Mo Faaraah fi Haayilee Gabrasillaasee hanna Mo Faaraa irratti geggeeffameera jedhamerratti waldhaban

Mo Faaraa (bitaa) fi Haayilee Gabrasillaasee (gidduu)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Mo Faaraa (bitaa) fi Haayilee Gabrasillaasee (gidduu) dorgommiirratti, bara 20132013 Great North Run

Shaampiyoonaan olompikii addunyaa yeroo afurii Mo Faaraa fi Haayilee Gabrasillaasee dhimma hoteelatti hanni Mo Faaraa irratti raawwatameera jedhameerratti waldhibdee keessa galaniiru.

Mo Faaraan akka jedhutti hanni kan irratti raawwate hoteela atileetonni bebbeekamoon addunyaa ittii boqotan kan magaalaa Finfinnee keessatti saamame.

Lammiin Biriiteen kun maallaqi, sa'aatii fi mobaayiloonni lama kutaa ciisichaa isaa keessaa duraa fudhatamuu dubbata, dhimma kanarratti Haayileen homaa na hin gargaarre jechuunis komateera.

Kanaafuu Haayileetti aareera jedha dargaggeessi umurii waggaa 36 kun.

Namni umurii waggaa 46 Haayilee Gabrasillaasee gamasaatiin maqa balleessii Mo Faaraan maqaa fi biizinasii isaa irratti geggeesseef komateera.

Mo Faaraan wayita dorgommii maraatoonii Landan Dilbata dhufu dorgomamu ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kenne ture kana kan beeksise.

Dorgommii kanaaf qophii taasisuuf Itoophiyaa keessatti leenji'aa kan ture Mo Faaraan ''Dhugaa dubbachuuf hoteelli kun kan Haayileeti. Ji'a sadan as keessa turetti gammadee hin beeku" jedha.

"Namni hoteela akkanaa qabaatee nama hin gargaarre homaa bu'aa hin qabu.'' jechuun komii qabu ibse.

Himata Haayilee Moofaaraa irratti

Haayilee Gabrasillaasee amala yeellaasisaa Mo Faaraan agarsiseef himateera.

Mo Faaraan meeshaan isaa gaafa Bitootessa 23 akka jalaa hatame dubbate.

Olompikii meetira 10,000tiin si'a lama shaampiyoonaa kan ta'e Haayileen inumaa Mo Faaraa irratti tarkaanfii seeraa akka fudhachuuf ture ibseera.

Ergaan barreeffamaan Mo Faaraa irraa isa ga'e ta'e jedhamee maqaa isaa balleessuuf ta'uusaas dubbateera Haayileen.

Keesummoonni gara hoteela isaa wayita dhufan yoo doolaara 350 ol qabaatan akka galmeessan taasifama kan jedhu Haayileen maallaqa jedhame yoo qabaatan seeraan olkaa'ameefii eegumsi taasifamaaf jedhe.

Mo Faaraan garuu ofumaa keesha isaatti qabachuu waan filateef hoteelli itti gaafatamummaa fudhachuu hin danda'u jedhe Haayileen.

Akka Haayileen jedhutti saamichi geggeeffameera jedhamu kun erga gabaafamee booda hojjettoota shan irratti sakatta'iinsi geeggeeffamee boodarra garuu hunduu bilisaan gadi dhiifamaniiru.

Poolisoonni saamicha geggeeffameera jedhamurratti qorannoo geggeesseen homaatuu hin arganne jedheera Haayileen.

Mo Faaraadhaaf kaffaltiin hoteelaa harka 50n kan hir'ateef ta'uu kan himu Haayileen inni garuu waan fayyadame walumaa galatti birrii 81,000 utuu hin kaffalin ba'e jedha.

Akka Haayileen jedhutti hojjettoonni hoteelichaa amala qaanessaa Mo Faaraan agarsiisaa ture gabaasaa turan, bakka sochii qaamaa hojjetanittis atileetii heerumtee maatii qabdu akka dhaane gabaafameera.

Sababiin gidduu seenee araara buuseef himannaan yakkaan Mo Faaraa irratti banamee ture addaan citeera jedha Haayileen.

Mo Faaraan maal barbaada?

Dubbi himaan Mo Faaraa wayita yaada Haayileef deebii kennu ''Mo Faaraan ibsa ba'e kanaan baayyee mufateera, tajaajila isaaf kennuurratti hoteelichis rincicaa ture, kanaafuu abbaan qabeenyaa hoteela kanaa saamicha geggeeffameef itti gaafatamummaa fudhachuu qaba.'' jedhe.

''Mo Faaraan waan irratti ka'e hundumaa mormeera. Kun dubbi mataa balleessuuf diraamaa geggeeffamaa jiruudha.Miseensonni hoteelichaa hedduun furtuu kutaa ciisichaa Mo Faaraa qabu waan ta'eef bananii qabeenyasaa saamaniiru. Kutaan inni ture nageenyummaansaa waan shakkisiisuuf akka geeddaramuuf gaafataa ture.''

''Poolisiin taatee kana mirkaneessera, hoteelichis itti gaafatamummaa fudhateera, Gorsaa seeraa Mo Faaraa waliin dubbachaa turan.''

''Inumaa hoteelichi maalaqa hatameera jedhame kaffaluuf ture, wayita Mo Faaraan yaaddoo nageenya isaaf jecha iddoo turtii jijjiirratu hoteelichi maallaqa jalaa hatameera jedhame kana kaffaluuf ture.''

''Dhimma kana furuuf Haayilee waliin dubbachuuf yaaliin goone hin milkoofne. Ammas taanaan gorsaa seeraa Mo Faaraa waliin walarguun mari'atee dhimmi kun furmaata argachuu qaba.''jedha Dubbi Himaan Mo Faaraa.