Waggaa 30 har'aa...xiyyaarri Koloneel Mangistu attamiin hin gubatiin hafe?

Mangistuu H/Maariyaam Image copyright Getty Images

Guyyaansaa Kibxataa, waggaa 30'n har'a. Addeessi gaafas baate 'xaafii nama haamsifti' jedhan Kolenel Kaasaaye Taaddasaa. Guyyaa dhiphinaa sana akka kaleessaatti yaadatu.

Waggaa 30'n har'aa, ALI Caamsaa 8 biyyaatii keessatti waan cimaa tokkotu ta'e ture. Dimshaashumatti waanti gaafas ta'e 'ajaa'ibuma' jechu wayya ta'a.

Jeneraal Mari'id Niguse ajajaan Itaamaazhurii Humna Ittisaa, guyyaa itti of ajjeessan ture. Jeneraal Mari'id ilaalchisees seenaa wal dha'aatu jira.

Shaambal Iyyoob Abaate yeroo sanatti miseensa tika nageenya loltummaa turan. Fonqolcha motummaarratti qorannoo taasisaniiru. Du'a janaraal Mari'id ilaalchisees seenaa adda ta'e qabu.

Wayita sanatti bira kan tureefi gonkuma maqaansaa akka hin himamne kan gaafatee loltuun eegduu addaa natti himeera jechuun BBC'tti akka himaniitti, janaraal Mari'id ofiitti dhukaasanis lubbunsaanii battalumatti hin baane.

Ambulaansiin waamamee dhufulleen gara hospitaalaatti osoo hintaane gara masaraatti geessite.

Yoo xinnaatees gara sa'aatii 6'f loltoota lamaan eegamaa erga turanii booda lubbun ambulaansiidhuma keessatti baate.

Kunis beekuma gara jabiinaan kan raawwatame yookin ammo hogganaa fonqolcha motummaa irratti yaale eenyutu ija jabaatee hospitaala dhaqee wal'aansa haa argatu jedhe dubbata sodaa jedhuunis ta'uu mala.

Image copyright Suuraan kan ilmasaanii Astawaay Marid
Goodayyaa suuraa Marid Nigusee 1975-1979tti bulchaa Eertiraa fi Ajajaa Raayyaa Warraaqsaa Lammaffaa wayita turanitti

Gama kanaan hogganaa humna qilleensaa kan turan janaraal Ammahaan abbaa carraa turan jechuun ni danda'ama.

Janaraal Ammahaan gara walgahii kan galan shuguxii saanii konkolaataa keessatti dagatanii ture. Shuguxii barbaacha fiiganii biiroo yoo seenan kilaashii tokko argatan. Isaanis ofi ajjeessan.

Reeffii isaaniis maramee ambulaansii lubbuun janaraal Mar'id keessatti baate sana keessa kaa'ame ture, akka shaambal Iyyoob argeera jedhaniitti.

BBC:Shaambal! Haala du'a janaraal Mari'id ilaalchise kan amma jechaa jirtan kun seenaa hanga har'aatti hin dhagahamneedha. Loltuu natti hime jettan sana ni amantu?

Shaambal Iyoob: Miseensa eegdoota addaa kan tureedha. Wanti halkan sana arge hanga yoonaatti isa jeeqaa jira. Seenaan jallatee himamnaan aaree, dhugaasaa ''sirreessii barreessi, ani achin ture' naan jedhe. Halkan sana achi turuusaas loltu biraa irraa mirkaneeffadheera.

Caamsaa 8 bara 1981, Guyyaa dhiphiinaa

Guyyaa sana ture miseensa humna qilleensaa kan turan janaraal Abarraa Abbabaa ajajaasaaniifi Ministira Ittisaa Janaraal Haayilagorgiisiin ajjeessuun uffata geedarachuun dallaarraan utaalanii kan miliqan.

Seenaan kun ammallee ifa miti. Maaf miliqan? Maaf ministiricha ajjeessan?

Osoo fonqolcha motummaa hoggananuu attamiin ministira tokkicha ajjeessuun yakka guddaa ta'ee miliquuf dirqaman?

Gaaffiiwwan waggoota 30'f deebii hin hargatiin jiran.

Janaraal Faantaa Balaay midhaaniifi bishaan malee halkaniifi guuyyoota sadiif konteenara keessa dhokatani ture...

Qophaa'inni barnootaafi gahumsi hoggansaa janaraal Faantaa biyya hogganuuf kaadhimamaa isaan taasise ture.

Osoo fonqolchiichi fiixaan bahe silaa biyyattii kan hogganan isaan ture. Janaraal Faantaa guyyoota sadiif konteenara keessa turuu isaanii kanas ummanni akkasiin afaan Amaaraan qoosee ture:

_"ፔፕሲ ኮካ ኮላው ከከተማ ጠፍቶ_

_ፋንታ ተገኘ አሉ በኮንቴይነር ሞልቶ"_

"Peepsii kokaan magaalaa keessaa kutee

Faantaan argame jedhan konteenara guutee" akka jechuuti.

Caamsaa 8 bara 1981: Halkan dhiphiinaa

Hallkan sun guyyaa biyyattiin janaraaloota ciccimoo, ulfina olaanaa qabaniifi kanneen bakka bu'oota hin qabne guyyaa tokkichatti itti dhabdeedha.

Isaanis Itoophiyaa bira darbee, aardiin Afrikaa osoo addunyaa biraa irraa weerarri mudateeni kan fuldura hiriirsuu dandeessu, janaraaloota addaa turan…

Ofii Caamsaa 8 maaltu ta'e?

Koloneel Mangistuun haadha warraa isaanii Wubaanchiifi intala isaanii Tigist waliin ta'uun Jarman bahaa dowwachuuf imaluuf gara sa'aa booda Booleetti argaman.

Mangeen abshaala waan turaniif beekuma diina dogongorsuuf jecha sa'aa dabarsanii ykn dursanii argamu. Kan isaanii irratti shiru baay'ee waan tureef.

Guyyaa sanas akkasuma bariin deemna jechuun ministira nageenyaa isaaniitti himan. Ministiroonnis dhugaa se'anii bariin Booletti argaman.

Mangeen garuu guyyaafatanii ture fuula guraa kan dhufan...

Janaraaloonni isaan gaggeessuuf dhufan garuu baay'ee waxirfachaa turan. Hojii ariifachiisaan waan isaan eeguuf gara biirootti dafanii deebii'u qabu turan kaa.

Hojiin isaan eegattu 'Mangee' kaasuun mootummaa haaraa dhaabuu ture.

Janaraalotas 'kutannoo' qajeelfama warraaqsaa kennuu Mangeetiin ijoollee hiyyeessaa kumaatama dhabuun isaan nufisiiseera.

Dula Afaabeete, Qayi Kokab, Baahira Nagaashi fi kanneen biroo irratti kumaatamni akka baalatti harca'aniiru.

'Motummaan waraana akka hojiitti ilaalu attamiin ummata bulchu danda'a' jechuun ture keessa keessa gumgumaa kan turan.

Mangistuunis kana osoo dhagahe janaraalonni hin hafan ture. Kan seenaa gaddisiisaa Birgaadar janaraal Taarikuu Ayinee, hogganaa olaanaa Izii Naadaw dhaga'e Mangee waliin hin qoosu.

Dinagdeen biyyattii dadhabee ummanis beela'aa ture. Loltoonni kochoroo gogaan lolaa turan.

Janaraaloonnis ''maaf waraana hiikaa hin qabneef ummata keenya fixna? Rakkinni kaabaa siyaasaan malee qawween hin hiikamaa?'' jechuun Mangee duuba gumgumaa turan.

Koloneel Mangistuun garuu waanti hundi gara adda waraanaatti jechuu itti fufan. Kana malees ajajoota waraanaa caalaa kaadiree isaanii amanu turan.

Janaraaloonnis ''Namni kun kan nu hin dhageenye erga ta'e maaf hin dhabamsiifne?'' jedhan osoo homtu isaan hin dhagahiin.

Fonqolcha raawwachuufis qophiin xumurame. Kanaaf guyyaa Caamsaa 8 sana Mangee dafanii gaggeessuun kan barbaachisaa tureef...

Shaabiyaa waliin ariitiin mariif taa'amu qabaata. Dhimma alaa kan ilaalattuuf ajajaa kumaa Daawiit Waldagoorgiis kan dura Mange haalee qopheeffataniiru.

Isaan boodas Janaraalonnis gaggeeffamu Mangee haalaan eegaa turan.

Image copyright Getty Images

Waggaa 30 har'aa Caamsaa 8 gara guyyaaSa'aa deemuu didee…

Hogganaa biyyaa gaggeessuun aadaa waan tureef… ''Jaal Mangee nagaan si yaa deebiisu'' jechaa mirgaa fi bitaan hiriiranii nagaa dhaamaniif janaraaloonni isaa.

Mangeenis seeqa isaanii akka caama ganamaa sana agarsiisuun deebii kennaniif. Umaan maaliif laata kan abbootii irreetiif ilkaan bareedaa akkasiifi umurii dheeraa kan keennuuf?

Kan nama dhibuu garuu... gaggeessaa Bolee guyyaa sanaarratti janaraal Mari'id Nuguse hin argamne.

Kunis sababii barriisaa kan waraanaa tureefu yeroo dhabaniitii jedhamuuf ni danda'a ta'a. Adda waraanaa hundatti 'foxxoqaa-foxxoqsiisaa' looluuf raayyaan 'waraana diinaa' kumaatama waliin wal lolaa jira.

Haala akkasii keessatti gaggeessaaf argamu dhiisuun omaa miti. Ta'us janaraalichi gaarii hin hojjanne.

''Mari'id maal ta'eeti hoggannaa kutataa keenya osoo hin gaggeessiin hafee? jechuun shakkii xiqqoon shuumii nageenyaa koloneel Tasfaayee Waldasilaaseetti osoo hi numamiin hin hafne.

Akkuma ta'an ta'anii hogganaa saanii gaggeesutuu irra ture. Isaan garuu waajjirasaanii ministira Ittisaa siiniimaa Ambaasaadar biratti argamu keessa ta'uun waa'ee fonqolcha mootummaa dinqisiisaa jaarraa sanaa barreessaa turan.

Image copyright Getty Images

Xiyyaarri Mangee attamiin hin gubatiin hafe?

Mangistuun kanneen laaqanaaf yaadan ciree taasifachuu itti baranii ta'u mala. Guyyaa sanatti garuu cirees, laaqanas irbaatas taasifamuuf kan turan isaanuma.

Kanas gonkumaa hin beekan. Imalaaf xiyyaara yaabbataniiru.

Osoo samiirra jiranu xiyyaara isaanii rukuutuun dhimmi itti walii galame ture. Kana kan mirkanneessan ammo hoggantoota ittisaa hunduma jechuun ni danda'ama.

Erga Mangee gaggeessanii deebii'an booda garuu yaadni biraa itti dhufe.

''Jaalleewwan, maaf rukunnaa garuu?''

''Maal jechuudha…''

''…isaa ajjeessuuf jecha lubbuu namoota nagaa 70 balleessuurra…''

''Lakki lakki dhimma kanaratti boodatti osoo deeebi'uu baannee wayya… walii gallee kan xummurree moo?

''Waliigalleera ta'a. Garuu Aaddee Wubaanchi, Tigist? Balaliistoonni lammii keenyaa miti? Maal balleessaniitu daafii nama kanaatiin kan ajjeefaman? … yaadni kunis tarii ajajaa humna qilleensaa janaraal Ammahaa irraa kan dhufe ta'uu hin oolle.

''…kanaafuu jaalleewwan maaltu nuuf wayyaa? janaraal Mari'id akkasin gaafachuu hin oolle.

''…xiyyaara loltuutiin dirqisiifne Asmaraa qubachiisuu nuuf wayyaa? yaada furmaataa kenname ta'u mala.

''Asmaraan waan hin taaneedha. Humna qilleensaa Mangee garmalee leellisuutu achi jira''

Wayita kanattis hogganaan duulaa janaraal Abarraa akkas jedhanii ta'a: ''Jaalleewwan asiifi achi jechuun kun maaliidha? Dhimmi waliin irratti waliigallee mirkanneessine irratti maal boodatti harkifannaan akkasii? Kun qoosaa miti!

"Diraamaa osoo hin taane fonqolcha motummaa gaggeessa jirra. Xiyyaara durataa'ichaa kan hinrukunnee yoo ta'e booda kan rukutamu numa… ani keessaa hinqabu…''

Janaraaloonni walii galu dadhaban. Kunis jalqaba dhumasaanii ta'e.

Janaraalonnis akkasiin osoo waajjirasaaniitti wal mormaa jiranuu xiyyaarri Mangistuu qabattee Boolee kaates osoo samiirratti hin rukutamiin ykn dirqiisiifamuun Asmaraa hin qubsiifamiin daangaa qilleensa Itoophiyaatii fagaate.

Jeettiiwwan xiyyaaricha rukutuuf dallaa humna qilleensaa Bishooftu keessa of-eegannoon eegaa turaniis mootarasaanii balleessan.

Image copyright Ilma isaanii Darajjee Damisee irraa
Goodayyaa suuraa Janaraal Damisee Bultoo

Asimaraatti garuu 'Mangeen ajjeefamaniiru'

Asmaraatti hogganaan humna ittisaa warraaqsaa 2ffaa kan turan janaraal Damisee Bultootti. Siriiyyuu yaada fonqolcha motuummaa kan eegalan keessaa ta'u hin oolle.

Ittaanaa isaanii waamunis dubbichi toora qabachu mirkanneessaniif. Janaraal Qumilaachoonis komaandoowwan 433 antonooviitti fe'achuun gara Finfinneetti akka imala eegalaniif itti himan.

Janaraal Qumiilaachoonis miseensoota humna qilleensaa biyyattiin qaba jettuun 'ka'aa! Socho'aa' jedhaniin.

Mana loltuutti hogganaan yoo ajajuu 'tole' malee 'maaliif' hin jedhamu.

Osooma antonoovicha keessa jiranii janaraal Qumilaachoon ol utaalanii ka'an. Gargaaraan isaaniis meeshaa quunnamtii dabarsanii itti kennan.

Waraqaa tokko giphii isaanii baasuun dubbisuu eegalan. ''Mangeen ajjeefameera. Waraanni xumurameera. Baga gammaddan" jedhan.

Loltonni antonoovicha keessa jiran hundi gammachuun harka rukutan. Antonoovii sana keessa kan turaniifi ammas lubbuun kan jiran Letanant koloneel Kaasaayee Taaddasaa BBC'tti akka himaniitti.

''Mangistuun ajjeefameera yoo jedhamu jalqaba nan nahe. Booda hundu harka rukutuu yoo eegaluun anis harka rukute,'' jechuun haala yeroosan ture ibsu.

Image copyright Getty Images

Kun anitonoovicha keessatti samiirratti yoo ta'u, raadiyoon Asmaraas Mangistuun ajjeefamu labse.

Balaliinsa sa'aa tokkoofi walakkaan booda janaraal Qumilaachoon komaandoowwan isaa qabachuun Finfinnee 'Xoor haayilooch aviyeeshiinii' loltootaa lidataa galan.

Komaandoowwan hafan ammoo achuma Boolee daandii qilleensaa akka to'atan taasifaman.

Hojiin komaandii kanaas buufatawwan raadiyoo to'achuu, namoota fonqolcha mootummaa taasisaniif haguuggii kennuu, tarii humni Mangeef 'morma kiyyan keenna' jedhu yoo jiraate morma irraa buusuudha.

Raadiyoon Asmaraa Mangistuun ajjeefamuu kan labse dursee ture. Janaraal Qumilaachoonis kan beekan Mangistuun ajjeefamusaati.

Raayyaa Xoollayii dhufe

Humna janaraal Qumilaachoon hogganamee fonqolcha mootummaa haala qabsiisuuf Finfinnee galeen alattis komaandoon biraa Xollaayis socho'eera.

Janaraal Wubatu Tsagaayee namoota shira xaxaa turan keessaa harka hin dhabu. Ammas biyya Ameerikaa lubbuun jiru.

Isaanis waraana gara Finfinneetti ergamu qopheessuun garee Koriyaa Kaabaatii dhufe simatanii dubbisaa turan.

Maqaan komaandii addaa Xoollayi turee 'Ispoortaa jedhama. Koriyaan Kaabaan waraana magaalaa fi waraana addaatiif kan leenjii'aniidha.

Janaraal Wubatuunis osoo qajeelfami ifa ta'e hin qaqqabiin looltoota addaa 150 gara Finfinneetti erganiiru. Isaanis dirree mana poostaa fuulduratti argamu qubachuun ajaja eeggachaa turan.

Image copyright Getty Images

Ministera Ittisaa fuuldura Ambaasadariitti argamu keessatti…

Gamoo Ministeera Ittisaa darbii tokkooffaarratti galmi walgahii Itamaazhoor shuumoota ni argama. Galmi kunis gara baankii biyyaaleessaatti garagala.

Galma kana keessattis warri fonqolchaa raawwattan 18 mari'ataa jiru. Lakkoofsi isaanii ni dabala, ni hir'ata. Garuu janaraalli biyyattii kan hafee hin turre.

Janaraala danboobaafi jaalatamaa Mari'idiin dabalatee, ajajaan humna galaanaa Riir Admiiraal Tasfaayee Birhaanu, ajajaan humna qilleensaa janaraal Ammahaa, ajajaa waraana lafoo janaraal Haayiluu, ajajaa poolisii ittisa Warquun ni argamu.

Akkasumas janaraal Fantaa balaay, Janaraal Abarraa Ababbaa, Janaraal Damisee Bultoo kan ummanni waa'ee gotummaasaaniif dhugaa baheef jiru. Eenyutu hafeeree?

Janaraal Damise Bultoo qaamaan walgahiicharratti argamu baataniis yaadaan walumaan turan. Gama saanitiin Asmaraatti hojii manaa hojjachuun xumuraniiru. Raayyaan biyyattii harki lama sadii isaan jalatti argama.

Hanga yoonaattuu dhimmi dinqisiisaan waraanni Asmaraa haaluma dura karoorfameen xiyyaarri Mangee rukutamusaa beeka. Kanas raadiyoon himsiisaniiru.

Ajajoonni waraanaa 18 kunneenis raayyaa biyyattii miliyoona walakkaa ta'an ajajuu. Hundinu dhimma fonqolchaa irratti walii galaniiru. Hundu walgahiirratti argamu. Tarii kanatu isaan dagachiise laata?

Walgahicharratti boqonnaa kan dhaban janaraal Abarraa turan. Ajajaan duulichaa janaraal Abarraan duras ariifataadha jedhamu.

Miirrisaanii waan ta'e itti himuu hin oolle. Walgahiicha jidduun bahuun dallaa keessa waan jiru to'atu. Kana jidduun sagalee taankii kan dhagahan itti fakkaate.

Ajajaan qajeelcha bulchiinsa Ittisaa janaraal Umar hordofsiisuun lafa alaabaan dallaa ittisaa itti fannifamuu dhaabbachuun namoonni biiroo keessa turan hundi akka bahan ajajuun haasaa taasisuu eegalan. Xumura Mangees himuun harki dhahamee...

Image copyright Darajjee Damissee
Goodayyaa suuraa Ministirri ittisaa janaraal Hayilagiyoorgis janaraal Damissee Bultoof beekamtii wayita kennan

Ajjeeffamuu Ministira Ittisaa

Ministirri nageenyaa Tasfaayee Waldasilaasee shirri itti urgaa'eera. Biiroosaanii Baambiisitti argamu irraa gara Masaraa kiiloo 4'tti qaxxisan.

Gargaaraa addaa Mangee Mangistuu Gammachu waamuun walgahii ariifataa eegalaniiru. Fiqrasillaale Wagdarras fa'is keessatti argamu.

Minisitirri ittisaa janaraal Haabtagoorgisiin waamuun, "ofii biiroo kee keessatti maal ta'aa akka jiru beektaa?" jechuun gaafatan.

''Lakkii gonkumaa'' jedhan ministirichi. Deemanii akka adda baasaniif yaadni dhiyaate. Bakka dhaqaniitti hafu jedhee kan yaade hin turre.

Ministirichis gara Ambaasaadariitti irraa gadee fiigan.

Janaraal Haabtagoorgiis durumas janaraal Abarraa waliin hangas waliigaltee hin qaban. Janaraal Abarraan waan isaaniitti hin toliin wayii waan jiru fakkaata.

Walgahiirraa jidduun bahuun naannoosaanii ilaaluun deebii'aa turan.

Akka tasaa ilaaluuf gulantaa osoo gadi bu'anuu, ministirri ittisaa ammoo yoo ol bahan walitti dhufan.

''Abarraa! walgahiin ani hin beekne maaliidhaa? jechuun isaanii hin oolle. Tokko lama waliin jedhanis ta'a.

Janraal Abarraan shugguxii baasanii walitti aansuun ministira Ittisaa irratti dhukaasan. Xor Hayiloochiitti geeffamanis lubuun hafuu hin dandeenye.

Janaraal Abaraan attamiifi maaliif miliqan?

Kun hundi yoo ta'u, raayyaan janaraal Quumilaachoo Asmaraadhaa dhufe dallaa Xoor Haayiloochii of eegannoon ajaja eeggataa jira.

Gara janaraal Abarraatti bilbillaanis hin kaasneef. Warranni Xollaayii dhufees akkasuma hojii hiikuun naannoo mana poostaa goodaarra taa'aniiru.

Hundinuu gabaasaa fi ajaja kan fudhatan janaraal Abarraa qofaarraayi. Hogganaan qajeelcha duulaa isaan waan turaniif.

Janaraal Abarraan garuu waan hin eegamne raawwachuun rakkina keessa jiru.

Erga minstiricha ajjeesanii boodas gara biirootti hin deebine. Leenji'aa komaandii addaa kan ta'an janaraalichi dallaarraan utaaluun baqataniiru.

Tokko tokko gabaa bunaa ollaasaaniitti argamu dhaquun eegdoota bojii'uun uffannaasaanii uffachuun baqatan yoo jedhan, kaan ammoo uffata hojjataa tokkoo geedarachuun karaadhuma karraatiin dallaadhaa bahan jedhu.

Baqachuun janaraal Abarraa waan hunduma burjaajjeesse.

Humni Xollaayii fi Asmaraadhaa dhufe maal gochuu akka qabu wallaalee isaan barbaada. Isaan garuu bilbilas hin kaasan. Biiroos hin jiran. Bara sana mobaayiliin hin beekamu.

Janaraaloonni maaliif ofi ajjeessan?

Caamsaa 8 gara naannoo sa'aatii saddeetiitti kan eegale sochiin fonqoolcha mootummaa ofumaa burjaaja'uun waan qabatama osoo hin raawwatiin itti dukkanaa'e.

Tika kan turan Tasfaayee W/Sillaasee shaambal Mangistuu Gammachu qabachuun waajira Ittisaatti marsan. Sanuu taankiifi konkolaataa sibiila uffataniin.

Isa dura garuu haala nagaan yaa fixamu jechuun jaarsi Letanaal kolaneel Addis Tadilaa fi Letnaal kolaneel Dabalaa Dhiinsaa eergame ture.

''Dhimmi fonqolchaa kan dhumeef. Marii dhimmi jedhu hin jiru. Nu gargaaraa'' jechuun isaanii hin oolle.

Sa'aatiichi garuu deemaa jira. Bufanni TV, raadiyoo, fi teeleen hin to'atamne. Hojjatonni hundi achi jiraachuunsaanii isaan waan dagee fakkaata.

Mangistuu, Mangistuu Gammachuu humna eegdu addaasaanii 4 kiiloodhaa sochosaaniiru. Hiltan biraan qaxxaamuruun Ambaasaaddar yoo gahanis ministeera Ittisaatti marsaa jedhan.

Keessaa janaraal Faantaa balaay, Janaraal Ammahaa, Janaraal Mari'id maal gochaa akka jiran kan beeku homtu hinturre.

Ta'us marfamuu akkuma baraniin humni Asmaraadhaa dhufa jedhame hafuusaatti abdii kutanii ta'a janaraal Ammahaafi Janaraal Mari'id dhimma hanga har'aatti ifa hin taaneen achumatti ofi galaafatan.

Image copyright Getty Images

Guduunfaa

Caamsaa 9 galgala koloneel Mangistuun dowwannaa isaanii Jarman adda kutuun deebii'anii dhufan.

Caansaa 10 Janaraal Damisee Bultoo loltotuma isaaniin ajjeefaman. Isa waliinis ajajooti olaanoon 20 ajjeefaman.

Guyyaa sadii booda janaraal Faantaa Balaay konteenara keessa dhokatanii keessaa bahan.

Baatiiwwan muraasaaf qofaasaanii Maa'ikalaawwiitti hidhamanii osoo jiranu sababii hanga haraatti ifa hin taaneen ''eegdu isaanii ajjeesuun miliquuf yoo jedhan ajjeefaman'' jedhame.

Torban sadaffaatti Ministira Ittisaa ajjeessuun miliqanii kan turan Janaraal Abarraan naannoo Gullalleetti mana firaa dhokataniitti itti marfame.

Karaa foddaatiin bahuun baqachuuf osoo jiranu poolisii tokkoon addarra rukutamuun kufan. Namoonni tokko tokkoos firri Janaraal Abarraa dabarsanii kennan hanga har'aatti gaabbii keessa jiraatu jedhu.

Baatiiwwan muraasaan booda waraana humna qilleensaa Asmaraa qabatanii kan dhufan Janaraal Qumiillaachoon miliquun Ameerikaa galaniiru jedhame. SIAn akka miliqsiisee shakkama.

Waggaa tokkoon booda Caamsaa 13 bara 1981 (ALI) janaraaloonni 12 yaalii fonqolchaa irratti hirmaataniiru jedhaman akka tasaa murteef waamaman.

Abbaan alangaa jidduu mana murtee waraanaa Janaraal Asiraat Birru waraqaa muramtuu fi Kolaneel Mangistuu biraa akka ergamte tilmaamamte tokko imimmaaniin hudhamaa dubbisan. 12 isaaniirrattuu murteen du'aa murtaa'e.

Kan itti murtaa'ees akkas jechuun iyyaa turan, ''maatii keenyatti nagaa osoo hin dhaammatiin nu hin ajjeesiinaa..''

''Sirni abbaa irree umurii hin qabu'', ''ijoollee keenya adaraa'' jedhaa turan, garuu halkanuma sana ajjeefaman.

Yaalii fonqolchaatiin booda waggaa lammaffaatti Caamsaa 13'tti Koloneel Mangistuun biyyaa baqatan.

Baqannaa koloneelichaatti aansuunis torban tokkoof pirezidantii biyyaa kan ta'an Tasfaayee Gabrakidaan himatamtoota fonqolchaa du'a eeggataa turan muraasaaf dhiifama taasisan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata