Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa: Loltuu ABO irraa hanga barsiisaa amantaa

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Image copyright OBS
Goodayyaa suuraa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa

Manzuumaa ykn bifa faaruutiin Islaamummaa barsiisuudhaan kan beekaman akkasumallee qabsoo Oromoo walleedhaan utubaa kan turan Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa waa'een sabummaa fi amantii kootii dirqaman abbaa kiyyarraa dhaale waan ta'eef galfata hin nyaadhu jedheen itti cichee jira jedhu.

Imala aartii wayita qabsoo bilisummaa Oromootti makaman akka eegalan kan dubbatan Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa hanga ammaatti manzuumaa Afaan Oromootiin kaaseetaa fi CD 32 qopheessuu dubbatu.

Ergaawwan amantii Islaamaa dabarsuun cinaatti Uztaaz Raayyaa Abbaa Maccaa waa'ee jiruu fi jireenya uummata Oromoos manzuumaa isaanii keessatti hojjetaniiru.

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa seenaa jireenya isaanii fi waan har'a itti jiran haala armaan gadiitiin nuuf qoodaniiru.

Raayyaa Abbaa Maccaa Haji Abbaa Gedoo Abbaa Sanjii Abbaa Booqaa Abbaa Diimaan jedhama.

Godina Jimmaa Aanaa Gommaattin bara 1965 maayii keessa dhaladhe.

Guddinni koo baadiyyaatti yoo ta'u dhiibbaa jireenyaa narraa ga'aa tureen barnoota koo haalaan hordofuu hin dandeenye.

Kutaa 1-4tti achuma bakka dhaloota kiyyaatti baradheen kutaa 6ffaa magaalaa Jimmaattin baradhe

Magaalaa Jimmaa ergan takka jiraadhee booda gara magaalaa Finfinnee deemeen achitti kutaa 7 fi 8 baradhe.

Magaalaa Finfinneetti galee maatii horadheen barachuu dadhabe. Addunyaa barnootaa keessaa yerosin ba'e.

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa gara hojii aartiitti akkamiin seenan?

Ani ijoollummaarraa jalqabee hawaasa quuqama sabaa qabu keessattin guddadhe.

Abbaan koo ba'aa lama abbaa isaaniirraa fuudhanii natti dabarsan.

Tokkoffaan waa'ee sabummaa kootiiti, inni lammaffaan ammoo waa'ee amantiiti.

Naannoo an itti guddadhetti lachanuu mootummaadhaan akka yakkaatti ilaalamaa ture.

Garuu lachanuu silaa mirga uumamaan namaaf kennameedha.

Kanaaf quuqamuurraa kan ka'e qabsaa'aan ture.

Seenaa qabsoo

ALI bara 1983 wayita mootummaan dargii kufee ADWUIn aangoo qabatu mormiiwwan geggeeffamaa turan.

Isaan keessaa an dhaaba saba Oromoof qabsaa'u Adda Bilisummaa Oromoottin makame.

Leenjii marsaa 24ffaa magaalaa Harawaacaattin leenjifame.

Sanaan booda lola hedduu keessatti hirmaadheera.

Ergasii qabamee yeroo dheeraadhaaf mana hidhaan ture, ta'us garuu qabsootti nan ciche.

Dirqama abbaan koo natti kenne akkamiinan ba'a kan jedhe baayyee na dhiphisa ture.

Bifa walleetiin qabsoo utubuu

Adda Bilisummaa Oromoo keessatti bifa walleetiinis qabsoof gumaachaa tureera.

Waldaa Maccaa-Tuulamaa as magaalaa Finfinnee keessa ture keessatti namoota bebbeekamoo waliin hojjedheera.

Obbo Alamuu Qixxeessaa, Obbo Baqqale fi Dr. Gammachuu Magarsaafaa dabalatee namoota waldicha hoogganan waliin ta'uun dhimma aartiirratti xiyyeeffadhee hojjedheera.

Bifa walleetiin, bifa walalootiin waa'ee qabsoo cimsuu ergaa saba kanaaf dabarsaan ture.

Hawwisoo baandii bilisummaa keessa galuun sirboota akka 'Hafuursaa loli', 'Namni dhugaadhaa kami' hojjedheera.

Ergasii haallis jabaatee saahibban kiyya na biraa deemani, animmoo godaansaaf sammuun naa iyyamuu dide.

Jiraadhee akkatti itti jiraatan yoo daa'ima hin barsiisin, godaanee godaanuu dhaloota barsiisuun narra hin turre.

Booddee gaafan qofaatti hafus an aartii hin dhiisne, inuman gunguma.

Maaliif jennaan aartiitu nan hin dhiisne utuma dhiiseellee.

Namni aartii bare akka maraachuu ta'a, yoo aartii dhiise.

Manzuumaa fi dandeetti walaloo

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Loltuu ABO hanga barsiisaa amantii

Manzuumaa namoota dur walaloo hojjetanii lafa kaa'aniin hojjedhan ture.

Waa'ee amantii Islaamaa hojjechuun ammoo akka wallee miti.

Namoota umuriidhaan jaaran irraa walaloo fi yeedaloo fudheen manzuumaa eegale.

Dhaamsa amantii bifa faaruu(manzuumaatiin) dabarsuun ammoo of eeggannoo guuddaa gaafata.

Haala kanaan itti fufee har'a manzuumaa Afaan Oromoo kaaseta 31 baaseera.

Amma gaafan dhufee bakka manzuumaa hojjechuu ga'utti nama walaloo barreessu ta'uu koo of hin argannen ture.

Ergan walaloo kootti fayyadamee manzuumaa jalqabee ammoo namoota akkuma koo hojjetaniin dorgomuun qormaata ture.

Ergaa hawaasni barbaadu dabarsuun amirii jabaa ture.

Kan koo naaf dhagahamuu eegallaan kan namaa barbaaduu dhiiseen ofumaa kootii itti fufe.

''Manzuumaan Afaan Oromoo guddisuuf waan gumaache qaba''

Afaan Oromoo abbamasaa waliin yatiima'e, abbaa wajjiniin arrabsamaa, tuffatamaa ture.

Kana hunda danda'anii kanneen afaan kana eeganii har'aan ga'an abbootii keenya nan galateeffadha.

Anis wayitan manzuumaa hojjedhu waa'ee afaan kootii ilaalcha keessan galcha.

Afaan Oromoon hojjechuu kootiif jalqaba ofumaa kootiin itti gammada.

Magaalaa Finfinnee keessatti ergan bultii ijaarradhee jiraachuu jalqabee waggaa 20 ta'eera.

Afaan kana malee filannoo biraa hin qabu, itti fayyadamuus ta'e guddisuun dirqama kiyya.

Akkaataan Oromoon hundi dhagahuttin dhiyeessuuf yaala.

Boodarra inumaa Uummata Oromoo bira darbee saboota biraa birattillee jaallatamuu eegale.

Manzuumaan kiyya saboota hundaan jaallatamnaan an gammachuun koo waa lama.

Tokkoffaan Afaan Oromoo afaan namatti tolu ta'uusaa lammatammoo ergaa amantii kiyyas dabarfachuu kooti.

Jiruu fi jireenya Uummata Oromoo manzuumaadhaan ibsuu

Uummata keenya keessa deemee wayitan ilaaluu rakkoo hedduun arga.

Rakkoolee hedduu mataatti baadhatee jiraata.

Gariin ni godaana, kaan qe'eerraa buqqa'a, animmoo kana dhiisee bira darbuu hin dandeenye.

Uummata sagalee hin qabneef sagalee ta'uun akka rakkoonsaa hubatamuuf jedheeni.

Waa'ee buqqaatotaa fi baqattootaa wayitan hojjedhu hedduu natti tola.

Keessattuu wayitan lammiilee Oromoo Naannoo Somaaleerraa buqqa'anii Godina Baalee Aanaa Sawweenaa jiran deemee ilaale baayyeen gammade.

Hawaasa waaan nyaatuu fi waan dhugu hin qabne, qoricha hin qabneef wayitan waan naaf danda'amu hiixadhe hedduun gammade.

Waqtii Ramadaanaa keessa hawaasa harka qalleeyyii gargaaruunis hedduu na gammachiisa.

Hundaa ol ammoo wayitan hawaasa keenya gidiraa baqaa fi buqqa'iinsaa keessa jiruuf sagalee ta'uukoo baru hedduun gammada.

''Ramadaana keessa rakkataa gargaaruun ajirii guddisa''

Ji'i ramadaanaa baatii khayiriiti, baatii namni waan egeree facaafatuudha, kan lubbuun namaa itti haaromtuudha.

Baatii kana keessa ibaadaa cimsuudhaan galaa galaafachuu feesisa, kanaaf ammoo rakkataa gargaaruun dirqama.

Galaan ilma namaa lubbuurraa soomaa, horii ykn qabeenyarraammoo zakaadha.

Baatii kana keessa inni qabu isa hin qabne gargaaruun ajirii argamsiisa.

Wallaahi, hawaasa waan nyaatu harkaa hin qabu garuummoo kan soomu hedduu ija kootiin argeera.

Kanaaf warri harkaa qaban namoota akkasii gargaaruu qabu.

Hawaasa keenya buqqaatotarraammoo ija keenya kaasuu hin qabnu.

CD haaraa 32ffaa

Baroota koo an manzuumaa hojjedhe keessa kan hamilee naaf ta'aa ture uummata kiyya.

Manzuumaan kiyya daranuu wayita jaallatamu anillee irruma caalaan cimee itti fufe.

Bara darbe garuu CD lakkoofsa 31ffaa wayitan qopheessee turetti hawaasni waan narraa fudhachuu dideef hamileen na bu'ee ture.

Hawaasni na nuffeera se'een barana baasuurraa of qusadhee ture.

Amma garuu gaaffiima hawaasa muslimaatiin dhiibamee CD 32ffaa qopheesseera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata