratti maqa balleessiin ykn haarsaa bara sana kaffalame waanti busheessu yoo dhufe uummata dheekkamsiisa, jedhanii amanu.

Gochi akkasii hin raawwatamne' uummata walitti buusuudhaaf yaadameeti jechuun ijaaramuu Siidaa Aanolee kana kan morman jiru.

Akka Obbo Birraatuutti, warra abbootiin isaanii harkaafi harma muran caalaa kan nama madeessaa jiran warra Siidaan Aanolee maaliif ijaarame jedhanidha. "Isaan kun of qusachuu qabu," jedhu.

Odeessa kana irratti dabalata