Putiin fi Kiim yeroo jalqabaaf qaamaan walargan

Madda suuraa, evn
Putiin fi Kiim Vladivostok keessatti walargan
Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-uun fi Pirezidaantiin Raahsiyaa Vilaadmiir Putiin jila waliin Raashiyaa magaalaa Vladivostok keessatti yeroo jalqabaaf jilatan irratti michummaasaanii daranuu cimsuuf akka hojjetan waadaa waliif senan.
Qondaaltonni lameen waa'ee meeshaalee waraanaa niwukilaraa irraa bilisa ta'uu irratti fuulleffachuun mari'atan.
Mariin Doonaldi Tiraampi waliin mari'atan erga milkii malee xumuramee booda marii Raashiyaaf kan dhiyaatan Kiim Joong-uun deggersa Raashiyaa gaafataniiru.
Mariin dhimma sagantaa gabbisa meeshaalee waraanaa niwukilaraa kan Pirezidaantiin Ameerkaa Doonaaldi Tiraampi fi Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-uun Veetmaan magaalaa Honoi keessatti mari'atan walii galtee malee xumurameera.
Pirezidaanti Putiin fi Kiim Joong-uun haasawaan bananiinsaa taasian seenaa michumaa biyyoota lameniirratti kan fuulleffate ture, Obbo Putiin daddaaqama naannawa Kooriyaa Kaabaa keessa bubbule furuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Madda suuraa, AFP
Hooggantoonni lameen yeroo jalqabaaf qaamaan walargan
Biyyoonn lameen maal barbaadu?
Walga'iin kun Kooriyaa Kaabaaf carraadha.
Dhimma sagantaa niwukilaaraa irratti mariin US waliin taasiste erga bu'aa malee xumuree as Kooriyaan Kaabaa michuu garaashee dhabde turte, amma gara Raashiyaatti deebiteetti.
Kanaan booda egereen diinagdee Piyoongiyaangi US qofarratti hundaa'a osoo hin taane Raashiyaanis amma michuu jabduu taatee as baateetti.
Kiim Joong-uun carraa kana fayyadamuun Moskoon qoqqobbii irra ture akka irraa salphistu gaafataniiru.
Waltajjiin kun Raahsiyaan haala naannawa Kooriyaa Kaabaa keessa jiru akka tasgabbeessituuf carraa kan ta'uudha jedhu xiinxaltoonni.
Pirezidaanti Putiin Hoogganaa Kooriyaa Kaabaa waliin wal arguuf fedhiii qabu turan.
Ta'us garuu biyyi isaaniis akkuma Chaayinaa fi US Kooriyaan Kaabaa biyya niwukilaraa ta'uusheetti gammachuu hin qabdu jedhan.