'Lolaan malee saalqunnamtiin hin ta'u'- DRC Amala dhiirummaa isa hamaa kana to'achuu

Haadha warraa Moosees, Aadde Jullienne Image copyright Fiona Lloyd-Davies/BBC
Goodayyaa suuraa Haadha warraa Moises, Aadde Jullienne

Rippabiliki Dimokiraatawaa Koongoo akka addunyaatti miidhaa saalqunnamtii waliin walqabate isa hamaadha jedhameen beekamti. Garuu tooftaan haarawaa rakkoo kana xiqqeessuuf yaalamaa jiru jira.

Kunis dhiironni akka miira dhiirummaa isaanii hamaa ta'e of to'atan jajjabeessuudhaan.

Miidhaa saalaatiin kan himatame R Kelly wabiin gadi dhiifame

Asiida akka meeshaa waraanaatti?

Mooses Bagwiiza yeroo ammaa kana gocha isaa yeroo darban keessa raawwataa turetti gaabbeera. Keessumaa akkamitti akka haadha warraa isaa Juuliyaanerraan miidhaa geessisaa tureefi dirqamaan ishee gudeedaa ture yeroo yaadatu hedduu isa rifachiisa.

"Ishee waliin saalqunnamtiin wal loluudhuma fakkaata ture. Maal uffattee akka isheen jirtu dhimma hin qabu ture -ani calliseeman irraa tarsaasa ture," jedha.

Mana isaanii ganda callistuu Rutshuru jedhamtu baha DR Koongoo keessatti argamtu tokko keessatti dhiibbaa yeroo haati warraa isaa ulfa ji'a afurii turte irraan ga'e tokko yaadatee miira gaabbiin gadda.

"Gara isheetti galagaleen takkaa garaashee keessan dhiite. Yeroo isheen lafatti kuftee dhiigaa jirtu hollaa keenyaa namoonni birmatanii hospitaala geessan," jedha.

Abbaan warraa kun akka jedhutti yeroo sanatti haadha warraa isaa akka dhiitu kan isa taasise maallaqa afooshaan kuufatte kophee bitachuuf gaaffannaan isa dhowwatte.

Image copyright Fiona Lloyd-Davies/BBC
Goodayyaa suuraa Haadha warraa Moises, Aadde Jullienne

Yaada dhufaa darbaa dhiirummaan itti ilaalamu

Bu'uurri rakkoo kanaa ilaalcha Afrikaa keessatti dhiirummaan maal akka ta'e itti ilaalamudha.

Jaarraa hedduudhaaf, dhiironni akki itti guddatan dhiirummaa jechuun: jabina, miira ofii mo'achuu/obsa qabaachuu, maatii eeguufi kan barbaachisu dhiyeessuu danda'uu akka ta'e barachaadha.

Image copyright Fiona Lloyd-Davies/BBC

Haata'u malee, dubartoota aangessuun guddachaa dhufuu dabalatee dhiironni hedduun carraa hojii dhabaa dhufuun akka dhiironni waan dhufaa darbaan akka dhiiraatti irraa eegama jedhamee amanamu kana dhiyeessuu hin dandeenye.

Dhiirota warra Obbo Bagwiza ta'aniif, dubartiin maallaqaan of dandeessu akkasii dhiirummaa isaan ittiin of beekaniif yaaddaa cimaa uumeera.

Ganda sana keessatti namni hojii ijaarsaarratti bobba'e tokko akka jedhutti, miidhaa geessisuun karaa tokkicha inni ittiin haadha warraa isaa waliin waliigaludha.

"Ani isheen kan kooti jedheen yaada. Ani isheerratti waanan barbaade hojjechuu akkan danda'uttan yaada. Yeroo ani mana dhufee isheen waan tokko na gaafattu, isheen kabala."

Amalli Obbo Bagwiza waan adda ta'e miti. Akka qorannoo Baruun Fayyaa Hawwaasaa Ameerikaa jedhutti DR Koongoo keessatti dirqamaan gudeeduun akka addunyaatti isa ol-aanaadha. Akka Barruu kanaatti dubartoonni 48 ta'an saatii tokko keessatti gudeedamu.

Image copyright Fiona Lloyd-Davies/BBC

Ogeessonni dhimma kana xiinxalan dirqamaan gudeeduun sadarkaa ol-aanaa biyya sana keessa jiraachuun walitti bu'insa baha biyyattii keessa tureen walqabata.

Kutaa biyyaa sana keessatti gareen milishootaa mormituu ta'an yeroo hedduu gartuun dirqamaan gudeeduufi saalqunnamtiif dubartoota gabroomfachuu akka meeshaa waraanaatti fayyadamu.

Haata'u malee, DR Koongoo keessatti rakkoon dirqisiisanii gudeeduu kana caalaa hidda gadi fageeffateera jedhu hundeessaan Dhaabbata Tola-Olltummaa 'Comen' jedhamuu Ilot Alphonse.

"Miidhaa saalqunnamtii, walitti bu'iinsa hidhannoo waliin qofa walqabsiifnee yoo dubbanne dhimmicha irraa kaanneerra.

''Dubartaoota haala kanaan qabuu dhaalleerra. Dhirrii yeroo kamittuu mirga saalqunnamti akka qabu beeka. Haleellaan Saalaqunnamtii waliin walqabatee dubartootarra gahu ilaalcha dhiironni Kongoo dhimmicharatti qabaniifi jijjiiruu hin feenerraa ka'a.''

Ogeettin biroon Daani'eellaa Hofmeester ammoo aadaa dhiirummaa Afrikaanotaa akka rakkoottti kaasu.

Image copyright Fiona Lloyd-Davies/BBC

Haleellaa fi miidhaa dubartummaarratti raawwatamu to'achuu fi ittisuu keessatti hojiin hojjetamu harki caalaan dubartoota miidhaman irratti kan xiyyeefatee kan ture ta'uun bu'aa hedduu buusaa hin turree jedhu Alfoons. Sababni ammoo dhiirota madda rakkoo ta'an gara mariitti waan hin fidneefi.

''Koorniyaarratti hundoofneet halleellaa saalaarratti duulaa jirra, dhiirota qaama rakkoo kanaa ta'aniis hirmaachisuu qabna, yoo akkas goone carraa haalota jijjiiruu ni qabaanna dhageettii dhiiroti hawaasa keessatti qabanis kanaaf gargaarsa ta'a.''

Image copyright Fiona Lloyd-Davies/BBC

Alfoons rakkoo kana furuuf aadaa durii uummatichi keessumaa dhiironi walgahanii mariin rakkoo furan 'Baraza Badilik' kan hiika 'geengoo jijjiirama' jedhu qabu deebisaa jira.

Hawaasicha keessatti hojii gariin namoota dargaggeeyyiif fakkeenya ta'uu danda'an horachuuttis xiyyeefateera.

Sagantaa kanaan torbee torbeen dhiironni 20 ta'an sa'aa lamaaf walgahanii dhimmoota akka aadaa dhiirummaa, koorniyaa fi abbaa ta'uurratti mariyatu.

Erga sagantaan kun eegalee dubartootni abbootii manaa isaaniirratti jijjiirama ilaalchaa argaa akka jiran dubbatu.

Image copyright Fiona Lloyd-Davies/BBC

Bagwiiz, Namichi haadhawarraa isaa ulfa haleelu amma qaama sagantaa kanaati.

''Amma haadha warraa koo waliin ni mariyanna, hariiroon saalqunnamtii keenyaas foyya'aa dhufeera'' jedha.

Hubannaa dhiirummaa lammiilee Koongoo hundaa gara gaariitti jijjiiruuf falaasama isaa hundaan gahuuf yaada.

Abjuun keenya haleellaawwan saalaa biyyattii keessatti raawwataman hunda hambisuudha jedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata