Guyyaa Busaa Addunyaa: Busaan maali, attamiin ittisuu dandeenya?

Bookee Buusaa nama hiddaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Busaan bookee busaa faalamaniin tatamsa'a

Busaa attamiin ittisuu dandeenya?

Dhibeen yaalamuufi irraa fayyuun danda'amu kun ammallee namoota hedduu ajjeesaa jira. Daqiiqaa lama keessatti daa'ima tokko galaafata. Waggaatti namoota miliyoona 200tu akka haaraatti busaan qabama jedha Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.

Jaarraa darbe keessa gama busaa ittisuun hojiin guddaan hojjetamee ture.

Bara 2015 hanga 2017 gidduu garuu lakkoofsi namoota busaan qabamanii hanga barbaadamu hir'isuun hin danda'amne akka Gabaasni Busaa Addunyaa ykn 'World Malaria Report' mul'isutti.

Eebla 25 Guyyaa Busaa Addunyaati, waa'ee busaa wanti beekuu qabdan kunooti;

  • Busaan dhukkubaa lubbuu namaaf yaaddessaa ta'e gosa paaraasaayitii afuriin nama qabatudha. Isaanis P. falciparum, P. malariae, P. ovale and P. vivax jedhamu.
  • Paaraasaayitoonni kunneen bookee busaa dhaltuu faalamteen namarraa namatti darbu.
  • Dhukkubichi yaalamuus irraa fayyuunis ni danda'ama.
  • Bara 2017 namoonni miliyoona 219 ta'an biyyoota 87 keessatti dhibee buusaan qabamuun gabaafamee ture jedha WHO.
  • Baruma kana namoonni 435,000 dhukkuba kanaan du'uun gabaafameera.
  • Lakkoofsa kana keessaa Afrikaan qooda guddaa fudhatti. Namoota bara 2017 busaan qabaman gabaafame keessaa %92, warra du'an keessaa ammoo %93 Afrikaa keessatti.
  • Bara 2017 busaa to'achuufi ittisuuf fandiin doolaara Ameerikaa biliyoona 3.1 gaheera.

Mallattoowwan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Dhiibbaa dhiigaa olaanaa, qorrii fi mata dhukkubbiin mallattoolee busaa keessaa muraasa

Mallattoowwan busaa - ho'a qaamaa olaanaa, mata dhukkubbii fi qorra yoo ta'u yeroo hedduu busaan qabamanii guyyoota 10-15 gidduutti mul'atu.

Sa'aatii 24 gidduutti hin yaalamu yoo ta'e busaan P. falciparum jedhamu dhukkuba jabaa lubbuu galaafachuu danda'utti nama geessuu danda'a.

Eentu saaxilamaadha?

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Daa'ima dhukkuba busaan qabamte

Bara 2017 keessa baayyina uummata addunyaa keessaa walakkaan dhibee busaaf saaxilamoo turan.

Keessattuu daa'imman umuriin isaanii waggaa shanii gadii ammoo daranuu dhibee busaaf saaxilamoodha: Bara 2017 keessa namoota dhibee busaatiin du'an keessaa daa'imman harka 61(266,000).

Dubartoonni ulfaa fi namoonni dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu isaanii laafaa ta'ellee dhibee busaaf heddu saaxilamu.

Naannoo akkamiitu haalaan miidhamaadha?

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Iddoowwan dhibeen busaa baay'inaan itti argamu:Afriikaa, Eeshiyaa fi Ameerkaa Kibbaa

Akkaataa ragaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti dhibeen busaa baayyinaan biyyoota Sahaaraan gadii miidha. Akkasumallee Kibba Baha Eeshiyaa, Baha Meediteraaniyaanii, Paasfik gara lixaa fi kutaalee Ameerkaa ni miidha.

ALA bara 2017 keessa biyyoonni shan dhibee busaa akka addunyaatti mudatu keessaa walakkaa qooddatanii turan: Naayijeeriyaa(25%), Rippaabilika Dimookiraatawaa Koongoo(11%), Moozaambik(5%), Indiyaa(4%), fi Yugaandaa(4%).EEn

Tatamsa'ina

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Bookee busaa nama hiddaa jirtu

Yeroo baayyee dhibeen busaa kan daddarbu wayita bookeen busaa dhaltuun 'Anopheles mosquitoe' jedhamtu nama hiddituudha.

Bookeen busaa dhaltuun gosoota 400 caalantu jiru.

Kanneen keessaa 30 kan ta'an haalaan kan dhibee busaa daddabarsaniidha.

Bookeen busaa dhaltuun jalqaba hanqaaquu ishee bakka bishaan qabutti buusti, isa booda hanqaaquushee keessaa ilmaan yaasuun gar laarvaatti guddisti, sanaan booda bookee busaa ta'anii ba'uun hojii eegalu.

Bookeen busaa dhaltuun daa'immanshee guddisuuf dhiiga xuuxxee fiduu qabdi, wayita kana dhibee busaa nama qabsiisti jechuudha.

Ittisa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Bookee busaa saaphana siree irra jirtu

Malli ittiin dhibee busaa ofirraa ittisan beekamoon lamaan-saaphana siree(insecticide-treated mosquito nets (ITN)) fi dawaa farra dhibee busaa(indoor residual spraying (IRS)) - isaan yeroo baayyee itti dhimma baanuudha..

Saaphana siree godhachuun qaamni keenya si'oominaan akka bookee busaa ofirraa ittisuu fi qorichi farra ilbiisotaa saaphanni kun cuuphame akka gaachanaa ta'ee dhibee busaa akka nurraa ittisuuf gargaara.

Dawaa farra ilbiisotaa biifuun ammoo bookeen busaa mana keenyaa akka dhabamtu taasisa, kan biifamu waggaatti tokko ykn lama ta'uu danda'a.

Gama kaaniin imaltoonni , dubartoonni ulfaa fi daa'imman dawaa farra dhibee busaa fudhachuuun ofirraa ittisuu ni danda'u.

Qorannoo fayyaa fi wal'aansa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Dursanii qoratamuu fi yaalii argachuun dhibee busaa jalaa baraaramuuf gaariidha

Dhibee busaa wal'aansaan irraa fayyuun ni danda'ama.

Mallattoolee dhibee busaa daqiiqaa 30 keessatti qorachuun adda baasuun ni danda'ama.

Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti qorannaan fayyaa fi wal'aansa duraa dhibee busaarraa fayyuu, du'aatii sababa kanaan dhufu hanqisuu fi tatamsa'ina dhibee busaa hir'isuuf ni fayyada.

Yaaliin dansaan dhibee busaa irratti hanga yoonaa jiru, keessatti gosa 'P. falciparum malaria', 'artemisinin-based combination therapy (ACT)' jedhamuun beekama.

Farra ilbiisotaa fi dawaa biroo dandamachuu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Dawaa dandamachuu bookee busaa to'achuuf dhiigni ilaalamuu qaba

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa bookee busaa dhaltuun ishee dhibee busaa daddabarsitu dandeettiin qoricha farra ilbiisotaa fi dawaa biraa dandamachuu ishee akkaan dabalaa jiraachuu ibse.

Kunimmoo dhalli namaa dhukkuba busaa ofirraa ittisuuf akka rakkatu taasiseera.

Malli ittisaa fi to'annoo dhukkuba busaa amma jiru yeroo ta'etti wayiitti dhaabbachuu mala sodaan jedhus ni jira.

Gabaasi Dhibee Busaa Addunyaa ba'e akka agarsiisutti bara 2010-2017 gidduutti dandeettiin dawaa farra ilbiisotaa dandamachuu bookee busaa biyyoota 68 keessatti gosoota dawaa shan irratti haalaan mul'ateera.

Qoricha farra dhibee busaa dandamachuunis rakkoo hammaataa kan dhibiidha.