''Ogeessi fayyaa qabsoo qabsiise malee kan falmu dhukkubsataafi''

Hakiimota dhaadannoo qabatan

''Manguddoon tokko mar'immaan isaanii dhukkubsatanii gara hospitaala keenyaa dhufan'' jedhu Yunivarsiitii Finfinnee, hospitaala Xiqur Ambassaatti barataa digirii lammafaa baqaqsanii hodhuu kan tahan Doktar Yoonaas Addama.

Erga halkanaa'eti dhufan, yaaliin baqaqasanii hodhuu akka taasifammuf yoo murtaa'u jeneereetarri rakkoo godhateeraa jedhame. Ibsaan yoo jiraateyyuu jeneeretar malee yaalii taasisuun hin danda'amu. Doktarichi qorannoo dhiigaas gochuu hin dandeenye jedhu.

Boodarra hakiimotifi narsoonni qarshii walitti buusanii qorannoon dhiigaa suni hospitaala dhuunfaatti adeemsifame.

Hospitaalichi dhuunfaatti immoo yaalii baqaqsanii hodhuu taasisuun ijaa hin danda'amneef gara hospitaala mootummaatti ergaman. Hospitaalichi immoo kutaa namoota haalaan dhibamanii gatii hin qabneef isaan fudhachuu hin dandeenye.

Dhukkubsatichi yaaliin isaan barbaachisu osoo hin argatiin guyyaa lama turan. Dhukkubni isaanii turraan sadarkaa olaanaarra gahuu danda'a.

Guyyaa lama booda birookiraasii baayyee booda bitame. Dhukkubsatichi garuu sa'atii jaha booda lubbuun isaanii darbe.

Dooktar Yoonaas, qabsoo hakiimotaa amma jiru kana ogeessota fayyaan haa jalqabu malee ''kan inni falmatu garuu dhukkubsataa homaa gochuu hin dandeenyeefi'' jechuun barattoonni digirii lammataa sababii lagannaa hojiifi hiriira nagaa taasisan ni ibsu.

''Hojimaatni badaafi waantotni guutamuu qaban osoo hin guutamiin hafuu isaaniin namoonni baayyeen du'aa jiru, harkaafi miila oolchuu dandeenyu dhabaa jirra. Kuni tahuu hin qabu'' jedhu.

Gaaffiiwwan isaanii maal fa'i?

Yunivarsiitii Finfinnee, hospitaala Xiquur Ambassaatti barataa digirii lammafaa wal'aansa daa'immanii kan tahan Dokatar Daani'eel Taammiraat rakkoon inni guddaa sirna kenninsa wal'aansaati jedhu.

''Dhaabbilee fayyaa keessatti hanqinni wantoota xixiqqoo kanneen akka lilmoo, gooziifi guwaantiidhaa jalqabee hanga meeshaalee qorannoofi yaalii gurguddoo lubbuu dhukkubsattootaa dabarsaa jira'' jedhu Doktar Daani'eel. Kanaaf deebii gatii hin argnneefis hojii lagachuuufi hiriira nagaa bahuu isaani dubbatu.

Inni lammaffaa immoo meeshaaleen yaalii fayyaa jiraachuu dhabuuti.

''Gamoon gatii jiruuf wal'aansi gaarii jira jechuu miti. Bu'aan gaarii kan jiraatu meeshaan yoo guutamu dha. Ogeessi wal'aansaa gammadaa tahee humna guutuun kan hojjetu ta'u qaba,'' jedhu Doktar Daani'eel.

Doktarichi diinagdeen ogeessa tokkoo gadi bu'aa waan taheef fedhii bu'uuraasaa guuttatee sirnaan hojiisaa hojjechuu hin dandeenye jadhu.

Gaaffiin inni sadaffaa immoo dhimma nageenya ogeessota fayyaati. ''Iddoo garaa garaatti ogeessonni fayyaa haleelamaa jiru. Ijaa hin kabajamneefi eegumsa seeraa ijaa hin qabneef rakkoon irra gahaa jira,'' jedhu Dr Daani'eel.

Goodayyaa suuraa Harkaafi miila oolchuu dandeenyu dhabaa jirra.''''

Maaliif amma?

Yunivarsiitii Finfinnee, hospitaala Xiqquur Anbassaatti barataa digirii lammafaa wal'aansa gadameessaafi ulfaa kan tahan Dr. Jamaal Maarqoos jijjiramni biyyattii keessatti adeemsifamaa jiru rakkoo gama sektara fayyaan jiru gatii hin ilaallefi jedhu.

Achummatti barataa baqaqsani hodhuu kan tahan Dr. Abraahaam Gannatuunis yaadichatti waliigalu.

Dr. Abrahaam ''sirni siyaasaa biyyattii fooyya'ee namooti yaada isaanii ibsachuu eegaluu isaanii gaaffiicha ifattii bahe malee durumaanuu kan ture dha,'' Jedhu.

Yunivarsiitii Finfinnee, hospitaala Xiqquur Ambassaatti barataa digirii lammaffaa wal'aansa sammuufi dugugguuruu kan tahan Dr. Abduullaaziiz Abdallaa immoo, ''Carraan yaada ofii ibsachuu gatii argameef qofa osoo hin taane tajaajilli fayyaa yeroo keessa hir'isaa dhufuutu sababii dha,'' jedhu.

Mucaan waggaa 15 balaan doqdoqqee irra gahee hospitaala Xuqur Anbassaa dhufe jedhu.

''Kutaa baqaqsanii hodhuu lamatu jira. Meeshaa qabnu hirmaanne kutaa lameen keessatti wal'aansa baqaqasanii hodhuu osoo kenninuu mucaan kuni dhufuu nutti himame. Siitiiskaanii ka'ee yoo dhufu sammuusaa keessatti dhiigni kuufamuu agarsiisa.''

Mucaan kuni battaluma wal'aansa argachuu qaba. ''Kutaa baqaqsanii hodhuu keessa garuu meeshaan hin jiru. Meeshaa itti fayyadamnelle deebisnee qulqulleessinee fayyadamuuf bishaan badee ture,'' jechuun dubbatu.

Beellamni dhukkubsattootaa wayyaa hakiimotaa yeroo baqaqsanii hodhuu uffatan jiraachuu dhabuun haqamaa ture.

Maashiniin wayyaa miicu rakkoo godhateera jadhamuufi sirreessuufillee fedhiin jiraachuu dhabuu dubbatu.

Dhibee dugugguruu wal'aanuuf baatii shan akka fudhatuufi dhukkubsattoonni hospitaala dhuunfaa yoo deeman maallaqa kuma 120 akka gaafataman himu.

Hojii lagachuun furmaata moo balaa?

Doktar Daani'eel ''guutuummaan ogeessaa'' mormii hojii lagachuu hin taasifne jechuun hakiimoti dhukkubsattoota baayyee dhibaman yaalaniifi ogeessoti haadholii deesisan hojiirra akka turan himu

''Yaaddoon uummataa lubbuun dhukkubsattootaa balaarra akka hin buuneefi. Haa tahu malee kutaaleen armaan dura eereefi kutaawwan lubbuu namaa balaaf saaxilu keessa hojjetaniifi gaaffii keenya deeggaran hojii isaanii hojjetaa turan.''

Mootummaan hakiimota gaaffii kana kaasan galateefachuun irra jira. Gaaffiin sabaafi amantii bara baayya'ate kanatti waanti biyya fayyadu yoo ka'u gaafficha kabajuun dirqama dha jedhan.

Akka doktarichi jedhanitti, mootummaafi qaamota itti gaafatamoo osoo hayyamamoo tahanii furmaati ni argama ture. ''Garuu doorsisaafi gaaffiiwwan deebi'aniiru jedhaman deebisanii odeessuutti jiru'' jedhu.

Doktar Yoonaas qabsoon hakiimoti godhan galmaan akka gahu amanu.

''Ragaa ani qabuun addunyaa irratti biyyoota 50 olitti hakiimoti gaaffii wal fakkaataa kaasuun mormii hojii dhaabuu taasisanii beeku. Mormiiwwan kunneenis akeeka isaanii fiixaan baasaniiru.

Qabsoon keenyis ni bubbula malee galmaan gahuunsaa hin oolu'' Jedhan

Mormiifi hiriirri hospitaalota muraasa keessatti mul'atu, kanneen birootti ce'uun mormii biyyaalessaa akka hin taanes yaaddoo qabu.

''Fedhiin keenyi kuni akka hin taane dha. Isa dura dhagahanii deebii otoo nuu kennanii nutti tola. Qabsoofi mormiin keenyi sirna fayyaa biyyattii irratti jijjiirama fida jennee amanna'' jedhu

''Gaaffii kana kan gaafachuu malu uummta ture jennee amanna'' jedhu.

Tarkaanfiin itti aanu maali?

Doktar Yoonaas mootummaan filannoo lama qaba jedhu.

''Nuti ajandaa siyaasaa tokkoyyuu hin qabnu. Sirni fayyaa biyya keenyaa akka sirratu barbaanna. Kanaaf, nu faana mari'atanii karoora yeroo ittiin rakkoo foyyeessan kaa'anii, rakkoowwan humni biyyattiitiin olitti dha jedhanis adda baasanii otoo nutti himanii nuti gara hojiitti deebina'' jechuun himu.

Marii ministira mummee Abiy Ahimadan waliin taasisaniin deebiin isaaniif kenname quubsaa akka hin taane immoo Doktar Jamaal dubbatu, dubbiin otoo hin jabaatiin xiyyeefannoon kennamee furmaatni akka isaaniif kennamus gaafatu.

Doktar Yohaanis immoo, mootummaan hakiimota mormii isaanii dhagessisan arii'uufi hidhuu akka 'filannoo' biraatti fudhachuu kaasu. Bulchiinsa hospitaal Xiqur Anbassaa irraa akeekkachiisni kennamuunsaa ragaa dha jedhu.

''Kuni taanaan garuu waanti gaarii hin uumamu'' jechuun yaaddoo isaanii ibsu.

Doktar Daani'e fedhii mormii akka hin qabneefi ogummaaa isaanii akka jaalatan dubbatu.

''Hakiimni ganama galee sa'aatii saddeetitti ba'u hin jiru. Hakiima sa'aa 36 hojjetutu jira. Gaaffiin keenyi gaaffii waggaa digdamaafi soddoma gaafatamaa ture dha. Rakkoon kuni umrii keenyatti hin hiikamu taanaan,hakiimni yeroo hiriira nagaa bahu reebama taanaan rakkoon kuni hin hiikamu.''

Rakkoo uumaniiru jedhanii warreen yaadan ''qaama furmaataa'' yoo tahan gaaffiin isaanii akka hin hiikamne dubbatu.

''Ministira mummeetti haasofnee 'namni caasaa isaaniin gadi jiru furmaata isinii kenna' yoo jedhamu abdii kutachiisaa dha jedhu.

Odeessa kana irratti dabalata