Yaalii fonqolchaa bara 1981: Yaadannoo hadhooftuu ilma janaraal Damisee Bultoo

Janaraal Damissee Bultoo Image copyright Darajjee Damissee

Fonqolcha Caamsaa bara 1981 irratti shoora olaanaa kan taphatan Janaraal Damissee Bultooti. Ilmi isaanii Obbo Darajjee Damissee Bultoo biyya Ameerikaatti hayyuu seeraa fi Maasaachuseetisitti ammoo pirezidaantii waldaa abukaattota dhimma yakkaa irratti hojjetaniiti.

''Jaalalli abbaan koo biyya isaatiif qabu daangaa hin qabu ture,''kan jedhan Obbo Darajjeen, yaadannoo ijoollummaa isaanii fi waggaa 30 darbe waan ta'es akkasiin BBC'tti himan.

Kurkummoo waliin taphanna!

Ijoollee taanee…

Yeroo baayyee abbaa koo waliin safara keessa waliin deemnee qilleensa fudhanna ture. Keessumaa galagala daandii Boolee irra…

Nan yaadadha, abbaan koo ol jedhee adeema ture. Ani ammo burtukaana koo susukkuumaan jala adeemaa gaaffiin sarda ture.

''Waraanarratti madfiin akkamiin rukutaa?''

''Namni dhukaasu jira. Mallattoon inni fageenya safaruun kennuun dhukaasa. Yeroo tokko tokkos haalli itti tilmaamatti fayyadamuuf dirqamtu jira.''

''Fageenyi osoo hin safaramiin akkamiin beekama?

''Tooftaa qaba…''

''Abbaa koo… akkamiin tilmaamaan ta'a? Fakkeenyaaf ati fageenya asii hanga gamoo sana gidduu jiru tilmaamu dandeessaa?''

''Sirriitti''

''Meetira meeqa ta'a?

''150'' jedhe.

''Hin ta'u dhiba yoo guute na dinqa'' jedheen.

Dhaabbachuun ''ni qabsiiftaa'' naan jedhe? fuula ifaa abbummaan na ilaalee.

''Nan qabsiisa!'' jedheen safarrii tarkaanfichaa jalqabuuf dhaabbadhe. ''Maal qabsiista?'' naan jedhe kolfa obsaa.

''Kurkummiidhaan!''

Sagalee ol kaasuun erga kolfuun, attamiin! Yeroon barbaadetti si waamee si kurukumu osoon danda'uu maafiin kurkummiin qabsiifta? naan jedhe.

''Tole maal haa tahu ree?''

''Yoon si mo'e burtukaana baattu kanan nyaadha. Ati yoo namoote garuu na korokkomta'' jedhe kolfaa.

Anis yaadaachaan waliin gale.

Tarkaanfiin tokko meetira akka ta'utti dheereessi lakkaa'I naan jedhee kolfaa tarkaanficha na waliin lakkaa'u jalqabe.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Yeroo sana daa'immanillee dabalatee haala kanaan nagaan gaafatamaa ture

''Galgala galgala Janaraal Faantaan mana keenya dhufu ture''

Dur naannoo riqicha Boolee hoteelli Karramaarraa jedhamu tokko jira ture. Manni keenya achiin keessa seeneeti. Imbaasii Somaalee fuuldura.

Abbaan keenya adda waraanaa ture gara manaa yoo dhufu baay'ee nutti tola ture. Ni gammanna. Mana barumsaa osoo jirruu tarii dhufeera yoo tahe jennee sanduuqa uffataa bannee foolii uffatasaa suunfanna ture.

Isa dura garuu haala hojiisaa irraa kan ka'e bakkeewwan garaa garaa jiraanneerra. Fakkeenyaaf Harar jiraachaa turre. Siriiyyuu abbaan koo Janaraal Marid waliin kan haalaan wal baran yoos ture.

Jeneraal Marid Nugusee yeroo muraasaaf waraana keessaa bahuun bulchaa kutaa Harargee ta'anii ture. Yeronsaas ganna ture. Anis abbaa koo waliin Harariin ture. Manni Gaashee Maridiif kenname haaromsamaa waan tureef mana keenya jiraachaa ture. Glagala galgala yeroo taphatan anis waan dhugamu dhiyeessaaf waliinan taa'a ture.

Gaash Maridiis ofiitt nuqabu turan. Ijoollee jaalata. Kanaafu waan waliin haasaa'aa turan hunda nana dhagaha.

Yeroo baay'ee waa'ee rakkoo biyyaa akka isaan yaachisuu fi waa'ee baayina waraanaa du'aa ture yeroo haasa'an nan yaadadha. Waa'ee fonqolcha mootummaa na biratti yoo haasa'an hin yaadadhu.

Hariiroon abbaakoofi Janaraal Faantaa Balaay jabaachaa kan dhufe ammo yeroo ''duula galaana diimaa fi Baahira nagaash'' natti fakkaata.

Abbaan koo yeroodhaaf ajaja Izii Baha Hararii irraa gara Eertiraa demuun duula kanneen lamaan qindeessummaan gaggeesseera. Yeroo sanas Janaraal Faantaan Ahjajaa human qilleensaa turan.

Inumaayyuu waraanni qilleensaa fi galaanaa waliin halleellaa qindaa'aa yoo gaggeessan kan jalqabaa natti fakkaata. Yeroo sana humnaan deemanii Naafqaa qabachuuf yaalii taasisanii turan. Isaan dura Baarentu dabalate gadhiisisanii ture. Waraanni sunis abbaakoo fi Janaraal Faantaa kan walitti dhiyeesse natti fakkaata.

Galgala galagala Jeneraal Faantaan yoo mana keenya dhufan qofaa taa'anii sa'aatii dheeraa mari'atu ture.

Ministirri ykn janaraalli mana keenyaa yoo dhufan gadi bahaa bahaa taphadhaa hin jedhamnu ture. Teenyee dhaggeeffanna. Janaraal Faantaan yoo dhufan garuu waan akkas hinjiru.

Amma gaafan duubatti deebi'ee yaadu waa'ee fonqolchichaa wixineessuu kan eegalan yeroo sana ta'aa laatan jedha.

Janaraal Maridii fi Janaraal Abarraa

Jeneraal Marid waliin baay'ee walitti dhiyaanna. Abbaa Kiristinnaa mucaa keenya hangafaatis. Haati koo ammoo haadha Kiritinnaa mucaa isaanii hangaafti.Manni isaanii naannoo Gofaa Qeeraa ture. Tahus yeroo baay'ee mana keenya dhufu.

Abbaan kiyya wayita ajajaa waraana kutaa Bahaa turanitti, Jeneraal Abarraa Abbabaa ammoo Ittaanaa isaa ture.

Egaa Marid, Faantaa, Abarraa fi abbaankoo haala kanaan walitti dhufuun fonqolchicha kan wixineessan natti fakkaata.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Mirgarraa gara bitaatti Iid Amiin Daadaa, Tafarii Bantii, Mangistuu Haayilamaaram, Axnaafuu Abaatee, Muddee 1,1968,Finfinnee

''Dinagdeen biyyattii Koddaa bituu hin danda'u ture''

Waraanni Eertiraatti gaggeefamu karaa nagaa waliin dubbachuun hiikamu akka qaban, rakkoon siyaasaa Tigiraay ture gara gidduu gala biyyaafis akka darbuu danda'uu fi qabxiiwwan kkf irratti ilaalcha wal fakkaataa akka qaban yaada.

Dinagdee biyyaa waraanaaf koddaa bishaanii bituu dadhabu irraa ga'ee ture. Loltootni koshooroo nyaachaa wagga hamma sanaa hunda waraanaa turuun isaanii baay'ee nama dhiba. Dinagdee akkasii qabatanii waraanaa walakkaa miiliyonaa ta'u bulchuun akka hin danda'amne abbaankoo fi hiriyyoonni isaa waan hubatan natti fakkaata.

Keesumaa lubbuu loltoonni adda waraanaatti kanfalaa jiran akka malee isaan waan aarse natti fakkaata. Kana hubachuun irriba waan isaan dhoorkeef gara yaada fonqolchaatti deebi'an natti fakkata.

Akkuman sitti himeettis guyyaa tokkoon waan akkarra hingeenye. Amma booddee deebii'ee yoon yaadadhu guyyaan of baree irraa kaasee jalqabee ture waraanni dhaabbachuu akka qabu kan dubbataa turan. Egaa fonqolchicha kana hundatu walitti ida'amee umee jechuudha.

''Abbaa koo dirree waraanaa deemunan argadha ture''

Umuriikoo ijoollumaa kaasee kaniin jiraadhe waraana waliin, sababi abbaakootiin. Addawwan waraanaa biyyatti sadiirratti; Kaaba, Kibbaa fi Bahatti carraa waraana ogganu kan argate abbaakoo qofa natti fakkaata.

Abbaankoo Mana Barumsaa leenjii Waraanaa Haayilesillaasee Tokkoffaatti Daariktara lammii Itoophiyaa jalqabaa turan. Sana dura Ingilizootaa fi Hindoota ture kan bulchu.

Achii ammoo kaampii ajajootaa Harar jiraachaa turre. Achis namni Tasfaayee Cheentoo jedhamu kan baayyee kubba taphachuu danda'u tokko nu taphachiisaa ture.

Yeroo abbaan koo Waraanaa Kibbaa ture ammoo, naannoo waraanaa oolla ture. Waana argarrees bifa baacoon haasofna turre. Agarsiisa taankii waraanaafi madfii akkasumas heebbi loltuutaa nu hindarbu ture. Fakkeenyaaf obboleessikoo abbaakoo waliin dirree waraanaa Baalee Filtuu deemeera. Waraanni baay'ee cimaa tahe bakkatti gaggeeffamedha.

Teleskooppii ittiin waraana fagoo ilaalan harkaa fudhee waraana dirree irra deemu ilaalaan ture. Ijoollumaa keenya irraa eegaluun abbaankoo waa'ee waraana Itoophiyaa akka beeknuufi jaalala biyyaa horannu barbaada ture.

Fakkeenyaaf waamichi loltummaa jalqabaa yeroo godhamu mucaan ajajaa waraanaa tokko iyyuu dirree waraanaa deeme hin jiru. Abbaa koo garuu waamicha uummata Itoophiyaa hundaaf bahera. Kanaafuu mucaan koo yoo waamame deemuu qaba jedhee nama murteessedha.'' Kanaanis obboleessikoo duula biyyaalessaa duuleera.

Waraana hamaa gaggeeffamaa ture irraa kan ka'e abbaankoo guyyaa boqonnaa itti fudhatu hinturre. Ani iyyuu yeroo tokko isa arguuf Asmaraa deemee osoo hin argiin deebi'ee gale.

Halkan walakkaa manatti galee barii ammoo gara biirootti deebi'a. Gaaf gaaf ammoo achuma biiroo keessa firaashiin dachaatu tokkorra bula ture.

Irra deddeebiin argachuuf yaalee waan hin dandeenyeef ergaa ergeef.

''Abbaakoo! Si arguuf hanga Asmaraatti dhufee osoo si hin argiin deebi'eefanii kaa'' jennaan, ''egaa yeroo kana hojii dhiisee gara kee dhufuu hin danda'u; ati maaliif uffata waraanaa uffatte gara koo dirree waraanaa hin dhuftu? Carraan jiru kana qofaadha'' naan jedhe.

Akkuma inni jedhen godhe. Yeroo sana buufanni Matsawwaa akka hin qabamne waraanni gaggeeffamu ture.

Jeneraal Waasihuun Nigaatuu nama taankii dhukaasu leenjisu ture. Achi deemne.Jeneraal Taaddasaa Tasammaa kan gaggeessaa turan gaara Karen irra, achiis deemnera.

Walumaagalatti isan abbaakoo yaade dirree waraanaa deemee argadhee quufeen gara magaalaa Finfinneetti deebi'en si jedha.

''Fonqolcha mootummaa kan gaggeessan aangoofidha namootni jedhan na dinqu''

Lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa waraana irratti dhumanii waan isa aarse natti fakkaata. Keessumaa rakkoon gara Kaabaa waraanaan akka hin furamne waan hubate natti fakkaata.

Dhuguman siin jedha abbaakoo dabalatee namootni isa waliin turan baay'een isaanii namoota faayidaas tahe maallaqa barbaadan miti.

Image copyright Darajjee Damissee
Goodayyaa suuraa Eebba Akkaadaamii Harar irratti, Janaraal Damissee Bultoo(mirga), Nama Itoophiyaa yeroo jalqabaaf Akkaadaamichatti Daayirektara ta'an

'Fonqolchichi 'Aangoof kanneen jedhan baayyee nama dhibu'

Namootni fonqolchicha qindeessan namoota biyyattii keessatti aangoo ol aanaa qabaniidha. Bulchaa biyyaa kan tahu ammo nama tokko qofaadha. Kaan ammo ajajaa waraanaa fi ministiroota tahu. Isaan ammo durumaan iyyuu aangoo kanarra jiru. Yoo mootummaan kufes kana irra kan caalu aangoo akkamii argachuu danda'u?

Fakkeenyaaf, Jeneraal Marid Itamazhurii waraana Itoophiyaa waliigalaati. Faantaa Balaay ministira. Abbaankoo biyya keessaa isa guddaa kan tahe ajajaa waraana Kaabaati.

Namoota faayidaa barbaadan miti. Yeroo mootummaan tola lafa kaaremeetira 500 kennaa tureeyyu namoota hin fudhannedha.

Fonqolcha mootummaan booda namoota baay'eetu mana dhabee faffaca'ee hafe. Yeroo baay'ee rakkoo biyyattiin keessa turtetu hirriba isaan dhorkaa ture.

Turimee seenaa Koloneel Girmaa Tasammaa beektaa? ...

Yeroo fonqolcha mootumaa sana booji'amanii mana hidhaa Naafqaa keessa turan. Bakka bu'aa booji'amtootaa turan.

Yeroo yaalii fonqolchaa sana waliigalteen dhukaasa dhaabuu godhamee ture. Humna waraana bakka bu'uun hanga Ameerikaatti deemuunis dubbachaa turan.

Maarree as dhufanii koolugaltumaa hingaafanne. Waraanni mana hidhaatii baase bakka kan na buuse akkan achitti hafuuf miti jedhanii hojii isaanii erga xumuranii booda gara mana hidhaa Naafqaatti deebii'an.

Eenyutu kana taasisaree? Kolonel Girmaan yeroo Eertiraan birmadummaa ishee argattu mana hidhaatii hiikamanii gara Finfinnee deemuun sooramni isaanii kaffalamaaf ture. Dhiyoo kana boqatan.

Dammisee Bultoo fa'ii sa'atii sanatti

Caamsaa 8 akkatasaa manni keenya rurukutame.

Balbala irraa haala loltootaa ilaalaniiti natti fakkaata waardiyoonni karra banuu sodaatan. Deemeen karra bane. Loltoota Asmaraa irraa dhufaniidha. Isaan keessaa ajjaabii [eegdota] abbaa keessaa tokko kan tahe ajajaa kudhanii Geetaachoo waanan argeef xiqqoon tasgabbaa'e. Hidhannoo isaa guutuu waliin dhaabateera.

Asmaraa irraa ''ergamneeti dhufne'' naan jedhe.

Ajjaabonni [eegdotni] abbaa koo lamaan yeroo sana ammo eegdota [ajjaabota] Jeneraal Huseen turan.

Maaltu tahe? jennee yommuu gaafannu, waan xiyyaara keessa jiru nutti himan. Isaan kallattumaan Asmaraa irraa waan dhufaniif Mangistuun ajjeefameera se'an.

Akka ilaalcha abbaakootti ammo fonqolchicha haaluma eegameen deemaa jira.Asmaraa irraas humni kana milkeessu ergameera. Mangeefis xumurameera. Kana gidduutti namootni baay'een gara mana keenyaatti ergamuu danda'u jedhee tilmaameera.

Kanaaf loltoota kan erge natti fakkaata.

Isa irratti ammo naannoo keenya qondaaltotni ol aanoo baay'een jiraatu. Mana keenya bira darbee Mana Fiqire sillaasee Wagdaraastu jira. Duuba isaa immoo miseensota Dargii kaantu jiraata.

Kanaaf dahoo akka nuuf tahaniif waan nuuf erge natti fakkaata. Haalichi nutti hin tolle. Hanga haalichi tasgabbaa'utti jennee anaa fi harmeen koo obboleessa koo fi obbolaa koo dubaraa lamaan waliin taane manaa baanee bakka biraa bulle.

Mana firaa baruu waan danda'aniif mana hiriyyaa maatii keenyaa kan tahe mana Yuusuuf Zakaariyaa deemnee dhokanne.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Loltoonni Bilisummaa Eertiraa Naannawa Naaqifuutti lolarra wayita turanitti, Adoolessa 3,1970

Alkan Facaasaa Caamsaa 8 1981

Bultiidha hin jedhiin. Halkan dhipphisaa.Raadiyoo osoo tutuqnuu, raadiyoon Asmaraa maal jedha kan jedhu dhagahuuf ture yaadni keenya. Gurri keenya raadiyoo irra iji keenya televizhinii irra gochuun taa'aa turre.

Dhuguma akkuma jedhame fonqilchi mootummaa kan gaggeeffamaa jiru yoo tahe abbaan keenya gara garee kami akka tahe waan beeknuuf dhiphinni keenya dabale.

Hakan sa'aatii afuritti televizhiniin Itoophiyaa oduu ammee dabarsinu qabna jennaan hundi keenya lapheen keenya ka'ee dhiphinaan eegne.

Gaazexessaan sunis dhufee yaaliin fonqolcha mootummaa jeneraalota muraasaan gaggeeffame fashalaa'uu isaa dubbate. Jeneraal Maridii fi Jeneraal Ammahaan adunyaa kana irraa du'aan boqochuu dubbate.

Kiw"! jedhee naheen hafe.

Haati koo fi obboleettiin koo hirqinfatanii boo'uu jalqaban.

Abbaankoo akkam taha kan jedhu yaadeen boqonnaa dhabe. Raadiyoon Asmaraa immoo bulchiinsi abbaa irree Mangistuu waggoota 15 kanumaan xumurame jechuun haasa'a.

Abbaankoo xiyyaara waan qabuuf fonqolchi kun fashalaa'uu isaa yoo bare xiyyaara isaa kaasee biyyaa baha. Kun isaaf waan salphaadha jedheen ofis haadhakoos jajjabeessuu jalqabe.

Roobii Caamsaa 9 bara 1981

Bulee isaa hundi keenya bakka tokko buluu akka hin qabne waliin dubbanne. Obbolaan koo dubaraa garuu adda bahuu hin barbaanne.

Garuu ni murteessine. Namni yeroo as dhufne nu argeeriu jiraachu danda'a jennee haasofne. Anaafi obboleessikoo hiriyyaakoo Shimallis jedhamu tokko bira. Haatikoo fi obbolaan koo dubaraa immoo mana Baraambaraas Xibabuu dhaqan. Baraambaraas Xibabuu har'ayuu lubbuun jiru. Nama oolmaa nurraa qabudha.

Roobii galagala Mangistuu Haalemaariyaam daawwannaa isaa addaan kutee gara biyyaatti gale. Raadiyoon Asmaraa immoo ammayyuu akka kfe haasa'a. Kana gidduutti abbaankoo eessa jira kan jedhu ammo natti bitaacha'e.

Kamisa 10 bara 1981

Kamisa galgala yaaliin gaggeeffame akka fashalaa'e dhageenye. Waa'ee abbaakoo garuu homaa waan dhageenye hin qabnu.

Gara ganamaa garuu miira gaddaa guddaa keessa galeen of to'achuu dadhabe. Waan barbaade haa dhufu jedheen hiriyyaakoo waliin manaa baheen gara mana keenyaa deemuu jalqabne.

Naannoo mana keenyaattii Jeneraal Gizaw Balayineen arge.

Nama abbaakoo baay'ee jaallatan turan. Namootni kaanis naannoo mana keenyairra socho'u. Haalichi namatti hin tolu. Haalichis naaf gale.

Image copyright Darajjee Damissee
Goodayyaa suuraa Bitaarraa mirgatti Meejar Janaraal Abebe Waldamaariyam, L/Janaraal Jaagamaa Keelloo, fi Obbo Darajjee Damissee

Damisse Bultootiin booda

Abbaankoo waraana Itoophiyaa keessa waggoota 37'f tajaajilan. Dargii keessa waggoota 15'f. Isa dura waggoota 22'f.

Bakka inni itti waraana irratti hin hirmaanne hin jiru. Ajajaa Kibbaa yeroo ture daangaa Somaalee qabachuuf 60km irra ture. Mee hiisimee hundumaafuu…

Mootummaa irra illee xalayaan tokko nu hin geenye. Xalayaa dhiisi reeffi isaa nuuf hin kennamne. Ifatti gadda taa'uu keenya iyyuu akka carraa qabeeyyii taaneetti odeeffamaa ture.

Mangistuun erga gara Zimbaabuweetti baqatee deemeeti reeffa abbaa keenyaa kan arganne.

Haati keenya mootummaa haaraa taayitaa qabate eeyyamsiiftee mootummaan Eertiraas eeyyameef jennaan namootni biyyichaa bakka itti awwaalame itti agarsiisuun baastee awwaalte.

Yeroo sana namoota Koloneel Mangistuu irratti ka'anii kallattumaan ajajaja Mangistuun ajjeefaman hundumaa boolla tokkotti bakka Mandafiraa jedhamu darbee ture miidhaksite kan awwalchiste.

Haatikoo maatii hundumaa waliin tahuun reeffa isaanii baasiftee kabajaan Bataskaana Yooseef akka boqochiifamu tasifteetti.

''Mangistuu Haayilemaariyaam dhiifama gaafachuu qaba''

Inni nama kufaatii biyyattii hundaaf itti gaafatamuu qabudha. Namtichi maatii isaa baasatee kooluu-galtummaan nama jiraachaa jirudha. Yakka kana hundaa waliin har'a iyyuu mijateefii jiraachaa jira. Nama dinqa.

Amma umuriin isaa deemeera. Yoo xiqqaate kan gochuu danda'u uummata Itoophiyaa dhiifama gaafachuudha.

Waggoota kana hundumaan booda illee ''dhiifama, beekumsin yeroo sana qabu biyyattii bulchuuf gahaa hin turre. Yeroo sana aangoo qabachuu hin qabun ture. Osoo hin beekiin miidhaan geessisadha waan taheef dhiifama naaf godhaa'' hin jenne.

Dhuguma seenaa duuubatti deebinee yoo ilaalle biyyi guddoon hammana geessu sammuu akkasii nama qabuun gaggeeffamuu hin qabdu ture.

Gaggeessitoota tasgabbaa'oo akkaTafarii bantii bilchinaan gaggeessuu danda'an fiduuf yaalaa turan. Amaan Amdoo fa'aa jalqabuma irraa kaasuun nageenya buusuuf yaalaa turan. Namoota waan gaarii yaadan hundumaa tokko tokkoon ture kan ajjeesee fixe.

Kuni hundi tahee garuu isas tahe qondaaltotni isa deeggaraa turan dhiifama hin gaafanne. Waldaa Kiristaanaa deemanii miila hiyyeessotaa dhiqanii, uummaticha dhiifama gaafachuu osoo qabanii ''harkikoo dhiigicha irraa qulqulluudha'' jechuu inumaa iyyuu kitaabota barreessaa, waltajjii garaagaraa irratti eebbisiisaa fi dubbii taasisaa turan.

Gaabii xiqqoon tokko illee isaanitti hin dhagahamu. Haamilee ajaa'ibaa qabu.

Duuti abbaakoo waan hin jirredha

Yaaliin Finfinneetti fashalaa'e Caamsaa 8dha. Inni kan ajjeefame Caamsaa 10dha. Abbaankoo xiyyaara isaa kaafatee akka biyyaa hin baane maaltu isa dhorke? Kutatee hanga xumuraatti waan itti galeef malee isaaf salphaa ture.

Itti aanaa isaa kan turan Jeneraal Huseen Ahimed 1983 Asmaraan qabamuu isheen dura Xiyyaara isaanii kaafataniiti ka Sawud Arabiyaa galan.

Innis kana gochuun itti ulfaatee miti. Jeneraal Nuguseen gorsaniinii ture. Haalichi erga hin milkoofnee maal hojjetta jedhaniinii ture? Nama kana hundumaa gatee eessa iyyuu hin adeemudha kan jedhee deebiseef.

Koloneel Mangashaa turan yeroo sana ajaja fudhachuun helikoteroota bakka garaagaraatti ergaa kan turan.

Jeneraal Damisseen fa'aa achuma biiroo isaanii fuuldura helikoopterri tokko dhaabbatttee akka eegdu gochuu danda'u ture. Waan hin barbaanneefidha malee.

Ati maal isa irraa baratte? yoo naan jette. Duuti kan akka isaa hin argamu. Waan itti amane raawwateera. ''Waraana isaa hin ganne.''

Warri faallaa isaa dhaabbatanis isaaniif hin oolle. Waraanni Wayyaanee yeroo galu hiriiranii harka laatan. Sanyiikee waami jedhamaa, barnootni garaagarummaan sabaa isin barbaachisa baradhaa jedhamaa, kaleessa namootni kaleessa Shiftaa jedhanii waamaa turan harcummeedhaan deemi achi hiriiri jedhamanii gar-tokkeen isaanii achuma mana hidhaatti du'aniiru.

Abbaan keenya kana hundaa osoo hin argiin du'uun isaa obbaafachuudha. Hojii ijoollee isaas tahe dhala dhala isaa boonsu hojjetee du'e. Duu'ti kan akka abbaakoo hin argamu.Tokkummaa biyyaa fi jaala biyyaa guddaa nama qabu ture abbaankoo. Isa jaallanna, isatti boonna.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata