Filannoo US bara 2020: Joe Biden akka dorguman ifa godhan

Madda suuraa, Reuters
Joe Biden shakkii yeroo dheeraan booda akka dorgoman Kamisa ergaa viidiyoodhaan dabarsan
Pirezedaantiin US duraani Joe Biden shakkii yeroo dheeraa booda filannoo pirezedaantummaa bara 2020 irratti akka hirmaatanbeeksisan.
Beeksisa viidiyoodhaan gadhiisan kanaan, Obbo Biden,"Dudhaaleen hiiroo biyyattii... sirna dimokiraasii keenya, wantonni Ameerikaadhaan Ameerikaa taasisan amma yaaddoo jalatti kufaniiru," jechuun akeekkachiisaniiru.
Namni umuriin isaanii ganna 76 ta'an kun dorgommii cimaadha jedhame hanga ammaatti kaadhimamtoota gama warra Dimokiraatotaatiin filannoo bara 2020 dhiyaatan 20'tti makamaniiru.
Kaadhimamtoota warra Dimokiraatawaa biroo 19 kan Senaatar Elizabeth Warren, Kamala Harris, akkasumas Bernie Sanders keessatti argaman waliin waldorgomuuf jiru.
Ergaa dabarsan keessatti Joe Biden, bulchiinsa Doonaald Tiraamp haalaan qeeqaniiru. Keessumaa haleellaa Charlottesville warra sanyii adiin bara 2017 qaqqabe ilaalchisee Pirezedaantichi taasisan qeequmsa cimaa kaasees yaadataniiru.
"Pirezedaantummaa waggaa afran darbanii kana seenaan deebiyee akka ilaalu abdiin qaba," jedhan.
"Garuu yoo akka Donaald Tiraamp waggaa saddetiif Waayit Hawuus keessa ture yoo hayyamne, amala biyyu kun ittiin beekamtuufi eenyu akka taane bu'uura irraa bara baraan jijjiiruuf jira. Ani ammoo osoo kun ta'uu danda'ee dhaabadhee hin ilaalu."
Obbo Biden kaadhimamtoota warra Dimokiraatotaa keessaa kan hundaa ol muuxannoo qabudha. Senaatera ta'uun marsaa ja'a, Itti-aanaa Pirezedaantii Pirezedaant Baraak Obaamaa ta'uun marsaa lama tajaajilaniiru, akkasumas dorgommii pirezedaantummmaa itti hin milkaa'iin hafan lama bara 1988 fi 2008 taasisaniiru.