Waa'ee mana kitaabaa biyyaalessaa Itoophiyaa 'Wamazakkir' maal beektu?

Mana Kitaabaa Biyyaalessaa Itoophiyaa
Goodayyaa suuraa Mana Kitaabaa Biyyaalessaa Itoophiyaa

Manni Kitaabaa Biyyaalessaa Itoophiyaa maqaa addaa 'Wamazakkir' jedhamuun beekamu magaalaa Finfinneetti argamu A.L.I Ebla 27, bara 1936 hundaa'e.

Ega hundaa'ee waggaa 75 kan ta'e manni kitaabaa kun wayita hundaa'u kitaabota maxaanfamanis ta'e barruulee hin maxxanfamin kan waa'ee Itoophiyaa ilaallatan hunda kuusee dhalootaaf kaa'uu karoorfateeti.

Manni kitaabaa kun wayita hundeeffamu mootiin yeroo sana ture Haayilasillaaseen kitaaba 138 jalqaba kennan, achiis dabalanii kitaaba 600 gumaachan.

Manni kitaabaa kun hambaalee biroofillee man-kuusa ta'uu kaayyeffatee waan hundaa'eef bobbocaawwan garaagaraa, uffanni aadaa fi kan mootolee, akkasumallee meeshaaleen aadaa biroon keessatti argamu.

A.L.I bara 1958 maqaa Mana Kitaabaa Biyaalessaa jedhu kan argate 'wamazakkir' hanga bara 1968'tti Ministeera Aadaa fi Geejjibaa duraanii jala ture.

Bara 1998 ammoo Ejensii manneen galmee fi Kitaabaa ta'uun ofiin of bulchuu eegale.

Bara kana waggaa 75ffaasaa kan kabajate manni kitaabaa kun waggoota kurna torba darbanitti kitaabota, barruulee, walleewwan, faaruuwwan amantaa, hojiiwwan diraamaa fi tiyaatiraa hedduu kuufatee qaba.

Goodayyaa suuraa Kutaalee mana kitaabichaa keessaa isa tokko
Goodayyaa suuraa Barruulee Itoophiyaan UNESCOtti galmeessiste

Manni kitaabaa kun Itiyoophiyaa keessatti mana kitaabaa hawaasaa yeroo jalqabaaf sa'atii 24 hawaasaa fi barattootaaf tajaajila kennu eegaledha.

Barreessitoonni kitaabaa Itoophiyaa waan barreessan irratti abbummaa seera qabeessa akka argatanii fi kitaabasaanii addunyaarratti akka gurgurataniif kan isaan gargaaru lakkoofsa addaa kitaabaa(ISBN) kan kennu dhaabbata kanadha.

Manni Kitaabaa Biyyaalessaa Itoophiyaa kun kutaa daa'immanii fi warri mudoo qaroo qaban itti tajaajilaman qaba.

Kutaa qorannoo kan kitaabota 17,000 of keessaa qabu, kutaa gaazexaa guyyuu ba'u itti dubbisan, akkasumas kutaa fiilmii itti waraaban qaba.

Imala yeroo dheeraa

Afriikaa keessaa mana kitaabaa biyyaalessaa hundeessuudhaan Masiriin adda durummaan eeramti.

Itoophiyaanis biyyoota bara dheeraa dura mana kitaabaa biyyaalessaa hundeeffatan keessatti maqaanshee ka'a.

Goodayyaa suuraa Galmeewwan bara durii mawazakkir keessatti ni argamu

Waggaa 75ffaasaa sababeeffachuun manni kitaabaa kun maxxansa haaraa baase ture.

Akka gabaasa kanaatti bara mootummaa dargii aanga'aa olaanaa kan turan Birgaader Jeneraal Tafarii Bantii seerri dhaabatichaa bahee hanga hojiirra oolutti barruuleen jiran akkuma jiran akka turan labsa baasan.

Waggoota darban galmasaa hagam milkeesseera jennee dubbi himaa mana kitaabichaa kan ta'an Obbo Shimallis Taayyee gaafanneerra.

Akkasaan jedhanitti manni kitaabicha gama barruulee seenaa qabeessa ta'an walitti qabuutiin hojii ga'aa hin hojjenne.

Kanaaf akka sababaatti kan kaasan ammoo, barruulee dur turan kuufatanii kan turan manneen amantaa ragaa barreeffamaan kuufamee jiru mana kitaabaatti galchuu diduu isaaniiti.

''Manni amantaa ortodoksiis ta'e kan dhimmoota islaamaa galmeewwan seena qabeessa ta'an nuuf qooduurratti rincicaniiru. Namni akka keenya kunuunsee eegu hin jiru jedhanii shakkuurraa ta'uu danda'''

Goodayyaa suuraa Hojjettoota dhaabbatichaa keessaa muraasa

Jaarraa 15ffaa keessa xalayaawwan biyyoota alaatti barreeffamaa turanii fi barruuleen dur durii turan walumaa galatti 12 kanneen galmee Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa(UNESCO) irratti galmaa'an yeroo ammaa daawwattoota biyya keessaa fi alaatiif banaa ta'aniiru.

Odeeffannoo fi ragaawwan waggaa waggaan walitti qabamaa turan bara mootummaa dargii qaawwaa uumameen addaan cituu dubbatu Obbo Shimallis.

Bara sanallee barruulee walitti qabuun jiraatus mootummaan waan hin barbaanne mana kitabichaatti kuusaa hin turre.

Mana Kitaabaa kana keessa yeroo dheeraadhaaf damee teekinikaa fi leenjii keessa hojjechaa kan turan Obbo Tasfaayee Kaasuu ''Dhalooti yerosii kan dubbisuu fi barreessu ture" jedhu.

"Garuu sababii siyaasaatiin dhimmoonni nuti mana kitaabaa kanatti kuusuu hin dandeenye waan turaniif hanqina uumeera'' jedhan.

Barreeffamoonni dur Itoophiyaa keessa turan hedduunsaanii yeroo ammaa biyyoota akka Ingilizii, Itaalii fi kanneen biroo keessattis ni argamu.

Goodayyaa suuraa Barruulee mawazakkir kuusee qabu keessaa muraasa

Hudhaalee mudatan

Leenjii barbaachisaa kennuudhaan hojjettoota ga'oomsuu dhabuu akkasumas dhaabbatichi akka leenjii kennuuf jajjabeessuu dhabuun dhaabbaticha keessatti qaawwa uumeera jedhan Obbo Shimallisii fi Obbo Tasfaayeen.

Qabiinsa galmee fi bulchiinsa isaa irratti hojjettoonni waan leenji'aa hin jirreef galmeewwan turan baayyee miidhamaa jiru jedhan Obbo Shimallis.

Akka Obbo Tasfaayeen jedhanittimmoo manneen kitaabaa babal'isuun gaarii ta'ee akkasumammoo ogeeyyiinis baayyachuu qabu.

Caasaadhumti ejensichaa madda rakkooti kan jedhan Obbo Shimallis dhaabbatichi otoo of danda'ee bulee bayeessa jedhu.

Mala ammayyaan (dijitaalaan) bara waliin deemuu

Addunyaa gara meeshaalee ammayyaawoo(dijiitaalaatti) ce'aa jiraachuurraan kan ka'e namoonni bakka fedhan taa'anii odeeffannoo barbaadan argachuutti ce'aniiru.Kan filatanis isa kana.

Dhaabbati Mana Kitaabaa Itoophiyaas galmeewan durii bifa waraabbiitiin dhiyeessuun beekama. Barruulee dur durii tuttuqqaarraa bilisa gochuuf jecha namoonni isa waraabametti fayyadamu.

Akka Obbo Shimallis jedhanitti namni waa'ee qorannoo qorachuu barbaadu tokko gadaamii xaanaa, dirree sheek Huseen deemuu isa hin barbaachisu.Kuusaa ragaalee seenaa mana kitaabaa kanatti fayyadamuu danda'a.

Dhaabbatichi qabeenya odeeffannoo kuma 200 ta'an kan qabu ta'ee kanneen keessaa kan bifa dijiilaan taa'an 2537 ta'u.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata