Tasfaayee (Gadaa) Gabra'aab: Waa'ee 'Ya Burqaa Zimmitaa' kana beektuu?

Qola Kitaaba 'Ya Burqaa zimmitaa' Image copyright Tesfaye Gebreab

''Yaa Aanolee mucaa koo, tole abbaa; Samii sana argitaa? Eeyyee aabbaa! Lafa isaa dhiisiitii samiin isaayyuu kan Oromooti'' jedhu, qonnaan bultootni Arsii Aanolee Waaqoo waliin yeroo haasa'an.

Aanolee Waaqoo asoosama 'Ye Burqaa Zimmitaa' keessatti taatoo tokkodha.

Asoosamni 'Ye Burqaa Zimmitaa' seenaa Harma Muraa Aanolee, bittaa fi bulchiinsa TPLF yeroo sanaa, qabsoo paartilee Oromoo gama ABO'n turaniifi bulchiinsa OPDO yeroo sanaa, gaaffii uummata Oromoo isa sirrii fi namoota qabsoo uummatichaa gufachiisaa turan haalaan seenessa jedha asoosichi.

Barreessaan asoosama 'Ya Burqaa Zimmitaa' Tasfaayee ykn Gadaa Gabra'aab waggoota lamaaf hojii gaggeessaa olaanaa dhaabbata Pireesii tahuun hojjetaa ture.

Akkasumas qopheessaa Olaanaa barruu fi gaazexaa Iffooyitaa tahuun hojjeteera. Icciitii bulchiinsa TPLF yeroo sanaa haalaan gadi fageesseen beeka jedha.

Jireenya qonnaan bultoota Oromoota Arsii bu'uura hodhatee kan barraa'e asoosamni kun taatotni isaa eenyuufi maalitti akka fakkeeffaman barreessaa kitaabichaan akkanatti ibsama.

Burqaa

Burqaan laga naannoo Arsii Kofaleetti argamuu yoo tahu waa'een lagichaa afaaniin akka sheekootti himamaa ture. Anis deemee naannicha daawwachuun manguddoota irraa iyyaafadhe.

Lagni Burqaa waa'ee sarbamuu mirga Oromootaa yeroo sana ture ilaalchisuun qaana'ee akkas jechuun dubbata.

''Yoo mirga keessan hin kabachiistan tahe kana booda ana hin argitan, akka jawweetti lafa jala dhokadheen deema" jechuun akka lafa jala bade dubbii afaaniin himamaa ture.

Hawwanii Waaqoo

Miseensa OPDOti. Haa tahu malee guutummaan guutuutti yaada OPDO waliin walii hin galtu. Taatota akka salamoon Disaasaa fi Kumsaa fa'a waliin tahuun OPDO keessa hojjetti. Qabsoo karaa nagaa jedhutti amanti.

Taatoon Kumsaa jedhamu Kumaa Dammaqsaatti kan fakkeeffamedha.

Tajaajiltoota TPLF warra ajjeessaa, hataa, hidhaa yeroo jedhaman callisaanii tole jechuun raawwachiisan waliin ammoo walii hin galtu.

Yeroo kaan ammoo karaa nagaa qabsaa'anii ADWUI ykn TPLF mo'achuun hin danda'amu, kanaaf. akka Aanoleen fa'aa jedhaniin qabsoofnee yoo mirga keenya kabachiisne malee ejjennoo jedhutti ammoo deebiti Hawwaniin.

Haa tahu malee akka Aanolee fa'aa kutannoodhaan gara qabsoo hidhannoo fi ejjenno isaaniitti hin galtu. Dhiigni akka dhangala'u waan hin barbaanneef.

Yeroon Hawwanii akka taatoo tokkootti fudhadhu Dr. Mararaa Guddinaa sammuu keessa na jira ture.

Inni TPLF ykn ADWUI irratti karaa nagaa qabsaa'uun filannoodhaan mo'achuun ni danda'ama ejjennoo jedhu qaba ture.

Aanolee Waaqoo fi Suleeymaan Daddafoo

Eejjennoo ABO'n siyaasaa fi gaaffii uummata Oromoo irratti qabu bakka bu'a. Haa tahu malee miseensa ABO miti. Ejjennoo Galaasaa Dilboo, Leencoo Lataa, Daawud Ibsaa fa'a yeroo sana qaban ibsa.

Amala, eenyummaa, dhaabbii qaamaa fi guutummaa Aanolee Waaqoo kanan fudhadhe dhalataa Arsii nama tahe Ambaasaddar Suleeymaan Daddafoo irraati.

Anaa fi Suleeymaan hangan biyyaa bahutti iyyuu wal hin dubbisnu turre. Lamaan keenya gaazexessaa tahuun waliin hojjechaa turre.

