Obbo Taakkala Goobanaa, lammii Itoophiyaa mana maree magaalaa Ameerikaaf dorgomaa jiran

Image copyright TakeleforSeatac
Goodayyaa suuraa 'Mul'ati kiyya ummata keenya siyaasa Ameerikaa keessatti hirmaachisuu dha.'

''Ameerikaan biyya bareedduu akka taatetti herregama, namni baqataafi gurraacha tahe garuu danqaa baayyee qaba.''

''Ani ergan guddadhee as dhufe afaan kiyya akka nama biyya kanatti dhalatee qajeelaa miti ni caccassa. Kunimmoo namooti gariin waan hojjettu sirriitti akka hin beeknetti akka si ilaalan godha, kanaaf warra adii harka lama sadii irra caalaa hojjettee argamuu qabda,'' jedhan.

Taakkala Goobanaa jedhamu. Godina Gujiitti dhalatan. Barnoota isaanii sadarkaa duraa sa'atii afur dhaqaa-gala marmaaranii baratan.

Barnoota isaanii sadarkaa lammataa Shaashamanneefi Kuyyeeraatti baratan, bara 2011tti 'Diiviin' isaaniif baanaan Ameerikaatti godaanan.

Achumatti maatii dhaabbatanii ijoollee sadii horataniiru.

Obbo Taakkalaan amma mana maree magaalaa Ameerikaa Siitaak jedhamtuuf dorgomaa jiru, duula na filadhaas gaggeessaa jiru. Magaalli Siitaak naannoo Waashingitan, Siyaatilitti kan argamtu yoo tahu ummata 26,000 ol qabdi.

Hojii buufata xiyyaaraa

''Biyyarraa yeroo Ameerikaa dhufe boorsaa tokko qabadhee dhufee baatii ja'aaf hojii humnaa erga hojjedhee booda bara 2012'tti Yunivarsitii guddicha Ameerikaa, Waashingitan galuun barnoota jalqabe,'' jedhan obbo Taakkalaan.

Otoodhuma achii baratuu buufata xiyyaaraa guddinaan Ameerikaarraa 9ffaa tahe keessa hojii jalqabuu himan.

''Buufata xiyyaara kana keessa hojii harka guddeessa namoota Gaanfa Afrikaa irra deemetu sochoosa,'' kan jedhan obbo Taakkalaan

Wayiita namoota kunneen waliin hojjetan, hojjettoonni kaffaltiin 'xiqqoo' isaani kaffalamu, wabii fayyaa akka hin qabneefi dhimma guyyaa boqonnaa hojjetaaf kennamu irratti rakkoo jiru akka hubatan ni himu.

''Kana jijjiiruuf hojjettoota waliin hojjedhuufi dhaabbilee dhimma hojjettootaaf falman waliin bara 2013'tti sagalee ummataa walitti qabuun, kaffaltii hojjetaa tokkoof sa'atiitti doolaarii saddeetiifi saantima jaatama irraa gara doolaara 15tti siiqsine.''

'Injifannoon' sun naannolee Ameerikaa 50 keessaa yeroo jalqabaaf magaala Siitaakitti tahee, gara Niiwoork, Loosaanjalas, Miniisootaa, Kaaliforniyaafi Chikaagoofaatti babal'ate jedha.

''Kanaafimmoo hojjettootaafi waldaalee hojjettootaaf falman qindeessee, balbala 13,000 dhoofnee sagalee sassabne,'' Jedha.

''Duula sana kuffiisuuf dureessoti magaalatti maallaqa miiliyoon lama tahuu haa baasniyyuu malee uummata keenya qabannee waan hojjenneef mo'anne,'' jedha.

Image copyright TakeleforSeatac
Goodayyaa suuraa 'Sagaleen uummataa aangoo guddaa qaba'

'Sagaleen ummataa aangoo guddaa qaba'

Duula kaffaltii hojjeettootaa sirressuuf taasisan irratti ''uummatni sagalee kennu aangoo guddaa akka qabu, ummatni biyya keenyaa as jirus siyaasa biyya kanaa jijiiruu akka danda'u hubadhe'' jedhan obbo Taakkalan

Barataa yunivarsiitii tahanis kongireessiwwaniifi mana maree magaalotaa waliin hojjechaa akka turan himu. ''Kongireesii Kaanaadaatti illee affeeramee waa'ee teekinolojiin hojii nama fudhachuu haasaa taasisee, siyaasaafis fedhii waanin qabuuf irratti xiyyefachaan ture.''

Bara 2016 irraa eegalee immoo Waldaa Hojjettootaa Ameerikaatti sadarkaa 3ffaa irra aragamu wajjiin dhimmoota hojjettootaa irratti akka falman dubbatu.

''Namni keenyi biyya kana guddootu jira garuu mirgi isaa hin dhiibama, hin falmatu, hin dubbatu.'' Siyaasa biyya kanaa irratti yoo hirmaanne waan kuni jijjirama jechuun filannoo kanaa irrattti hirmaachuuf murteesse jedhan.

Duula filannoo torban sadii dura yeroo jalqaban namooti afur isaan waliin galmaa'u kan dubbatan obbo Taakkalaan, torbee isa duraattii 'maallaqa guddaa' walitti qabuufi guyyaa filannoo jalqabaatti namooti 200 ol hirmaachuufi deeggarsa isaanii taasifamaa jiru arguun warreen isaan dorgoman namooti lamaan filannoo keessaa of baasuu dubbatan.

''Duulli filannoo kiyyaa namoota magaalaa kana qubatan wal qixa bakka bu'a,'' jedhu obbo Taakkalaan

Kunimmoo kutaalee hawaasaa garaagaraa irraa deeggarsa naa argamsiise kan jedhu.

''Miseensi kongireesii sadarkaa biyyattii seera tumaniifi kana waliin hojjedhe duula koof beekamtii kennan,'' paartiin deemokiraatii sadarkaa garaagaraarra jiraniifi hoggantoonni hanga federaalaa jiran isaan tumsaa jiraachuu himaniiru.

Tola ooltoota odeefannoo duula kanaa manaa manattii tamsaasaniifi maallaqa hojichaaf barbaachisu walitti qabuun ''warra na dorgoman haraka 10nin dursaa jira jedhan.

Image copyright Takele Gobena's facebook page

'Yoon mo'adhe...'

Magaalaan kun magaalaa xiqqoo afaan torbaatamaa oliitu dubbatamaa uummati harka 48 immoo biyya biraa irraa kan as godaane dha jedhu obbo Taakkalaan.

Haa tahu malee, ''bulchiinsa magaalaa keessatti nama tokko malee namni ja'a nama adii dha. Isaan immoo dantaa nama adii malee dantaa baqataa hin eeganii,'' jedhan.

Dantaa uumattoota Gaanfa Afrikaa, Eeshiyaafi Laatin Ameerikaarra dhufan eegsisuu akka barbaadanis ni himu.

Manni kiraa biyya kanaa mi'aawaa gatii taheef, manneen haarayaan gatii sirraa'aa taheen akka ijaaraman gochuu, daldaloota xixiqqoo gargaaruun akka guddatan taasisuufi baqattoonni biyya keenyaa dhufan siyaasa biyya kanaa irratti hirmaataniifi sagalee argatan gochuun dhimmoota jajjaboo irratti xiyyeefchuu fedhan akka tahe himu.

''Danqaa magaala kanaa beeka, hiree ishee gara fuulduraa irrattis karoora qabnu warri sagalee kennu jaalatee jira kanaafi ni mo'anna abdii jedhu qaba'' jedhan.

Yoo mo'atan aangoo seera dhimma magaalatti ilaallatu tumuufi warra seera rawwachiisu immooo to'achuu ni qabaatu.

'Mul'ata kiyya..'

''Mul'atni kiyya inni guddaan uummata keenya siyaasa Ameerikaa keessatti hirmaachisuu dha'' kan jedhan Obbo Taakkalaan hanga sadarkaa federaalaatti dorgomu danda 'a jedhu.

Haa tahu malee, ''uummata Oromoo,Itoophiyaa,kana Gaanfa Afrikaafi ummata gurracha mara aangomsuu barbaada jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata