"Magaalaan babal'achuun qabeenya uumamaa mancaasaa jira," Dr. Massalee Maariyoo

Kaannisni Ababoo yeroo xuuxxutti Image copyright Sean Gallup

Guyyaa har'aa guyyaa Baayoo Daayivarsiitii Addunyaadha. Ergaan ittiin kabajamus 'Our Biodiversity, Our food, Our Health' kan jedhuunidha. Itoophiyaattis Baayoo Daayvarsiitiin qabeenya keenya, nyaataafi fayyaa keenya jechuun kabajama.

Barreessaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez "Bu'uura dhala namaa kan ta'e baayii daayivarsiitii haa eegnu" jedhan.

Baayoo daayivarsiitiin dhala namaatiif nyaata, fayyaa, walumaa galatti bu'uura jiraachuufi jiraachuu dhabuu waan ta'eef, eegumsi cimaan taasifamuuf akka qabu ogeessonni ni dubbatu.

Itoophiyaa keessatti lubbu qabeeyyii gara garaa (baayoo daayivarsiitii) qormaanni mudachaa jiru maal maalidha?

Daarektera Dhaabbata Baayoo Daayivarsiitii Itoophiyaa Dr. Massalee Maariyoo BBC'n gaafateera.

1. Babballachuu magaalaa

Dr. Massalee akka jedhanitti Itoophiyaa keessatti baayoo daayivarsiitii irratti kan rakkaa cimaa uumaa jiru baballachuu magaalotaadha.

babballinni magaalaa bakkawwan baayoo daayivarsiitiin jiran mancaasuun alatti, baayyinni uummataa dabaluun isaa akka akaakuuwwan biqiltootaa badan taasiseera.

"Naannoowwan biqiltoonni namoonni sorratan itti argamanis badaa jiru. Qorannoon waggaa lama dura gaggeeffame akka mul'isutti waggaa tokko keessatti mosonni hektaara kuma 92 akka manca'aa jiru agarsiisa," jedhu.

Baayyinni uumamaa dabaluunis paarkota gara garaa keessatti ibiddi bosonaa akka uumamaniif sababadha. Kana waliin walqabatees babballachuu magaalaarraa kan ka'een jiraachuun biqiltootaafi bineensotaa yaaddoo keessa galeera jechuun ibsan.

2. Sanyii bakka biraarraa dhufan

Akaakuuwwan biqiltootaa 'weerartoota' jedhaman qabeenyi lubbu qabeeyyii gara garaa (baayii daayivarsiitiin) akka badaa deemuuf sababa ta'aniiru.

"Baha-kibbaa Itoophiyaafi Sulula keessatti lafa hektaara miliyoona 1.8 ta'u qabatanii jiru. Bishaan hedduu balleessaa kan jiru akka haramaa bocee fakkeenya fudhachuun ibsu Dr. Massaleen.

Sanyiin biyya biraatii dhufan kunneen lafa qonnaaf malu qabataa waan dhufaniif omishootoonni biyya keessaa duraan turan badaa jiru.

"Sanyiiwwan duraan turan dhabaa deemaa jirra. Fakkeenyaaf, naannoo Baddaa ani dhaladhee itti guddadhetti miyaafi fooliin biddeenaa jijjiiramaa jira," jechuun ibsu.

Sooranni akka qorichaatti gargaaran Itoophiyaa keessatti argaman baduutti dhiyaataniiru. Akka fakkeenyaattis kan kaasan, gosa garbuu Laayiziin jedhamu Amiinoo Asiidii qabu heeran.

Akka Dr. Massalee jedhanitti akaakuun uumamaa 70 hanga 90 ta'an badaniiru.

3. Jijjiirama haala qilleensaa

Mataa dhukkubbii guutuu addunyaa kan ta'e jijjiiramni haala qilleensaa Itoophiyaafis rakkoodha.

Yeroo ammaa kana naannoon hedduun gammoojjiitti jijjirramaa waan dhufaniif duraan biqiltoonni nyaataaf oolan badaa dhufaniiru jedhan dr. Massaleen.

Jijjiiramni haala qilleensaa lubbu qabeenyaa manaafi bosona jiran hundarraan dhiibbaa geessisaa jira.

4. Faalama

Faalama yeroo jedhamu dacheefi qaama bishaanii dabalata.

ጸረ ተባይና ጸረ አረም ኬሚካሎች በሰውና በእንስሳት ላይ ተጽእኖ እያሳደሩ ነው።

Dr. Massaleen akka dubbatanitti kaanisoonniifi billaachawwan sanyii biqiltootaa daddabasuuf gargaraan badaa jiru.

Qaamonni bishaanii dhangala'aa warshaalee keessa bahuufi balfawwaniin guutamaa jiru.

Image copyright Eric Lafforgue/Art in All of Us

Maaltu godhamuu qaba?

Dr. Massaleen akka jedhanitti, qabeenya baayoo daayivarsiitii Itoophiyaa oolchuudhaaf imaammataan kallattiin xiyyeeffannoo taa'uu qaba. Dhaabbileen biqiltoota, lubbu qabeeyyii, qabeenya bishaaniifi kanneen biroo qabeenya uumamaa warra buylchan murtee dabarsuu isaaniitiin dura quba walqabaachuu qabu.

"Qabeenya baayoo daayivarsiitii OItoophiyaa kan eegu Dhaabbaticha qofaa miti, hawwaasa mara dabalata. Dhiibbaa jijjiirama haala qillensaa dadamachuu kan dandeenyu yoo qabeenya baayoo daayivarsiitii eeggannedha," jedhan Daaarekteerichi.

Sanyiiwwan dhukkuba dandamachuu danda'an, omisha gaarii kennaniifi goginsa dandamachuu danda'an baankii sanyii Dhaabbata Baayii Daayivarsiitii keessaa fudhachuu akka danda'amu ibsu.

Kaakuuwwwan nyaataa qarooma waliin dhufan jedhaman dhukkuboota akka kaansarii, sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa, akkasumas dhukkuboota biroo dadarboo hin taaneef waan saaxilaniif nyaatawwan uumamaa ta'an fayyadamuus ni gorsu.

Hir'ina nyaataa baayyinni uummataa uume furuudhaaf ammoo 'Agirooforesterii' mala jedhamu akka filannootti kaa'u. Malli kun mala qabeenya bosonaafi muduraa ittiin walfaana omishanidha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata