Walabummaa ganna 28 Eertiraa, eessaa garam?

Hawwan Eertiraa Image copyright Getty Images

Uummanni Eertiraa sirna gita bittaa moototaafi kan abbaa irree waliin waggoota 30'f wal'aansoo qabaa ture. Lubbuu kumaatamaan lakkaa'aman itti wareeganii bilisummaa qawweefi filannoon argatan waggaa 28ffaa tibba kana kabajataa jiru.

Biyyattiin erga kolonii Italii fi Ingiliiz jalaa baateen booda ergama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin A.L.I bara 1946 federeeshinii Itoophiyaa jalatti akka bultu ta'e.

Mootiin Itoophiyaa yeroosi Hayilasillaaseen federeeshinicha waan hin feeneef hayyama Eertiraanotaa malee jigsee of jalatti bulchuu eegale.

Federeeshinichi diigamuun kan isaan mufachiise Eertiraanoti Fulbaana bara 1961 qabsoo hidhannootti seenan.

Qabsoon hidhannoo qabsaa'ota muraasaan eegalamee suuta suutaan yeroo guddachaa deemutti, addaan qoqqoodamuu mudate.

Gareen Isaayyaas Afawarqiin durfamu garee 'Tehaahe' jedhamu irraa foxxoquun bara 1970'tti adda bahee 'Hizbaawii Hayilataat' ykn 'Shaabiyaa' garee jedhu hundeesse.

Bara torbaatamoota keessa gareen kun humna namaafi muuxannoon guddachuun magaalota Eertiraa haarka caalan bilisa baasee ture.

Haata'u malee, bara 1978 Dargiin mootummaa Siyaadi Baarree erga moa'teen booda waraana humna guddaa qabu bobbaasuun magaalawwan garee kanaan qabamee ture deebisee to'ate.

Loltoota garee kanaas gara gammoojjii Saahiliifi Baarkaatti isaan deebise. Irra deddeebi'uun haleellaa gurguddaa raawwatus garee kana dhabamsiisuu garuu hin dandeenye.

Bara 1980 Shaabiyaan mootummaa Dargii fi hawaasa addunyaatiif uummanni Eertiraa karaa seera qabeessa ta'een rifarandamiidhaan hiree ofii akka murteeffatu waamicha dhiyeessus dhageettii hin arganne.

Caamsaa bara 1991 waraanni Dargii injifatamee Wayyaaneen Finfinnee yoo galu, Shaabiyaan ammoo Asmaraa to'atee mootummaa ce'umsaa hundeesse.

Mootummaan Eertiraa bilisummaa afaan qawweetiin argate seera qabeessa taasisuu waan barbaadeef riifarandamii gaggeesse.

Riifarandamii taasifameen sagalee deggarsaa %98.9tiin bara 1993 biyya ofii hundeeffachuun hawaasa addunyaatti makame.

'Borumtaa walabummaa'

Qabsoo hadhaawaa waggota 30'f ture booda uummanni Eertiraa injifannoo argatetti gammaduun sirna heera mootummaan deggarame hundeeffatee fuula misoomatti deebifate.

Lammileen Eertiraa biyya alaa jiraatanis biyya isaanii misoomsuu keessatti hirmaachuuf qabeenyaafi muuxannoo qaban waliin gara biyyaatti deebi'uu jalqaban.

Haa ta'u malee seerawwan mootummaan yeroo biyyattii diriirseefi haala bulchiinsaa irratti lammileen komii kaasuu eegalan.

Gariin 'akkas ta'a jennee hin eegne' jechuun gara dhufanitti yoo deebi'an, wanti akkasii waanuma yeroo ce'umsaa keessa mudatudha jechuun abdiidhaan walabummaa argame dhandhamachuu kan itti fufanis jiru.

Guyyaan walabummaa biyyattiis waggaa waggaan abdii kanaan kabajamuu eegale.

Image copyright AFP

Yeroo sanatti dhaaba aangoo mootummaa Itoophiyaa qabate waliin hariiroon gaariin waan tureef, uummanni Eertiraa abdiidhumaan biyyoota lamaan gidduu akka fedhetti socho'uudhaan daldalachaa ture.

Haata'u malee, yeroo gabaabaa keessatti mootummaan Eertiraa karaa daangaa Muusaa Alii Jabutii waliin, Odoloota Hanish irratti ammoo Yaman waliin akkasumas garaa garummaa siyaasaatiin ammoo Sudaan waliin waraana jalqabe.

Biyya isaanii waraanaan mancaatee turte ni ijaarra abdii jedhuun dargaggoonni tajaajila biyyaalessaa ji'oota 18'f galmaa'anii turan waranaa kana irratti wareegamaniiru. Kun uummata Eertiraa hedduu kan rifachiise ture.

Bara 1994 kora sabaa kan gaggeeffate Shaabiyaan Shangoo biyyaalessaa ijaaree Komishinii heera mootummaa wixineessa jedhame hundeesse.

Uummannis paartileen siyaasaa dorgomanii aangoo qabachuudhaan sirni diimokiraatawaa ni ijaarama abdii jedhu horatan.

Bara 1998 ammoo yeroo qabsoo hidhannootti michoota kan turan Wayyaanee fi Shaabiyaan sababii daangaatiin waraana waggoota lamaaf ture gaggeessaniiru.

Waraanichi gama lamaaniinuu lubbuu dargaggoota kuma dhibbaan lakkaa'amani galaafachuurra darbee egeree biyyoota lamaanii waan dukkaneessa ta'e.

Pirezidaant Isaayyaas Afawarqii waraanni ture sun misooma uummata Eertiraa gufachiisuudhaaf ta'e jedhamee Ameerikaadhaan shira xaxamedha jechuun dubbatu.

Waliigaltee biyyootni lamaan Aljersitti Mudde bara 2000 mallatteessaniin booda waraanni dhaabbatulleen nagaan biyyoota lamaanii guutummaatti bakkatti hin deebine.

Aanga'oota achi buuteen isaanii dhabame

Hayyoonni 'Gujillee 13' jedhamanii beekaman Jarman magaalaa Barliinitti walitti qabamuun carraan biyyattii gara fuula duraa maal ta'uu akka qabu yaada isaanii xalayaadhaan pirezidant Isaayyaasiif erganii turan. Ta'us garuu firii hin godhatiin hafe.

Xiqqoo turees 'G15' jedhamuun kan beekaman aanga'oonni mootummaa, qondaaltonni waraanaafi janaraalonni kan keessatti argaman qabsaa'onni buleeyyiin, dhimma biyyattiirratti akka mari'ataniif pirezidaant Isaayyaas akka walga'iif isaan waaman gaafatani ture.

'Dogogoraa jirtu' jechuudhaan uummataafi qabsaa'ota kanaafis xalayaan deebii barreeffameef.

Kana waliin wal-qabatees garee kanaafi pirezidaanticha gidduutti wal-dhabdeen uumame cimaa dhufee gareen jiijiirama barbaadu humna horachaa yaada isaaniis gaazexoota dhuunfaa irratti ibsuu itti fufan.

Fulbaana bara 2001 garuu miseensonni garee kanaa hidhamanii, gaazexoonni garee kana deggaranis cufaman.

Aanga'oonni mootummaafi qondaalonni waraanaa kunneen yakka biyya ganuudhaan himatamanii mana murtii walabaatti osoo hin dhiyaatiin, mirgi isaanii osoo hin kabajamiin hanga har'aa eessa akka jiran hin beekamu.

Yeroo gara garaatti eegdota dhuunfaa aanga'oota kanneeni kan turaniifi baqatanii kan biyyaa bahan akka jedhanitti, baay'een isaanii dhukkubaafi qilleensa dhabuudhaan du'aniiru.

Mootummaan Eertiraa garuu hanga dhiyeenya kanaatti deebii osoo hin kenniin tureera.

Waggaa dhiyoo as garuu Ministirri Dhimma Alaa Eertiraa Osmaan Saahilee miidiyaa Firaansi tokko waliin gaaffiifi deebii taasisaniin "hundumtuu lubbuudhaan jiru, fayyaan isaaniis haala gaariirra jira" jechuun deebii kennanii turan.

Jiruu baqaa dargaggoota Eertiraa

Bara 2002 himannaa Eertiraan Al-Shabaabiin deeggarti jedhuun akka meeshaa waranaa bitachuu hin dandeenye uggurri irra kaa'ame.

Siyaasni bara 2001 turee fi waliigaltee Aljers fudhachuu diduun Wayyaanee jireenya lammilee Eertiraa hadhaawaa taasiseera.

Sababa nagaan guutummaatti Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti hin deebineef, maqaa walabummaa biyyaa kabachiisuu jedhuun dargaggooonni hedduun dirqiin gara dirree waraanaatti guuramuun itti fufe.

Image copyright Getty Images

Tajaajilli waraanaa biyyaalessaa dirqii kun da'oo keessati hidhamuufi bulchiinsi gaarii dhibuun itti dabalamee akka dargaggoonni Eertiraa gara miilli isaanii isaan geessetti baqatan isaan dirqeera.

Imala baqannaa keessattis dheebuufi gammoojjii Sahaaraa, akkasumas shiftoota Sana'aafi dambalii galaanaatiin kan dhuman, bakka buuteen isaanii kan hin beekamne hedduudha.

Namoonni baqatan baay'achaa dhufuufi sagaleen warra miidhamanii hedduu dabalaa waan dhufeef Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii sarbama mirgoota namoomaa Eertiraa keessatti raawwatame jedhamu akka qoratuuf garee tokko hundeesse.

Haata'u malee, gareen hundeeffame kun Eertiraa seenee akka hin qoranneef biyyattiin waan hayyama dhoowwatteef komishiniin miseensota sadii qabu hundeeffame.

Komishiniin kunis qorannoo waggaa lamaan booda Eertiraa keessatti sarbamuun mirgoota namaa hedduun akka raawwatamu bira ga'eera jedhe.

Yakka kana kan raawwatanis aanga'oota mootummaa waan ta'aniif mana murtiitti dhiyaatanii akka gaafatamuu qaban ibsee ture Komishinichi.

Mootummaa Eertiraa garuu shira mootummaa dadhabsiisuudhaaf taasifamedha jechuun murtee sana haaleera.

Dhufaatii Abiy Ahimad

Kun osoo kanaan jiruu bara darbe baatii Eebla keessa Ministira Muummee Itoophiyaa ta'uudhaan kan filataman Abiy Ahmad waliigaltee Aljers fi murtee komishinii daangaa haal-duree tokko malee akka fudhatan himan.

Mootummaan isaanii Eertiraa waliin nagaa buusuu akka barbaadus dubbatan.

Pirezidant Isaayyaas ammoo kabaja guyyaa wareegamtootaa Waxabajji 20 yeroo kabajanitti "Wayyaanee Game Over" jechuudhaan jila gara Itoophiyaatti akka ergan ibsan.

Boodas hoggantoonni lamaanuu gara magaalaalee guddoo biyyoota lamaniitti yeroo imalan simannaan ho'aan taasifameeraaf.

Image copyright AFP

Waliigaltee mallattessuudhaan daangaan biyyoota lamaanii akka banamus taasisan. Hariiroon daldalaa yeroo jalqabamus uummatichi abdii horate.

Haata'u malee, daandiiwwan biyyoota lamaan wal-qunnamsiisan afran ji'oota muraasa dura guutummaatti cufamaniiru.

Erga araarri bu'ee booda akkuma Abiy Ahimad Itoophiyaa keessatti taasisan, pirezidaant Isaayyaas warri sababa ilaalcha siyaasaan hidhaman akka hiikaman, lammileen Eertiraa ilaalcha siyaasaan gargar faagaatanis walitti dhiyaachuun akka hojjetan waamicha ni taasisu jedhame eegamee ture.

Lammileen biyyattii heerri mootummaa wixineeffame akka hojiirra ooluu, nagaafi dimokiraasiin akka hojiitti jijjiiramu eeganis wanti abdii namaaf kennu tokkoyyu hin mul'anne.

Hundaa ol garuu waliigalteen Itoophiyaa waliin taasisan tokko tokkoon akka isaanitti himamu lammileen biyyattii eeganii turan.

Dhimma biyya keenyaa maaliif karaa hoggantoota Itoophiyaa dhageenya komiin jedhu miidiyaalee hawwaasummaa gara garaa irratti ibsamaa tureera.

Guyyaa Walabummaa

Lammileen biyyattii hedduun bakka jiranitti ayyaana walabummaa biyyattii Caamsaa 24 sirnoota gara garaan kabaju.

Kanneen mootummaa morman garuu hanga pireezidant Isaayyasa mirga lammilee hin kabajnetti, hanga diimokiraasiin hin jirretti hiikaan walabummaa maali, ayyana kana kabajuun hoo faayidaa maalii qabaata jechuun gaafatu.

Ji'a darberraa kaasee ammoo lammileen Eertiraa magaalaalee biyyoota addunyaa gara garaa jiraatan 'Ni ga'a' jechuudhaan, Eertiraa keessatti heerri mootummaa akka jiraatuufi mootummaan ce'umsaa akka hundeeffamuu waamicha dhiyeessaa jiru.

Bara kana guyyaan walabummaa 28ffaa miira kanaan kabajamaa jira.

Guyyaa Walabummaa bara kanaa irratti pirezidaantichi haasawaa taasisaniin, waan uummataaf abdii kennu tokko akka dubbatan eegamaa jira.

Odeessa kana irratti dabalata