Dubartii osoo hin baratiin wal'aansa baqaqsanii hodhuu gaggeessan

Maammituu Gaashe

Maammituun umuri 14'tti heerumte. Namni ishee fuudhes tilmaamaan waggaa 25 ni taha.

Kaayyoon ishees bultii ijaarrattee, dhala godhattee ijoollee guddisuu ture.

Jaarsi ishees isheef yaada, yeroo hundaa ishee gargaaruuf olii gadi jedha. Waggoota lama boodas ulfoofte. Kaayyoo ishee waan turef maatiin ni gammade.

Waan mucaaf ta'us qoqophaa'e. Garuu, hunduu akka isheen eegde hin taane.

Ciniinsuu guyyaa 4

Ciniinsuun cimnaan firri walitti yaa'ee 'Yaa Maarami hiiki' jedhani kadhatanis mucaan dhalachuu hin dandeenye.

Guyyaa tokko lama jedhe guyyoonni afur lakkaa'aman. Kadhaa, yaaddoo, dhiphina malee mucaan dhalachuu dhabe.

Ilkaan cininnattee guyyaa afur cininfachuu ishee kan yaadattu Maammituun guyyaa afraffaatti of wallaalte.

Gaafa dammaqxu firri marseera. Waan tahe baruuf fira gaachuun dirqama ture. 'Mucaan koo eessa jira?' jechuun sagalee dadhabeen gaafattus mucaan garaa keessatti waan du'ef ogeessi baasuu itti himani.

Bo'uuf humni hin jiru. Gaddi ishee cabse. Boodarra garuu rakkoo biraa of irratti agarte.

Fincaaniifi bobaa ishee to'achuu hin dandeenye.

Itti wayyaa'a jedhani haatiifi obboloonni ishee eeganis hin taane. Dhiqaa kununsaniis jijjiiramni hin jiru.

Anis jijjiiramni ni dhufa jedhe eegaa ture kan jettu Maammituun fooyya'u dhabnaan abdii kutte. Of ajjeesuufis akka barbaaaddee turte dubbatti.

''Namoonni yeroo dahan wanti akkanaa isaan hin mudatu. Kuni akkamin anarratti mudachuu danda'e?'' jechuun of gaafattee gaddite.

Maammituun ofitti qaanoftee turte. Obbolaafi maatiin dhiqanis qulqullaa'uu dhabde. Kuni ishee yaaddesse. Of jibbite. Nyaataafi dhugaatii dhaabuun qaba jettee yaadde.

Boodarra wayyaa'uufi dhabnaan magaalaa Dassee si geessina ittiin jedhan. Namni waa'ee dhukkuba ishee beeku hin jiru.

Yeroos maatii ishee gara obboleettii kiyya Finfinnee na geessaa jettee gaafatte.

Booda oduu keessa wal'aansi Finfinnee akka jiru kan dhagahan. Finfinnee immoo obboleettii ishiifi haati kiristinnaa ishii jiraatu. Firriis ishii gargaare.

Finfinnee

Haati kiristinnaa obboleettii ishee hospitaala Zoodituu hojjetu. Achis dhaqxe. Qoricha itti dhibee ishee irraa bayyanattu fudhachaa guyyoota 15'f turte.

Boodarra haati kiristinnaa obboleettii ishee yeroos hospitaala Li'iilta Tsahaay jedhamutti ishii geessan.

Hospitaalichatti immoo Dr Kaatiriin Hamiliiniifi abbaa warraan isaanii Dr Reej Hamliin dhukkubsattoota Festullaaf wal'aansa baqaqsanii hodhuu kennu.

Hospitaala erga gahani booda kunuunsi isheef taasifame qofti dhukkubashee akka dagattu akka taasise yaadatti.

Hospitaala yeroo geessu dubartoonni kudhan tahan akka turaniifi akkumashee dhukkubsatani wal'aanamaa akka jiran yeroo itti himamu of jajjabeessite.

Boodarra wal'aansa argattee itti wayyaa'e.

''Ani du'an hawwe Waaqayyoon garuu umurii dheeraa naaf kenne,'' kan jettu Maammituun kanneen dhukkubsatani wal'aanamani fayyan yeroo qe'ee isaanitti deebi'an dhukkubsattoonni kaan dhufu dubbatti.

Maammituun yeroo itti wayyaa'u kunuunsa isheef taasifamaa ture kaanif qooduu eegalte.

''Siree dhukkubsattoota kaanii afunin eegale,'' kan jettu Maammituun erga fayyite booda gara qe'ee dhalatteetti deebi'u hin feene. Namoota dhukkubsatan gargaaruu feete.

Abbaan warraa ishee waggoota lamaaf hospitaala yeroo turtetti deddeebi'e gaafatus isheen achuma akka turtuufi jireenya ofii akka qajeelfatu itti himte.

Imala wal'aansa baqaqsanii hodhuu

Kanaan dura dhukkubsattoota gargaaraa kan turte hiriyaan ishee boqonnaaf yeroo deemtu ishee bakka buutee hojjechuu eegalte. Ittiis gammadde.

Hiriyaan ishee yeroo deebitu garuu isheen gara kutaa bayyanattuutti deebite. Yeroo kana Dr Reej Haamlin, ''eessa deemte?'' jechuun akka ishee fidan yaadatti.

Dr Reej Haamiliin wal'aansa baqaqsanii hodhuu yeroo taasisan akka ilaaltu taasisu turan.

Uffata yeroo wal'aansa godhan uffattee jala deemaa ogummaa isaanii akka bartuufi wal'aansa baqaqsanii hodhuu akka hojjettu carraa kennuuf turan.

''Wal'aansa baqaqsanii hodhuu xumuran akka goolabdu akkasumas bakka isaan jiranitti wal'aansa salphaa akka godhu na taasisu ture,'' jetti.

Hospitaalli festullaa haaraa ijaarame bakkas yeroo imalanis hojii kana itti fufte. Hojiikoo baay'een jaaladha jetti.

Magaalaa kan hin beekne, qoricha walii isaa kan hin beekne Maammituun dhukkubsattoota Fistullaaf wal'aansa baqaqsanii hodhuu milkaa'e taasisaa jiru.

''Wal'aansaa taasisuu kanin gahe isaaniin gargaarameeni. Afaan Ingiliziis isaanirraan bare. Afaan Amaaraa barreessuufi dubbisuu asumatti bare.''

Maammituun barattoota fayyaa gara hospitaalichaa dhufanis ni gargaaru.

Beekkamtii

Dilbata tokko ogeessonni wal'aansa baqaqsanii hodhuu Kolleejji Royaal irraa dhufan ishee argatan. Yeroos Aadde Hamliin fa'i hin turre. Gaafas immoo wal'aansa kennaa kan turte Maammituudha.

Wal'aansa kana gargaarsa Dr Reej Hamliinin yeroo lammata hojjettu arganii ajaa'ibaman. Ergasii beekkamtii kennanif.

Hojii ishee kanaan Dr Hamliinis akka itti boonan kan dubbatti Maammituun. ''Anis hojii kootti boone,'' jetti.

Hanga yoonaa, namoota meeqaaf wal'aansa akka kennite hin beektu.

Haa ta'u malee, dhukkubsattoota hedduu wal'aanuu ishee yaadatti. Ameerikaatti imalte lammiilee Itoophiyaa irraas beekkamtii argatteetti.

Hospitaala Maammituun itti hojjettu adda kan godhu hojjettoonni hedduu festullaa dhukkubsatani kan turaniifi wal'aanamani kan fayyanidha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata