Yaadannoo fonqolcha mootummaa ga'eessa ganna 74 Koloneel Kaasaaye

Mangistuu Haayilamaariyaam Guraandhala 12 barra 1970 Mooskootti Image copyright TASS
Goodayyaa suuraa Mangistuu Haayilamaariyaam Guraandhala 12 barra 1970 Mooskootti

Yeoo sanatti ajajaa olaanaa humna qilleensaa 102ffaa Eeritiraatti argamuun ture.

Caamsaa 8 guyyaa Kibxataa tasa biiroo janaraal Damisee Bultootti barbaadamta naan jedhan. Anis konkolaataa koo kaafachuun biiroo isaanii dhaqe.

Ani yoo achi qaqqabuuttis birgaadar janaraal Kaasaaye Camadaa keessa turan. Isaan yoo bahanin ani seene.

''Oo gooftaa!'' jedheen. ''Finfinnee tasgabbii dhabiinsa xiqqootu jira. Waraana birgeedii lama qabachuun deemiitii hatattamaan tasgabbeessi, janaraal Qumilaachoon qajeelfama dabalataa siif kenna" naan jedhan.

Yoon biiroo janaraal Qumilaachoo qaqqabuus ''dhuftee Kaasaaye! koottu na hordofi'' jechuun konkolaataa saanii kaafatan.

Osoon dukaasaanii hordofuu humna qilleensaa Asmaraa qaqqabne. Fuuldura isaaniis xiyyaaroonni warri Raashiyaa Mangistuuf kennaadhaan laataniif dhaabbattee jirti. Xiyyaara kanaan Finfinnee deemna naan jedhan.

''Uffataafi yaadannoo hin qabanneebee gooftaa'' jennaaniin, ''...jedhii xiyyaara ittaanuun na qaqabi'' naan jechuun xiyyaara seenan.

Hatattamaan fiigee mana galuun uffannaa fi yaadannoo qabadhee yoon deebi'u, xiyyaarittiin osoo hin ka'iin qaqqabe.

Image copyright Amin Mohamed

Xiyyaricha keessattis namoonni gara 70 ta'an taa'aniiru. Humni qilleensaa ammoo antonoviiwwan afuriin fe'amanii nu hordofuun ni dhufu.

Xiyyaarittiinis gara Mitsiwaatti qajeeluun gara kallattii Qaaruraa deemte.

Achii deebi'uunis osoo laga Marab hin ce'iin natti fakkaata, janaraal Qumilaachoon tuf jedhanii ol ka'uun waraqaa tokko qabatanii dubbisuu eegalan.

Erga rakkina uummata Eertiraafi Itoophiyaa irra gahu dubbataniin booda, dhumarra nu naasiisan. Anis kanan yaadadhu isa dhumarratti dubbatan qofaadha...

''Koloneel Mangistuun ajjeefamuun aangoorraa bufamaniiru!'' jedhan.

Baay'een nahe. Yoon Asmaraadha ka'u waanan beeku hin turre. Waliigalatti xiyyaara keessa kan turre nama 73 taana.

Namoonni sun hundi harka yoo rukutan ani garuu naasuun gogeen hafe. Akka nama hirribaa ka'uuttan dammaqee harka rukute.

Image copyright William Campbell
Goodayyaa suuraa Addababbayii Abiyootitti hiriira mormii Impeeriyaalizimii bahame Ebla 23 bara 1969

Finfinneetti nama nu simatu dhabne

Sa'aatii 11 irratti buufata xiyyaaraa Boolee geenyee bilbila bilbillus kan nuuf kaasu dhabne. Raadiyoo taasifnuulleen kan kaasu dhabne.

Ministeera Ittisaatti bilbillee achiis eenyuu bilbila hin kaasu. Ittisa lafoottis bilbillee eenyuu hin jiru. Wal-quunnamtii hundinuu adda citeera. Edaa osoo nuti hin qaqqabiin dura dubbiin badee jira.

Maaliif naan jedhi...naannoo sa'aatii 9:30tti janaraal Abarraan ministiricha janaraal Haayilagiyoorgisiin ajjeesuun miliqeera.

Nuti kana hunda hin beeknu ture. Nuti kan beeknu koloneel Mangistuun ajjeefamusaati.

Sa'aa sanatti waraana nuti fidnee dhufne kan nuuf qindeessu hin qabnu. Osoo nuti hin qaqqabiin ture birgeedii eegumsa addaa irra taankiin dhufuun mooraa Ministeera Ittisaa marseera. Akkuman sitti hime nuti kanas hin beeknu.

Eegaa maal gootaa... humna qilleensaa wal hordofuun dhufe kaan achuma Buufata xiyyaarratti eegduu gochuu eegalle.

Kaan ammoo buufata sakatta'iinsaa Aqaaqii Qaallitiirratti ramadamuun keessaafii alaa konkolaataan akka hin baaneefi hin gallee taasise.

Kan hafne ammoo gara dallaa Aviyeeshinii Ittisaa deemne. Waraanni Xoollayii dhufes achumatti nutti makame.

Caamsaa 8 galgala- Naannoo Gommaa Quxxabaatti

Galgalaa'aa adeemnaan bitaa nutti gale. Janaraal Qumilaachoon na waamanii ''gara ministeera ittisaa yaa deemnu'' naan jedhan.

Walitti dhufeenyi keenya adda citulleen kan dhufneef hoggantoota fonqolcha mootummaa raawwatan Ministeera Ittisaa keessa jiraniif dahoo kennuuf waan ta'eef gara sanatti qajeelle.

Waraana kumalaa tokko qabannee, Xoor-haayiloochiin dabarree karaa hospitaala Baalchaatiin oliin gama buufata poolisii shanaffaatiin goonee, eegumsa fayyaa geenye.

Waraanaa kumalaa tokko qabanneera. Achuma Gommaa Quxxabaa bira isaan keenyee basaasuuf gara Ministira Ittisaatti siqne.

Akkuman sitti hime galgalaa'eera. Siriiyyuu halkan wallakkaa darbeera...ta'us addeessi iftee baateti. Kan si dhibu halkan sana waan hunda argu dandeessa. Akkuma aduutti ifaa turte yoon siin jedhe soba hin ta'u.

Yoon gara Tiyaatira Biyyaalessaatti siqu, hoteela Itoophiyaatiin gadi ibsaan tiraafikaa jira miti? kan gara Filuhaa dhaqu sana... taankiin tokko konkolaataa jiippii tokkoon hordofamaa gara kiyyaa yoo dhufuun arge.

Anis jiippii matarayeesii baattu tokkorran ture. Konkolaachisaan dafiitii gara mirgaa duubatti deebi'in jedheen.

Irra deebiin karaa gubbaan naannoofnee ilaaluuf jennaan ammoo taankiin biraa fuulasaa gara keenyaatti garagalfachuun nu rukutuuf jedhe. Achiin deebinee gara Gommaa Quxxabaatti galle.

Nuti hanga sa'aatii kanaatti Ministira Ittisaa keessatti maaltu gaggeeffamaa akka jiru hin beeknu. Yaaliin fonqolchichaa fashalaa'usaa hin dhageenye.

Janaraal Mari'id fa'i lubbuun kan jiran nutti fakkaate. Nuti kan beeknu Mangistuun ajjeefamuu isaa qofa ture.

BBC: Meeshaa hidhattanii turtanii?

Koloneel Kaasaayee:Waraanni anii fi Qumillaachoon qabannee dhufne amoorkaa afa-muuzii afur qaban lama qabateera. Isas yoo ta'e kan halkanuma sana birgeedii eegumsa addaa irraa bojineedha.

BBC: Dhiifama garuu koloneel Amoorkaan maaliidha?

Koloneel Kaasaayee: Amoorkaan meeshaa abbaa 'afa-muuzii' lamaa Koriyaa kan shilkaa fakkaatu qabuufi kan rasaasa Zu -23 kan fudhatu meshaa cimaadha. Isaanis birgeedii eegumsa addaa irraa kan dhufan lamatu ture. Gara mooraa waraana lafoo wayita galan boojinee konkolaachisaa ramanneefi gara lafa boqonnaatti geessine. Dhukaastota humna qilleensaatii itti dabalachuun gara naannawa Gommaa Quxxabaa adeemne.

Isaan boodas janaraal Qumillaachoo waliin gara Buufata poolisii Amistanyaa adeemuun bilbila argannee bilbiluu eegalle.

Ministeera Ittisaatii namni bilbila kaasu hin jiru. Meeshaa 'RPG' of harkaa hin qabnu, taankicha maaliin haa rukunnu... boodarra deebiifne rukunna jechuun halkan sana Gommaa Quxxabaadhaa gara Waraana Lafootti deebine.

Achi akkuma geenyeenis janaraal Qumillaachoon dhufe naan jedhee deeme. Isaan boodas wal agarree hin beeknu.

Image copyright Mondadori Portfolio
Goodayyaa suuraa Finfinnee Naannoo Baankii Biyyaaleessaa bara 1960 keessa

«Jaal Mangistuu Haayilamaariyaam imimmaan qabe»

Kan hidhamne masaraatti ture. Achi galma guddaatu jira. Isa keessas lafa xajjiin itti tolfamutu jira. Warri fonqolcha nu waliin yaalan Asmaraa dhufanis haala sukkaneessaan hidhamanii yoo iyyan nan yaadadha. Gara 112 taana turre.

Osoo hidhamne jirruu jaal Mangistuun al lama nu daawwataniiru.

Guyyaa jalqabaa kan dhufan gaafa addababbayii Abiyootitti haasaa taasisan ture. Caamsaa 10 ykn 11 ta'a amma sirriitti hin yaadadhu.

Addababbayii Abiyootii kallattiin gara keenya dhufan. Wayita sana ammoo nuti poolisoonni nuuf ramadamanii jecha kennaa turre. Guyyaa sanas dhufanii nu ilaalanii callisanii deebi'an.

Isaan booda Waxabajjii 11 bara 1981 deebi'anii dhufan. Wayita sanattis qondaalota gara 118 ni taana galma sana keessatti hidhamne kan turre.

Galmichi karra tokkittii qofa qaba. Ifaa homaatuu hin qabu. Wanti mul'atu homtu hin jiru. Garuu galgalaafi ganama sa'aatii tokkoof aduu ni qaammanna ture.

Waxabajjii 11 wayita yeroo lammaffaaf dhufan nutis aduu qaammachaa turre. Walitti qabamaa nuun jedhan. Wallakkan gaabii uffateera. Wallakkaan mataatti marateera.

Waan guyyaa sanaa yaadadhu sitti haa himu...? Mangistuun asiifi achi jechuun nu ilaalan. Isaan boodas gara janaraal Abdullaahiitti naanna'uun ''Abdullaahii!'' jedhaniin.

Bulchiinsa Ministira Ittisaa kan turan janaraal Abdullaahiinis ''Abeet Gooftaa'' jedhan.

''Ati waraana eegumsa naannoo Finfinneetiif baatii 6'f mindaan akka hin kanfalamneef beektaa mitii?'' jedhaniin.

''Eeyyeen beeka gooftaa koo'' jechuun deebiiseef.

‹‹Kunis shira anarratti raawwatee miti? mitiiree..!''

Isaan boda achi yoo garagalan ammoo Salamoon Bagaashaa argan. Salamoon Bagaashaa 'shuumii itaamaazhoorii' humna qilleensaa turan.

''Salamoon! Isiin yoo hilikoptaraan shirrishirrii deemtan ani miilaanan fanjii keessa deemaa ture. kana beektaa...?'' jedhaniin.

Yeroo kanattis janaraal Salamoon gaaffii gaafachuu ykn deebii deebiisuuf harka baasan. Garuu osoo hin dubbattiin dura Mangistuu imimmaan ijasaanii guute. Fuuldura isaaniin ture.

Imiimaan kan hudheefis aaree natti fakkaata. Imimmaan akka hudhe itti dhagahamnaan ofirra garagaluun bahee deeme. Osoo boo'uu nu fulduratti mul'achu hin barbaanne ta'a.

Isaan booda Jaal Mangistuu argine hin beeknu.

Image copyright Francois LOCHON
Goodayyaa suuraa Mangistuu Haayilamaariyaan yaa'ii dhaabbata Tokkummaa Afriikaa irratti, Sadaasa 21 bara 1980

Hidhamtoonni du'a eeggataa turan maal jedhan?

Kan na waliin hidhaman hundinu warra fonqolchicha yaalaniidha. Isaanis janaraalotaa hanga milishaa turan.

Ani siriiyyuu kanneen koloneeliin gadiitiif 'kaabboo' ykn ajajaan ture. Dargiin kufe jennaan ililchuun lafa dhungattee jirta jedhamuun milishaan hidhame nu waliin ture.

Janaraal Hayiluu Gabramikaa'eel ajajaa waraana lafoo, Meejar janaraal Itti aanaa Alamaayyoo Dastaa, Meejar janaraal Warquu Zawudee ajajaa Poolisii fi kanneen biroo ajjeechaa sukkanneessaa Asmaraa sanarraa hafan hundi nu waliin jiru.

Janaraal Fantaa Balaay garuu guyyaa sadaffaa dhufanii battalumatti gara Maakalaawiitti dabarfaman jedhame.

Galma sana keessa gaabbiitu ture. Fakkeenyaaf Salamoon Bagaashaa fi Tasfaayeen ni gaabbu turan. Birgaadar janaraal Tasfaayee Dastaa qondaala duula humna qilleensaa ture.

Birgaadar janaraal Salamoon Bagaashaa ammoo Ajajaa itti aanaa humna qilleensaa turan.

Nan dhagaa'a ture galgalaafi ganama ''namtichi kun nu hin dhiisu... maal jedhee naan jedhaa nu ajjeessa'' naan jedhu turan. Inni soodaatanis hin ollee.

Qabxii lamaanu ittiin gaabban maal sitti fakkaate? Yeroo sana koloneel Mangistuun osoo gara Jarman adeemanu xiyyarri isaanii Galaana Diimaa irratti akka rukutamu jedhamee ture karoorri kan qabame. Kanaafu kun ta'uu hafuusaatiif gaabbu.

BBC: Kolaneel amma umurii keessan waggaa 74 kanaan yoo yaaddan fonqolchiichi osoo milkaa'eera ta'ee jettanii ni gaabbituu?

Koloneel Kaasaayee:Ani akkas hin yaadu. Sababiinsaas haala jiru yoon ilaalu Mangistuunis balleesseera jedhe kanan itti murteessu hin qabu. Homaa hin goone. Itoophiyaaf waan gaarii hojjate. Wayita mana hidhaa turre, isaan fuuldurattis mormaan ture. Deeggaraa Dargiin tures. Mangistuun maal godhe?

Biyyattiin waraana irra taatuus, waraanni baay'atus, innis tokkummaa Itoophiyaa qabatee ture kan ka'e. Kan qabsaa'es biyyi akka hin cinneef ture.

Kan sanaaf nu saaxiles balleessaa nuti qondaalonni raawwannedha.

Baay'eenis adda waraanaatti mo'atamu kan danda'e dogongoruma hoggansaatiin ture. Ragaan bahaa ture. Rakkinni nu bira malee Mangistuu bira hin turre.

Image copyright William Campbell
Goodayyaa suuraa Hiriira Ebla 23 bara 1969'tti Addababbayii Masqalaatti taasifameen loltoonni Impeeriyaalizimii yoo balaaleeffatan

Waa'ee afaan du'aa keessa hafuu

Mana hidhaa taanee waan Asmaraatti janaraal Damisee Bultoo fi warra kaanirra gahee yoo dhageenyu baay'ee gaddine.

Qondaalota hidhamuun nu bira dhufanitu nutti hime. Haala sanaan du'un isaanii sirri hin turre. Adabamuu kan qaban seeraan ture.

Hundi keenyayyuu garee gareen hiramnee mana murtii loltootaa Masaraa keessatti hundeeffameerratti dhiyaataa turre.

Isaan Waxabajjii 12 bara 1982 murteef beellamamanii turan.

Waan Birgaader Janaraal Tasfaayee Dastaa itti gaafatamaan duula humna qilleensaa Waxabajjii 11 dubbatan nan yaadadha.

''Har'i guyyaa dhumaa keenya. Maal jedhe jedhaa deebiine hin dhufnu'' jechaa ture.

Nagaa walitti dhaamuun ture adda kan baane. Isaan nu ajjeesu waan ta'eef hin deebinu jechuun nagaa dhaamanii bahan. Caamsaa 11 jechuudha.

Isaanis gara dhaddachaa deeman. Tarii ni deebi'uu laata jennee eegnus hin deebi'iin hafan.

Taa'anii du'a eeggachuun maal fakkaata?

Isaan ajjeefamanii waggaatti Caamsaa 23 murteedhaaf beellamamne. Nu duras Caamsaa 15 bara 1983 jaalleewwan murteedhaaf Mana murtee olaanaatti dhiyaatani turan.

Isaanis osoo hin deebi'iin hafusaanitiin nutis waanuma wal fakkaatutu nu mudata jennee eeggachaa turre.

Dhugaattis irraa hafna jennee hin yaadne ture. Murtee du'aatu nurratti murtaa'a jennee eeggataa turre.

Jidduun garuu Caamsaa 13 Mangistuun biyyaa bahaniiru jedhamee akka carraa hafne. Kunoo lubbuun jirra...!

Gaaffii dhumaa Koloneel Kaasaayee Taaddasaatiif

BBC: Janaraal Mar'id Nugusee attamiin akka of ajjeesan beektuu?

Koloneel Kaasaayee: Hin beeku.

BBC: Janaraal Ammahaa Dastaa attamiin akka of ajjeesan beektuu?

Koloneel Kaasaayee: Hin beeku.

BBC፡- Janaraal Abarraa Abbaba lubbuun qabuun osoo danda'amuu maaliif waan ajjeefaman isinitti fakkaata?

Koloneel Kaasaayee:Ani janaraal Abarraa hangan beekutti nama harka kennatan miti. Walitti dhukaasuun du'u malee.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata