Masaraa mootummoota Itoophiyaa kan kiiloo 4 keessa maaltu jira?

Galma nyaataa Atsee Miniliik amma haroomfame Image copyright Daniel Kibret
Goodayyaa suuraa Galma nyaataa Atsee Miniliik amma haroomfame

Ogummaan Obbo Yohaannis Mokonniin arkiteektiidha. Yunivarsiitii Finfinneetti eegumsa hambaafi waa'ee ogummaa ijaarsaa kan barsiisan yoo ta'u haromsa masaraa mootummaa keessa taasifamuun wal qabatee fedhiin gorsa kennu.

Isaan akka nutti himanitti yeroo duraaf masaraan daawwatamuu isaatin dura 'keessummoonni waan dhufanif ogeessoonni osoo isaan daawwachiisan wayya' jedhame ogeessonni walitti akka qabaman ta'e.

Kunneen eegumsa hambaalee, ogeessota ijaarsaa, akkasumas hayyuuleen seenaa gara waajjira ministira mummeetti kan affeeraman yoo ta'u isaan keessaa tokko turan.

Isaan daawwattoota tibbana daawwatanif ibsa kennaa turan, yeroo adda addaattis carraan masaraa mootummaa daawwachuu isaan qunnameera.

Kanaafuu, masaraa Fulbaana dhufu ummataaf ifa ta'u keessa maaltu jira jennee akka nu daawwachiisan gaafanne.

Masaraan kuni hektaara 40 kan bal'atu yoo ta'u bal'ina isaarra kan ka'e bakkeewwan kana 5'tti hirani ilaalu.

Tokkoffaa boroo masaraa durii yoo ta'u bakka kana mana jireenyaa miseensota waraanaa, qorqorroo kukkufe, makiinaa waraanaa caccaban kan jiran yoo ta'u amma haaromfameera.

Lammaffaa masaraafi waajjira mootichi Minilikiifi Haayilasillaasee ijaarsisanitu jira.

Sadaffaa waajjira mootummaan Kooriyaa hojjechiise kan jiru amma tajaajila kennaa jira. Garuu daawwannaa ummataaf banaa hin ta'an.

Afraffaa sababoota garaa garaan kan hin daawwatamne yoo ta'u Koloneel Mangistuu H/Maariyaam yeroo biyyaa bahan bakka isaan hin jirretti hojjeettonni isaanii isaan gammachiisuuf mana ijaarsisanifiitu jira.

Innis achi siiqee kan hojjetame yoo ta'u duuba mana jireenyaa MM Abiy argama. Daawwachuuf karaa mana isaanii darbun waan barbaachisuf daawwannaaf banaa hin ta'u.

Kutaan muraasni biiroo kanaa jigu isaa akka dhagahanis nutti himaniiru.

Inni shanaffaa karaa Hoteela Sharaatan kan kanaan dura bosona ture amma garuu bakka turtii bineensotaafi 'lafi bishaanii' ijaaramaa jira.

Amma masaraa daawwachuufi. Namni tokko masaraa yoo seenu waan argurraa eegalu Arkiteekit Yohaannis.

1.Gamoo konkolaataa itti dhaaban

Bakki kuni hoteela Hiltan irraa ol yeroo ol adeemnu masaraa osoo hin gahin dura karaa mirgaa argama. Bakka qullaa dallaan itti ijaarame yoo ta'u amma erga kantiibaa itii-aanaan magaalaa Finfinnee gara aangootti dhufani booda dargaggoonni naannoo sanaa waldaadhaan ijaaramani namoota konkolaataa achi dhaabanirraa galii funaanu.

Dhihootti ijaarsi isaa kan eegalu yoo ta'u daawwattoonni bakka konkolaataa itti dhaaban ta'e tajaajila.

Haa ta'u malee, ijaarsi isaa waan hin xumuramneef namni balbala karaa kibba jirun seena. Yeroo achi gahan biiroo tikkeeta itti muran, mana shayii, kutaa dhiqatan, akkasumas boordiin keessummoonni odeeffannoo irraa argatan, bakka boqotaniifi wanti keessumoota agarsiisan taa'a.

Manni tikkeetii kanaan dura kan hin turre yoo ta'u yoo gajjallaati argan qofaadha kan mul'achuu danda'u.

2.Bakka odeeffannon kennamu

Bakka kana gama biiroo tikkeenni itti muramu yoo olbaatan argattu. Asitti bakki daawwatamu dijitaalaa fi waan barraa'e qabatani ibsi ni kennama.

Yeroo ol dabartan bakka daa'imman namoota isaan guddisan waliin turanitu jira. Meeshaaleen ijoolleen itti taphatanis ni jiraata.

Bakka magariisa jedhame immoo akkuma bakka daa'imman turan yeroo dabartan ni argattu. Bakkicha karaan maramaafi qarqa qabu akkasumas gara masaraatti geessu ni jira.

Kunis, qaama miidhamtootaaf akka tolutti kan tolfamedha. Karaa bitaafi mirga wanti bareechu ni hojjetama jedhameera.

Amma mukaafi margi kan dhaabame yoo ta'u karaanis qixaa'eera.

3.Bakka ijoolleen mootii tursiifaman

Lij Iyyaasuu, Mootitti Zoodituu, akkasumas Tafari mokonniin mootii taa'ani muudamu isaaniin dura mana kana keessa jiraataniiru. Manni kuni abbaa darbii tokoodha. Dhagaafi mukarraa ijaarame.

Gamoon gadi garagale mul'atu kuni bara mootii Miniliik kan ijaarame yoo ta'u Finfinnee asiin gadi ilaaluu dandeessisa.

Fuuldura isaatti bakka namoonni heddummatani suura ka'an ni jira. Faawunteenii ni qabaata jedhame eegama. Affeerraa irbaataa dhiheenya taasifame irratti miidhama jedhame waan yaadamef aluma dhaabatani akka daawwatan ta'e.

4. Masaraa mootii Miniliik fi waajjira isaanii

Asitti jalqaba kan argamu mana jireenyaa Fitaawraarii H/Giyoorgis Diinagdeeti (Abbaa Malaa). Abbaa Malaan ministeera waraanaa kan turan yoo ta'u manni isaanii xiqqoofi mukarraa ijaaramte mana mootii Miniliik cinaa jira.

Manichi kan jige ture yoo ta'u amma haaromfamaa jira.

Gara mana jireenyaa mootii Minilik abbaa darbii tokkootti deebineerra. Manni kuni bakkeewwan biroo lama waliin riqichaan wal qunnama.

Tokkoffaa gama Kaabaan mana kadhannaafi manni fakkii jira. Kunis, 'Inqulaal Bet' jedhamuun beekama. Takka takka akka waajjiraatti fayyadamun. Manni kadhannaafi manni fakkichaa abbaa darbii lamaati.

Darbii lammaffaa irratti manni ol fuudhamtee ijaaramteefi daawwitiin uwwifamte jirti. Manni kuni 'teleskoppii' kan qabdu yoo ta'u magaalaa Finfinnee kallattii hundaan arguu dandeessisa.

5. Bataskaana sadii

Manneen amantaa kunneen baha galma mootiin dur nyaata nyaachisaniin argama.

Bataskaana Kidaanamiratii (mana fakkii mootii Miniliik): Bara mootii Miniliik qofaatti dallaa kan itti ijaarsisan yoo ta'u amma ummanni itti fayyadama.

Bataskaana Baa'itaa Maariyaam (Mootiitti Zoodituun kan ijaarame yoo ta'u reeffi mootii Minilikiis asitti owwaalame.) Amma masaraan ala kan jiru yoo ta'u eegumsi ni taasifamaaf.

Namoonni daawwatanis yeroo dhufan luboonni owwaalcha isaanii mana lafa jiru keessa geessanii daawwachiisu.

Namni hedduun kan daawwatu yoo ta'e masaraa dursani akka beeksisan ta'a.

Sadaffaa Bataskaanni Gabri'elii duuba bataskaana Baa'itaa argamu ni jira.

6.Dhaddacha Gajjallaa (Taachinyaaw Yezufan Chilot)

Manni kuni bara mootii H/Sillaasee kan ijaarame yoo ta'u 'dhaddacha arifachiisaa' dhimmi sadarkaa gadiitti gudunfaa hin arganne bakka itti ilaalanidha.

Manni kuni waajjira mootichaas ta'e tajaajileera. Keessatti waajjira isaanii dabalatee bakki kuusaa ni jira. Kutaaleen tajaajila garaa garaa kennanis ni jiru.

Mootiin H/Sillaasee aangoo irraa yeroo bu'an loltoonni Dargii manicha to'atani ture. Bulchiinsi koloneel Mangistuus waajjira godhe itti fayyadamaa ture.

Lubbuun mootichaa erga darbe booda mana dhaddachaafi waajjira godhan jalatti akka owwaalamaniifi boodarras reeffi isaanii akka fudhatame seenaan ni ibsa.

Galmii wal gahi Dargii, biiroo Mangistuu H/Maaariyaam, waajjira gargaaraa koloneelMangistuu, Mangistuu Gammachuu jedhaman akkasumas loltooni dargii hidhaman bakka itti hidhamanidha.

Yeroo tokko yaaliin ajjeechaa Mangistuu H/Maariyaam irratti yeroo taasifame bakki itti baqatani jalaa bahan gamoo kanadha.

Yeroos taankiiwwan qophaa'ani manicha bira dhaabatani waan turanif Koloneel Mangistuun fiigani taankii keessa akka seenan namoonni argan itti himuu isaanii Arkiteekit Yohaannis nutti himaniiru.

ADWUI'n yeroo biyyattii to'atu Obbo Mallas Zenaawwiin mana kana mana jireenyaa isaanii godhani turan. Yeroo lubbuun isaanii dabartees reeffi isaanii mana kanaatii bahe.

Bara Obbo Mallas MM turan haati warraa isaanii Aadde Azeeb Masfiin masaraa keessatti mana jireenyaa ijaarsisuu eegalanii ture.

Ergasii MM duraanii H/Maariyaam Dassaalany mana jireenyaa isaanii godhatani turani. Waggaa afur erga jiraatani booda mana jireenyaa haaraa ijaarame keessa jiraataa turan.

Ammallee MM Abiy mana kana keessa jiraataa jiru. Kunis daawwannaaf banaa akka hin taane akka itti himame ogeessi arkiteekitii kuni nutti himaniiru.

7.Mana koloneel Mangistuu

Yeroo tokko Koloneel Mangistuu H/Maariyaamin guyyoota hedduuf gara Awurooppaa imalani turan. Yeroo kana hoojjeettonni isaanii isaan gammachiisuuf mana haaraa isaaniif ijaarsisuuf walii galanii dafanii ijaaraniifi turani.

8.Bakka leenconniifi bineensonni kaan turfaman

Bakki kun kibba masaraatti argama. Sibiilarraa kan ijaarame yoo ta'u yeroo ammaa bineensonni homaatuu keessa hin jiraatani.

Bineensonni dur turan bakka biraatti geeffamu odeeffannoon jedhu jira.

9.Waajjira bara Miniliik ijaarame

Masaraa kana keessatti ragaawwan hedduu ol kaa'amaniiru. Karaa ammayyaa ta'en kan walitti qabame yoo ta'u sanadni bara Miniliik eegale ture keessatti argama.

Ministeera Barnootaan alatti ministeeronni kaan sanadoota achi akka kaa'an himama.

Xalayaawwan bulchitoonni biyyaa walii barreessan, barreeffama gogaa irratti barraa'an, akkasumas sanadootni kaan kan olkaawaman yoo ta'u yeroo ammaa kan hin haroomfamneefi daawwattoonni achi siqus ta'e daawwachuu hin danda'an.

10.Dhaddacha Gajjallaa (Taachinyaaw Yezufan Chilot)

Dhaddachi kun Kibba masaraa mootummaati gara Hoteela Sharaatanitti garagalee gamoo dheeraa dhaabate yoo ta'u bara mootii Miniliik ijaarame.

Fuuldura gamoo kanaa bakkitti alaabaa fannisan ni jira. Dibbee rukutaa, faaggaa afuufaa bakka labsiin waraanaa itti labsameefi dhimmi biyyaa hedduu itti labsamu ni jira.

Gamoon kuni mana jalaa kan qabu yoo ta'u irra keessa galma ni qaba.

Bara bulchiinsa Dargii mana maree ta'un yeroo dheeraaf tajaajileera. Qondaaltonni mootii Haayilasillaasees mana kana keessa hidhamani turani.

Hidhamtoonni gamoo jala osoo jiranii qondaaltonni gamoo irra keessa 'haa ajjeefamani, hin ajjeefamin' waan jedhu irratti falmii yeroo taasisan ni dhagahama ture.

Manneen lafa jalaa kutaawwan afur qaba. Manneen kana keessatti sibiloonni furdaa kan jiran yoo ta'u namoonni irratti fanniifamani reebamu ture jedhama.

Amma akka galmaatti akka daawwatamu wantoonni yaadaman jiru.

Dhaddacha mootummaa dargii kan ture kana keessatti suuraaleen keessummoota gurguddoo Itoophiyaa daawwatan kaawameera.

Bara mootii H/Sillaasee namoonni kun galma kanatti waan simatamanif suuraan isaanii itti daawwatama.

Kan biraa gama Kibbaan seenaan mootolii agarsiisaaf dhihaata. Yeroo ammaa mootii Miniliik eegale hanga Obbo H/Maariyaamitti suuraan isaaniifi bara isaanii wanti hojjetame agarsiisaaf ni dhihaatu.

Gama Bahaan akkaataa biyyi kun bu'ureeffamte ni dhihaata.

Gama Kaabaan, amantiiwwan biyya keessa turaniifi kanneen alaa dhufan dijitaalaan ni dhihaatu. Kan biyya keessaa keessa Waaqeffataa kan Oromoo, Judizimii kan Beta Israa'elii, ergasii Kiristaanummaa, Islaamaaafi kaanis ni dhihaatu.

Gamoo keessaa baanee gama Kibbaan keenyaa manaa irratti sibiloonni fannifaman ni jiru. Bara Miniliik sana qondaaltonni gaangee isaanii itti hidhatan ture.

Bara dargii immoo qondaaltonni mootii H/Sillaasee boodarra erga takkaa ajjeefaman bakkatti aduu qaqqaammatan ture.

Fonqolcha bara 1981'tti jeneraalonni hirmaatan 12 bakka hidhamanis ture.

11. Lafa bishaanii bakka lubbu qabeeyyiin jiratanii ijaaramaa jiru

Iddoonsaa masaricha irraa gara harka Liixaatti kan argamu yoo ta'u, yeroo bulchiinsa Atsee Minilikii fi Haayilasilaaseetti kan eegalame amma Dr Abiy haala fooyya'een bakka kana akka haaraatti hojjachaa jirudha.

12 Galma Gibiraa Minilik

Kunis galma baay'ee bal'aa yoo ta'u, ogummaa ijaarsaa isaa keessaayis Itoophiyaanoonni, Armanoonnii fi Hindoonni harka akka qaban tilmaamuun ni danda'ama.

Galmi kunis tilamaamaan namoota gara kuma 8 ni keessumeessa jedhama. Karrawwan tajaajilawwan adda addaatiif oolan kan qabu yoo ta'u, dhiheenyattis haaromsi taasifameefiira. Affeerraan irbaataa 'Gabataa la Shagar' kan gaggeefamees galmuma kana keessatti ture.

13. Itoophiyaa xiqqoo

Iddoon kun duraan kan hinturreefi yaada MM Dr Abiyyiiti. Inni Galmaan kallattii Kibbaatti kan argamu yoo ta'u, innis lafa ogummaan ijaarsaa haalli jireenya saba, sablammootaafi ummattoota biyyatti itti mul'ifamuudha. Wayita ammaa kanattis waan hojjame jiraachuu baatulleen hojiin isaa eegalameera.

Dhumarrattis:

Hojiiwwan haaromsaa masaraa keessatti gaggeefamu ilaalchisee qaamoleen komii qaban jiraachusaanii ilaalchisuunis , arkiteekti Yohaannis ''hojiin haaromsuu hojjatame kan nama koomachiisudha jechuun na dhiba.

''Haa ta'u malee, osoo deeggarsaa fi hirmaannaa oggeessaa qabaatanii kanarra kan fooyya'ee gochu danda'a amantaa jedhu qaba. ''

Kanas barreeffamaan qaama dhimmisaa ilaallatuuf dhiyeesseera,'' jedhaniiru. Pirojaktichi kan deeggarame Arabi Imireetiin yoo ta'u, baasiin mootummaa Itoophiyaatiin taasifame akka hinjirre ragaa akka qaban ibsaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata