Mararaa Guddinaa: 'Abiy ADWUI hogganuu yoo danda'e seenaa dalaguu danda'a'

Musxafaa Umar, Tsedaale Lammaa, Mararaa Guddinaa, Iskindir Naggaa

Sagantaan 'BBC World Questions' Finfinneetti argamuun dhimmoota siyaasaa biyyattiin amma keessa jirtuufi egereen biyyattii maal akka fakkaaturratti marii qopheessee ture.

Gaazexeessaan gameessi BBC Joonataan Dimbilbii marii namoonni 200 ta'an irratti hirmaatan kana dura bu'eera.

Pireezidantii Itti aanaa naannoo Somaale Obbo Musxafaa Umaar, dura taa'aa Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) pirofeesar Mararaa Guddinaa, gulaaltuu barruu 'Addis Standard' Tsadaalee Lammaafi gaazexeessaafi rogeessi siyaasaa Iskindirr Naggaa gaaffilee kallattiin hirmaattota irraa ka'aniif deebii kennaniiru.

Mootummaan MM Abiyyiin durfamu Itoophiyaa gara biyya nagaafi tasgabbii qabduu, akkasumsas badhaateetti ceesisuu ni danda'aa kan jedhu gaaffii jalqabaa ture.

Dhimmi ijoon Itoophiyaan yaadota faallaa, wal-morkiiwwan, walitti bu'iinsaa fi dubbiiwwan fiixeerra adda addaarra jiraniifi kanneen biroo aadaa siyaasaa biyyatti ta'an kana ni dandamattii isa jedhuudha jedha Obbo Musxafaa Umar deebii yoo keennan.

Kallattii kanaan gaafa ilaalluu abdii guddaan qaba kan jedhan obbo Musxafaan, "abdii koo kana hoggansa amma jiru kan MM Abiyyiin hogganamuu caalaa eenyurrayyuu kaa'uu hin danda'u" jedhan.

Biyyattiin gara biyya diimokiraasii sab-daneessaatti ce'uu qabdis jedhan Obbo Musxafaan.

MM Abiy biyya kana gara biyya nagaafi tasgabbii qabdu akkasumas biyya badhaate gochuu keessatti qormaati guddaan kan isaan mudaatu paartii isaanii ADWUI irraati kan jedhan ammoo pirofeesar Mararaa Guddinaadha.

"MM Abiy dhaaba isaa biyya bulchaa jiru ADWUI yoo hogganuu danda'e seenaa dalaguu danda'a" jedhan.

"Danqaalee guddaan isa mudatan lammiilee Itoophiyaa miiliyoona 100 olitti lakkaawaman irraa caalaatti dhaaba inni hoogganu irraayi" jedhu.

Bakka hundatti namni jijjiiramichi meerre, jijjiiramichi meerre jedhee gaafata kan jedhan pirofeesar Mararaan, MM hanga irraa eegamu saffisaa hin jirani jedhu.

Abdiin lammiilee biyyattii miiliyoona 100 ol irra qaban kun aariifi jibbatti jiijiiramuu mala sodaa jedhu akka qabanis dubbataniiru.

"Ce'uumsi kun fiixee kufaatiirra jira"

MM Abiy biyyattii biyya nagaafi tasgabbii qabdu akkasumas biyya badhaate gochuu osoo danda'a ta'ee hawii kooti kan jedhu gaazexeessaa Iskindir Naggaa, waan milkaa'an garuu hin se'u jedha.

"Filannoon inni ce'umsa kana ittiin hogganuuf filate dogoggora" jedha.

"Ce'uumsi kun osoo inni dhaabbilee siyaasaa kaan waliin mootummaa waloo ijaaree ni milkaaha ture."

"Dhaaba isa kamiyyu yoo ta'e, dhaabni siyaasaa tokko qofaatti biyya kana gara dimokiraasiitti ceesisuuf gahuumsaafi amantaa uummataa gahaa qabu jira jedhee hin yaadu."

"Ce'uumsi inni kun fiixee kufaatiirra jira. Kufuun isaas hin oolu" jedha Iskindir.

Goodayyaa suuraa "Waggaa tokko dura marii akkanaa gochuun hin yaadamu ture" jedhe Gaazexeessaan BBC Jonaataan Dimbilbii

Akkaataan uummatichi wal-dhabdee isa jidduu jiru itti hiikkatu milkaa'ina yaadamurratti gahee qaba jetti gaazexeessituu Tsedalee Lammaa.

Garaagartummaan dhaaba biyya bulchu keessa jirus qooda olaanaa qabaachuu dubbatti.

Dhaabichi ejjoonnon isaa yaa'a dhabaa jira, haga ta'es tokkummaa hin qabu, ykn ammoo of haaromsuutti jira. Kanaaf milkaa'inni Abiy waan kana dandamatee tokkummaa dhaabichaa ijaaruu danda'uurratti hundaa'a jetti.

"Sana gochuu dandeenyaan ce'uumsa dimookiraasiitti godhamuuf gahee guddaa qabaata."

'Siyaasa Sabummaa'

Dhimmi ijoo biroo mariif dhiyaatan keessaa tokko biyyattii keessatti walitti bu'iinsi fi siyaasni sabummaa bu'ureffate akkamii fi yoom dhaabbata kan jedhu ture.

Rakkoon beektoota biyyattii bira jiraa jedhu pirofeesar Mararaa Guddinaa.

Beektootni ykn hayyoonni siyaasaa wal qoqqoodanii tokkummaa uummatootaa eegsisuu hin danda'ani jedhu.

Yaada wal-faallessu kamuu haa qabataan, jiddu galeessa irratti wal gahuu danda'uu qabu. Ta'aanii dhimma keenya dhaloota lamaa oliif ture goolabuu qabu.

Dhimma siyaasa sabummaa biyyattii federaalizimii sab-daneessaan furama jedhu pirofeesar Mararaan.

Rakkoolee sabummaafi federaalizimii sabummaarratti hundaa'e kanaaf ministirri muummee yaada siyaasa haaraa qabu kan jedhan ammoo Obbo Musxafaa Umar.

"Ilaalchi inni waan darberratti fi yaadni egeereef qabu, miira namoomaan kan guutameefi addadha."

"Abjuusaa kana imaammata dhaaba isaa keessatti hojiitti hiikuu yoo danda'e jijiirama fida. Kanatti dabalee Itoophiyaan ilaalcha siyaasaa haaraa keessa gala jirti. Kunimmoo sirna siyaasaa haaraa ijaara."

Jeequmsiifi rakkooleen sabummaan walqabatanii biyyattii keessattii dhalatan kallattiin heera biyyattii waliin wal hin qabatani jedhu Obbo Musxafaan.

Sababa walitti bu'iinsa sabummaarratti xiyyeeffatee uumamuun biyyattiin adduunyaarratti biyyoota lammiilee biyyasaanii keessatti buqqa'an hedduu qaban keessaa adda duree taateetti jedha Iskindir.

"Naannolee gidduu bilisaan socho'uun hin jiru. Mootummaan federaalaa laafeera. Waan naannoo Tigraay waliin jiru qofa miti, guutuu biyyattii keessatti."

Bu'uura kanaan biyya dimookiraatessuu hin dandeenyu, mootummaa federalaa cimaa feenas jedha.

Mootummaan dandeettii seera ittiin kabachiisuu dhabee osoo hin taane sana gochuun dhiibbaa akkamii akka qabu baroota darban keessa waan argineef of eeggannoon socho'aa jirra jedhan mootummaa bakka bu'uun kan dubbatan Obbo Musxafaan.

Filannoo

Filannoon biyyaalessaa bara 2020 yeroo isaa eegee raawwatamuufi dheereffamuu irrattis gaaffiin ka'eera.

Mootummaan amma jiru mootummaa hayyamaa fi fedha uummataan filame miti kan jettu gaazexeessituu Tsadalee Lammaa, aangoo seera qabeessa argatee rakkoo amma jiru furuuf filannoon yeroo isaa eegee raawwatu qaba jetti.

Akka Tsadaleen jettutti filannicha dheeressuun ittuu rakkoo dabalataaf karra bana.

Haala amma jiruun naannolee adda addaa keessa socho'anii duula na filadhaa gochuun illee rakkisaa waan ta'eef filannichi dheereffamuu qaba kan jedhu gaazexeessaa Iskindir Naggaati.

Dhimmi ijoon filannoo gaggeessuu qofa osoo hin taane filannoo diimokiraatawaa ta'e gaggeessuudha jedha.

Mootummaan filannoo gaggeessuuf qophiidha kan jedhan obbo Musxafaa Umar, mormitoonni haa dheereffamu yoo jedhan dheeressuufis qophiidha jedhan.

Odeessa kana irratti dabalata