Haa tahu malee kitaabichi yeroo bahu, kitaaba kana dubbisi akka taatoo tokkootti ejjennoon kee keessa jira jedhee karaa namaa ergeeraaf.

Suleeymaan Daddafoo yeroo sana hojiidhaan miiltoo koo tahus miseensa OPDO tahuun hojjeta ture.

Garuu yaadaa fi ejjennoo isaan qaban hedduu irratti waan walii hin galleef yeroo baay'ee balaaleffatamaa akka turee fi hojii irraa illee al takka takka dhaabsisaa yeroo biraa immoo itti deebisaa turan.

Faayidaa uummata Oromoo irratti nama duubatti hin deebinedha. ''Waa'ee faayidaa Oromoo irratti ni aara, dheekkama, isaanis ajjeesuus hidhuus barbaadu ture.''

Gaafa kitaabichi maxxanfamee bahu wal gahiin waamame ture. Obbo Barakat Simoon fa'a wal gahicha irratti akkamitti kitaaba akkas gadi nu xinneessu nu keessa taa'ee barreessa jechuun akka malee dheekkame.

Gaafa wal gahichaa akka anarratti dubbii kaasuuf kan eegame Suleeymaan ture. Inni garuu gaaffii tokko qofa na gaafate.

Gaaffichis ''kitaaba kana yeroo barreessitu ergaan dabarsuu barbaadde maal ture?'' kan jedhu ture.

Anis haala siyaasa biyya kanaa ibsuu fi dhaggeessisuu barbaadeeni jedheen deebiseef.

Ambaasaddar Suleeymaan hanga wal gahichi xumuramutti ol jedhee samii samii keessa ilaalaa ture. Homaa tokko hin dubbanne.

Obbo Kumaa Dammaqsaa fi Abbaa Duulaa Kinfee Abirhaa bira deemuun himata narratti bananii ture.

Oromoo fi Amaara

Kitaabicha keessatti lubni tokko akkas jechuun kadhatu:

''Yaa waaqayyo qulqulluu, nuyi eenyuun olis eenyuun gadis miti. Qonnaan bultoota Amaaraati. Ati immoo waaqa Amaaraa, waaqa Oromoo, waaqa hunda keenyaati jechuun kadhatu.

Akka uummatatti saboota lamaan gidduu nageenya jiru kan agarsiisu ture.

Seeneffamni harma muraa Aanolee garuu hogganoota Amaaraa yeroo sana turan dheekkamsiiseera.

Kan biraa barreeffamoota afaan Amaaraa tokko tokko keessatti Caalaa fi Caaltuu maqaa hojjettuu fi waardiyaa godhanii barreessaa turan malee taatoo utubaa ykn guddaa tahee barraa'ee hin beeku, kunis yeroo sana isaan aarseera.

Gama biraan ammo bulchiinsa TPLF guutummaa isaa qeequun waan barreesseef rakkoo guddaaf saaxilamaan ture.

Akka Ba'aaluu Girmaa goonee yoo ajjeesne inumaa beekamaa deema kitaabichis akka dubbifamu waan taasisuuf callisuu wayya jechuun dubbataa turan, booda kanumaan biyya gadhiise.

Burqaa fi Qeerroo

Waggaa 20 dura akkas jedheen qeerroof barreese, obaastu aannan goromsaa dhugaa, dheekkamsi keessan akkuma jirutti, irree keessan akkuma ol kaastanitti turaa, aarii keessan hin qabbaneessiinaa. Burqaan jechuun isini, kan callise isini, lagicha miti.

Burqaan kattaa irraa kattaatti darbee, amma immoo kanneen callisanii jiran, kan dhabaman abboota keessanidha.

Burqaan dachee guutuu danda'u isinidha. Hanga diinotni keenya nu ajjeesanii namni lama qofa hafutti carraa kennuufii hin qabnu jedha. Burqaan callise dargaggoota yeroo sanaati.

Mokonnin Tolaa

Yeroon kitaaba kana barreessu gaazexessaan Mokonnin Tolaa jedhamu hanga xumuraatti na gargaaraa fi naaf sirreessaa ture.

Mana Mokonnin Tolaa deemnee maal akka hojjennuu fi barreessinu haati manaa isaa illee osoo hin beekiin waggota lamaaf waliin hojjenne jedhe.

Mokonnin Raadiyoo Harar keessa hojjechaa ture. Yeroo hogganoonni ABO gara Somaliyaa fa'aa deemaa turan konkolaataadhaan waan isaan gaggeesuufi deeggaruuf shakkamee ni jibbama ture jedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata