Gaaffilee 5 yaalii fonqolcha Mangisturratti deebii hin argatiin hafan

Balaliisaa Iyoob Abaata Image copyright እዮብ አባተ
Goodayyaa suuraa Balaliisaa kan turan Koloneel Iyyoob Abaataa

Yaalii onqolcha bara 1981 A.L.I Mangistu Hayilamaariyaam irratti raawwate ilaalchisee filmiiwwan hojjatamaniiru. Kitaabonni barreefamaniiru akkasumas waraqaaleen qorannoo dhimmicharratti dhiyaataniiru. Haa ta'u malee gaaffiiwwan hanga har'aa deebii hin argatiin jiru.

Gaaffilee kanneen deebisuuf qorataan akka Darajjee Damisee hedduu dhama'e jiraachuu dhiisuu mala. Obbo Darajjee warra kaanirra adda kan isaan taasisu sababiiwwan lama jiru.

Tokkoffaan osoo janaraal Qumillaachoon lubbuun jiranuu argatee waantoota tokko tokko waliin haasa'usaaniti. Kana malees ilma Janaraal Damissee Bultoo 4ffaa dha.

''Ragaa gutuu argachuun rakkisaa kan ta'eef namoonni yaalii fonqolchaa sana keessatti hirmaatan hundi du'usaaniti. Amma booda odeeffannoo haala yeroos ture (circumstantial evidance) irraa kaanee qofa kan dubbachu dandeenyu'' jedhuu oggeessi seeraa Obbo Darajjee Damissee Bultoo.

Seenaa kana guutummaatti hubachuuf:

''Galma Makalaakayaa shirri keessatti shiramaa ture sana keessatti guyyaa gutuu maaltu ta'aa akka ta'aa ture dubbachuuf namni lubbuun hafe hin jiru" jedhu qorataan dhimmichaa biroo ajajaa kumaa Iyyoob Abaataa.

Kumaalaa Iyyoob dura qondaala nageenyaa Raayyaa Ittisaa turan. Kitaabni 'Janaraaloochu' jedhu afaan Amaaraatiin barreessan yeroo jaha maxxanfameera.

Gaaffiiwwan shanan deebii hin argatiin hafan kanneen namoota lamaan kanaaf dhiyeessineerra.

1. Xiyyaarri Mangistu akka hin rukutamne ajaja kan dabarse eenyu?

Shira fonqolchichaa namoonni eegalan xiyyaarri Mangeen ittiin gara Jarman imalaa ture akka qilleensarratti rukutamu ykn dirqiisiifamee Asmaraa akka qubatu walii galanii ture.

Dhumarratti garuu yaadni kun hin raawwatiin hafe. Maaliif, ajaji sun eenyuun kenname?

Darajje Damisee Bultoo:

"Baruu barbaadee garuu wantin baruu hin danda'iin maal sitti fakkaate? Gaaffiidhuma amma ati nagaaffatte kana.

Xiyyaaricha irrratti yaadni akka geeddaramu eenyutu taasise? Attamiin geeddaramuu danda'e? Oduun xiyyaarri Mangistuu rukutameera, innis du'e jedhu attamiin Asmaraatti dabarfame?...

Tilmaama kee natti himi yoo naan jette...akka hin rukutamne kan jedhan janaraal Ammahaa natti fakkaatu.

Sababiinsaas waa'ee fonqolchichaa kan itti himame reefu guyyaa sana ture. Osoo gara Bishooftuu deemanuu daandiirraa waamamanii ture kan itti himame.''

Kumaalaa Iyyoob Abaataa:

Karoorri jalqabaa namtichi akka rukutamu ture. Kana kan deeggaran Janaraal Abarraa fa'i turan.

Pirezidaantichi ajjeefamu malee dubbichi fiixaan hin bahu jedhanii amanu. 'Humnootiin Qilleensaa' mormiirra turan ammoo kan hin deeggaran.

Bakka dhaqeetti yoo hambifne ni gaha jedhanii amanu turan.

Amma maaltu ta'e... dhumarra wal-dhabdeen yoo ka'u maal gochu akka qaban kan ibsu qajeelfamni ni baha.

Mangistuun osoo bahaa jiru ni rukutama. Isaan booda labsiin yeroo muddamaa ni labsama. Qajeelchi duulaa Raayyaa Ittisaa biyya bulcha.

Ibsi haala kanaan kennama jechuun qopheessanii haala mijataa eegaa turan. Tasa pirezidaantichi Caamsaa 8 biyyaa akka bahan dhagaahame. Kun kan dhagaahame garuu Caamsaa 7 ture.

Yeroon baay'e gabaabbate. Osoo yeroo mijataan eeggamuu kun tasa ta'e. Isaan booda ture sochiin hundi kan eegalame.

Xiyyarichi yoo rukutame humnoota biyya alaa biratti fudhatama nu dhabisiisa. Xiyyaarri rukutamee haa hafuuti fonqolchichi mataansaa fudhatama nu dhabsiisa. Namoota nagaa baay'ees ni miidha. Kana hundarra maaliif biyya alaatti isa hin hambifnu jechuun 'humna qilleensaatu' morme.

Booda wal-gahiirratti hin rukutamu jedhamnaan janaraal Abarraan aaran. Namtichi ajjeeffamu malee fonqolchi hin jiru jedhanii ture.

Filannoon biraa Asmaraa qubachiisuu ture. ''Janaraal Damisseetti haa kenninutii inni achumatti hidhannoo yaa hikkachisu'' kan jedhu ture.

Achitti rakkinni jiru ammoo waraanni warraaqsaa 2ffaa isa jaalatu ture. Jaalattoota isaa jidduutti kana gochuun balaa qabaata jedhame.

Erga wal-gahiirratti wal mormaa turaniin booda janaraal Faantaan ''Abarraa! Amma rukutu hin dandeenyu. Daangaa qilleensa Itoophiyaatii baheera. Galaana Diimaa qaxxaamuraniiru'' jechuun dhimmicha xumuran.

2. Janraal Qumillaachoon attamiin biyyaa bahu danda'an?

Ajaja janaraal Damisee Bultootiin Asmaraarraa waraanaa fe'uun kan dhufan Janaraal Qumillaachoo turan.

Galgala hanga sa'aatii shaniittis waraana isaanii qabachuun dallaa Aviyeeshinii Waraanaa keessa turan.

Janaraal Mari'id faa of ajjeessuun fonqolchichi hafuunsaa himamulleen inni naannoo Gommaa Quxxabaa fi Ministeera eegumsa fayyaatii haala to'achaa ture.

Tasa garuu halkan achi buuteen isaa dhabame. Boodas Ameerikaatti argame. Janaraal Qumillaachoon attamiin biyyaa bahan? 'CIA'n harka keessaa qabaa?

Darajjee Damisee Bultoo:

Biyya Ameeriikaatti wal agarree turre. Kaansarii dhukubsatanii ture. Boostan bakkan ani jirus dhufanii dhukkubsachiiseen ture.

Haala itti biyyaa bahan baay'ee dubbachuu waan hin barbaanneef anis cinqu hin feene.

Erga boqatanii booda garuu mirga lammiin Ameerikaa tokko ragaa mootummaa Federaalaa biyyatti argachuf qabu (Freedom of Information Act)'tti fayadamuun Imbasii Ameerikaa Finfinnee jiru irraa ragaa tokko argadheera.

Sanadichi namni tokko maqaa isatiin Imbaasichatti kolu galtummaa gaafachu ibsa. Inni garuu kana natti hin himne. ''Lammii biyya kiyyaatuu wal harkaa na fuudhee na gaggeesse'' naan jedhan.

Kumaalaa Iyyoob Abaataa:

Janaraal Qumillaachoo kan gargaare nama qaama mootummaa ta'eedha. Halkan sana mana poolisii fira isaa ta'e tokko dhaq ture.

Haala mijeessuunis biyya guraagee lafa Indibirri jedhamu akka deemu taasise.

Akka carraa guyyaan sun gaafa xiyyaarri kongirasmaan Mikiliilaand Itoophiyaa keessatti kufteedha.

Reeffa barbaachuufis meeshaalee hedduun Ameerikaadhaa dhufee ture. Kana haguuggii taasifachuun humnoota qilleensaa Ameerikaatu achumaan fudhate.

Attamiin? kan jettu yoo ta'e, guyyaa tokko hilikoptaroonni barbaacha irratti bobba'an Indibirri qubatu. Maaliif jennaan rooba waan tureef qilleensatu nu rakkise jedhan.

Achiinis hilikoptaroonni achuma bulan. Isa boodas dhoksaan janaraal Qumillaachoo galchuunsaanii hin oolle.

Boromtaa Finfinnee fidan. Garichi hojii xumuree gara Ameerikaatti yoo deebi'us Qumillaachoo biyyaa baasan.

Gaazexaan Waashington Post maxxansa Hagayya 15, 1989'n hilikoptaroonni Indibirrii qubachusaanii ni ibsa. Isaan qilleensa haa jedhan malee booda tiki nageenyaa Itoophiyaa Qumillaachoo fudhachuuf achi qubatan jedhe.

3. Janaraal Faantaa Balaay eenyuutu ajjeesse?

Janaraal Faantaan erga yaaliin fonqolichichaa fashalaa'een booda guyyaafi halkan sadii konteenara keessa erga dhokatanii booda harka kennani.

Isaan boodas gara Maakalaawiitti geeffaman. Baatiiwwan muraasaan booda ammoo osoo baqachuuf jedhanu ajjeefaman jedhame. Dhuguma osoo baqachuuf jiranii ajjeefamanii?

Darajjee Damisee Bultoo:

Waa'ee isaa ragaa kana jedhu hin qabu. Erga hidhamanii booda garuu waa'ee fonqolchichaa ilaalchisee gaaffiifi deebii tokko taasisanii ture ETV waliin.

''Fonqolchicha kan yaalle waraana daangaa dhabe xumuruuf'' ture jedhan.

Wayita sanatti ETV'n dabarsuu baatulleen booda keessa ammoo viidiyoon suun baheera.

Tarii yeroo sana gaazexeessitootni ''kanaafi sana gaafadhu'' jedhamanii ta'a. Inni garuu dhugaa waan dubbateef dabarsuu dhiisan.

Waa'ee du'asaanii garuu ragaa homaa hin qabu. Namni tokko akkasiin ajjeefamee jedhe yoo himu ragaa eessaa akka fide ibsu qaba.

Kanneen shuguxii fudhachuun eedguu isaa rukutee baqachuuf osoo jedhuu ajjeefame jedhan jiru. Ragaa qaba kan jedhu garuu hin argamne.

Ragaa gahaa malee waan hedduutu barraa'aa jira.

Kumaalaa Iyyoob Abaataa:

Kan jedhamaa jiru waa lama garuu ifaa miti. Tokko osoo iccitii hedduu hin baasiin dura Ministira Tikaatu ajjeesisee jedha.

Wayita janaraal Faantaan kontenara sana keessatti qabamanitti, Koloneel Tasfaaye Waldasillaasee fulduratti arguun 'Tasfaaye ni fashaleessite miti? Siif ta'e miti? jedhanii ture. Kun kallattiin Koloneel Mangistuutti himameera.

Kan biraa ammoo janaraalonni qabaman hedduun kan hidhaman masaraatti. Inni garuu akkuma qabameen gara Maakalaawiitti geeffame. Maafii akka achi geeffaman kan natti himu hin arganne.

4. Ajajaan Tikaa Tasfaayee Waldasilaasee shiricha keessa turanii?

Darajjee Damisee Bultoo:

Akka ilaalcha kiyaatti ni beekan jedha. Kana kanan jedhu tilmaama jabaa (Educated guess) irraa ka'uun.

Booda xiyyaarri Mangee daangaa qilleensa Itoophiyaa keessaa bahu erga hubatanii ejjannoo isaanii kan geeddaratan fakkaata.

Tibba sanatti ejjannoo sadiitu ture. Tokko fonqolchicha fiixaan baasu malee du'een argama kan jedhu, lammaffaan ammoo Koloneel Mangistuuf amanamaa ta'ee hafa kan jedhu ture.

Sadaffaan ammoo yoo buufamuun Mangistu mirkanaa'e fonqolchicha nan deeggara kun hanga hin taaneetti eenyuufuu hin dhaabadhu kan jedhudha. Ogganaan Tikaa garee kana waliin kan dhaabbatan jedheen yaada.

Abbaan kiyya duriyyuu namticha hin amanu ture. Yeroo tokko abaankoo dhukkubsatee Tasfaayeen gaafannaa dhufee Mange itti hamata ture.

Image copyright Darajjee Damissee
Goodayyaa suuraa Janaraal Damisee Bultoo

''...namichi maraateera, maal gochuu akka dandeenyu bitaa nutti gale. Gorsa kenninuuf hunda hin fudhatu...'' jechuun Mangistu hamata ture.

Abbaan koo maaf isa fuulduratti akkas akka jedhe dinqisifatee yoo dubbatu dhagaheera. "Bar inni basaasaadha, yeroo ofiisaa akkas jedhu ani maal jedhee akkan deebisuuf barbaadeeti.." jedhee ajaa'ibsiifata ture.

Kumaalaa Iyyoob Abaataa:

Warri KJB (Basaasa Raashiyaa) waa'ee fonqolchichaa ragaa qabu. Garuu ragicha attamiin akka argatan kan beeku hinjiru. Itoophiyaanonni KJB'f hojjatan akka jiran ni shakkama.

Tika loltummaa keessatti hojiin muummeen janaraaloota hordofuudha. Yoo shirri shiramu koloneel Tasfaayeen hin beeku jechuun rakkisaadha.

Janaraalonni mataan isaanii bakka bashannanaatti yeroo ta'e dubbi borcuun isaanii hin oollee. Bilbilli manaafi biiroo isaanii ni dhaggeeffatama ture.

Pireezidantichi ammoo haguma janaraalotatti dheekkaman Tasfaayeettis ni dheekkamu turan. Tasfaayeen humnaa ol dhiibbaan irra ture. Nuffees ture.

Janaraalonnis karoora isaanii suuta jechuun itti hin himiin hin hafne. Tasfaayeen garuu yaadasaanii harkatti busheessan.

Akka oggeessa tikaa yeroo tokkichaan hin didne. 'Mee dhimmicha haa qorannu isinis itti yaadaa' jechuun ofiitti dhiyeessan.

Tasfaayeen mataansaa pirezidaantichi aangoorraa akka bu'aniif fedhi qabu ture. ''Garuu biyyattiin janaraalota kanneniin akka hogganamtu hin barbaadu'' jedhaniiru wayita mana hidhaa turan.

Janaraalonnis ejjannoosaa kana qabatanii fonqolchicha yaalan. Booda keessa garuu kan irraa fagaachaa dhufe fakkaata.

5. Janaraal Abarraan maaf Ministira Ittisaa ajjeesuun baqatan?

Haalawwan adeemsa fonqolchichaa geeddaran keessaa inni guddaan janaraal Abarraa Abbabaa Ministira Ittisaa janaraal Hayilagoorgiisiin ajjeessuun dhokachusaati.

Osoo dirqamniifi itti gaafatamummaan fonqolcha qindeessuu irra jiruu janaraal Abaarraan maaf gocha kana raawwachuun baqatanii?

Darajjee Damisee Bultoo:

Janaraal Abarraan hogganaa fonqolchichaati. Hogganaa olaanaa waraanaatis. Nama waan boonsaa heddu hojjatanidha.

Maaliif kana akka raawwatan ifa miti. Kaadiroonni dargiis waanuma xiqqoo qabachuun kitaaba barreessu. Dhugaa kan himu tokkolleen hafuu hin dandeenye.

Ati tilmaama dhuunfaa kiyya kan na gaaffate yoo ta'e sittiin hima.

Akka natti fakkaatutti janaraal Abarraan waraanni ni dhufa jedhame akka hin dhufne yoo hubatu, kan isaan gargaaruufi isaaniif haguuguu akka hin jirre hubannaan kan bahee natti fakkaata.

Bahiitiin isaa waan hunduma balleesse. Sababiinsaa Janaraal Qumillaachoon waraana Asmaraa fidee qabatee waliin dubbadhu kan jedhame isa waliin ture.

Janaraal Abarraan ammoo waraanni sun hin dhufne taanaan haalli hundi ni bada jedhanii kan yaadan natti fakkaata.

Kumaalaa Iyyoob Abaataa:

Janaraal Abarraan durumaa fonqolcha kana raawwachuuf 'yeroo nu barbaachisa, qorannoo yaa taasifnu' jechaa turan.

Ta'us garee dafnee yaa raawwannu jedhaniin mo'aman. Gareen fonqolchicha dafnee haa raawwannu jedhu, waraana Shaabiyaa waliini yoo mo'atamne booda humni Shaabiyaa waliin mari'achu keenya ni dadhaba jechuun mormu turan.

Gaafa fonqolchichaa sana osoo wal-gahiirra jiranuu gadi bahanii ol deebi'aa turan.

Gidduutti Ministirri Ittisaa janaraal Haayilagoorgiis gara lafa walgahichaa Ministeera Ittisaa dhufe.

Gargaaraan addaa isaa karraratti itti dhufee ''gooftaa ol seenaa... garuu isiniif gaariii miti deebii'aa'' jedheen waan jaalatuuf. Janaraal Hayilagiyoorgiis rifate deebii'ee deeme.

Janaraal Abarraanis janaraal Haayilagoorgiis dhufee deebi'e jechuu yoo dhagahan baay'ee aaran. Hanga of wallaaluu gahan.

Amma maal ta'aa akka jiru barraan taankiidhaan marfamu keenya jedhan. Achiis sodaan uumame.

Warri fonqolchicha morman ammoo dogongora biraa raawwatan. Irra deebiin ministiricha gara dallaa Raayyaa Ittisaatti ergan.

Wal-gahicha bittinsaa jechuuf dhufan. Yoo dhufan Janaraal Abarraa waliin walitti bahan, osoo Abarraan bu'aa inni ol bahaa jiru.

Xiyyiitii lamaan rukutan. Janaraal Abarraan sagalee Taankii dhagaahanii ture. Erga birgeedii addaatiin marfamanii booda homaa gochu akka hin dandeenye ni beeku.

Kanaafu abdii kutannaatu ture. Kanatu murtee kanaaf isa kaaseen se'a.

Miseensa humna qilleensaa waan turaniif dallaarran utaaluun dallaa mana jireenyaa keessa seenanii kobbortaa wayii uffachuun miliqan fakkaatu.

Torbaan muraasaan booda Gullallee bakka dhokatanitti itti marfamnaan miliquuf jennaan itti dhukaafamee ajjeefaman.

Pirezidant Mangistuu yeroo waa lamatu isaan gaabbisiisa ture. Tokko baqachuu Qumillaachoo, kan biraa ajjeefamuu janaraal Abarraati.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata