Lammii Itoophiyaa: ‘’Fiixee gaara (Evarast) irraa namoonni yeroo kufan argeera’’

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa 'Bara kana qofa namooti 20 gaara bahan lubbuun isaanii darbeera'

Lammiin Biriitish gaara Evarast bahee erga xumuree booda du'uunsaa, lakkoofsa namoota gaaricha irratti du'anii 10 akka tahu godheera. Namni ganna 44 Roobiin Haayins gaaricha bahee yoo deebi'u dhukkuba isa mudateenii lubbuunsaa kan darbe.

Siraak Siyyuum, kan lammummaa Itoophiyaa qabu Ebla 15/2011 gaara kana bahuu jalqabee ture.

Siraak akka jedhutti gaara ol-ka'insa meetira kuma saddeet qabu kanarratti rafuun hin danda'amu. Ol-ka'innisaa, qilleensiifi yaaddoon hirriba nu hin raffisu jedha.

Fiixee gaarichaarra gahuuf sa'atii 11 imala halkanii taasiseera. Haa tahu malee dhuma gaarichaa qaqqabuuf m400 yoo hafu otoo hin xumuriin deebi'eera.

Sababa isaa kan gaafanne Siraak ''ani kanin yaadu qeensi, qubniifi miilli ni cita jedheeni,'' jedha. Qorra nagatiiva digirii senti gireedii 40 isa ta'u qorricha hin dandeenye.

Qorrichi buusaa qaama namaa waan seenuuf daddabrsa dhiigaaf rakkisa. Kunis, qaama qorraaf saaxilame kutuu eegala.

Yaaddoo akkanaa haa qabaatu malee waan imala kana irratti dogoggores ni dubbata.

Nami imala kana hogganu koofiyyaan badii irraa nama eegu (helmetii) qorra waan galchuuf hin barbaachisu isa jedhee dhagahuu didee, boodarra garuu baasee deemuu dubbata.

Haatahu malee bishaan gahaa waan hin dhugneef, hir'inni bishaanii isa mudachuu akka isatti beekame dubbata. Nyaate, bishaan dhuge garuu qaamnisaa waan dadhabeef hogganaan imalichaa suuraa ka'anii akka deebi'an itti hime jennaan waliigalee deebi'uu himata.

Siraakiin maaltu isa mudate?

Kaampii keessa rafee otoo jiruu oksijiiniin afaan isaa irra kaa'amee jiru jala bu'ee akka ture, haa tahu malee miiltoonsaa lammii Kaanaadaa hirribaa kaasee akka kaawwatu isa gochuun lubbuusaa akka baraare dubbata.

''Namoonni oksijiinii fixan gara dahoo ollaa isaanii jiru deemuun ergisa gaafatu garuu namni isaaniiif kennu hin jiru,'' iddoo namni tokko of malee isa kaan gargaaruu hin dandeenye dha jedha.

Miidhaan guddaa otoo irra hin gahiin deebi'uus hima.

Maaltu lubbuu warra gaara yaabanii galaafata?

''Yeroon gaaricha bahu fiixee gaararraa namni yoo kufu argeera,'' jedha Siraak kan arge amanuun akka isa rakkisees dubbata.

Akka inni jedhutti namichi kufe kuni karaa Neepaal ol bahaa yoo tureyyuu kaninni kufe garuu karaa Chaayinaati. ''Reeffa isaa kasufillee kallattiin itti kufe yoo beekameyyuu qaama isaa argachuun garuu hin danda'amu'' Jedha. Barana lubbuun namoota gaara bahanii baayyee darbuu dubbata.

Namni miseensa gareesaa tahe tokkos erga tullicha yaabee xumureen booda miila isaarra miidhamee helikooptaraan fudhatamuu ibsa.

Lammiiwwan Hindii lama isa faana gaara yaabanii deebi'an keessaa tokko, dahoo naannosaa jirutti ganama du'e argamuusaa dubbata.

Namni gaaricha bahee deebi'e biraan, ganama dahoon isaa yoo ilaalamu iddoosaatti hin argamne jedha.

Sababiin kana hundaa humna ofii osoo hin beekiin takkaa kaffaleera jechuun deemuun, oksijiniin dhumuufi namni baay'achuu dha jedha.

Keesumaa warreen gaara yaaban akka goondaa sarara qabatanii waan deemaniif isaaniin darbuun rakkisaafi humna fixa.

Image copyright SIRAK SEYOUM
Goodayyaa suuraa Siraak Siyyuum

Yeroo kanatti akka malee darbuuf yoo tattaafatan yookiin iddoodhuma jiranitti lubbuun isaanii darba.'' Yeroo tokko tokko namoota dadhaban ykn du'an funyoodhaan harkisanii buusu. Dubartiin tokkos akkanatti raajiin lubbuun hafuu dubbata.

Hogganaan imala kanaa nama Paakistaaniin tokko 'bahuu hin dandeessu' deebi'uu qabda jennaan, qarshii kaffaleera bahuun qaba jedhee yaabbatee fiixee irra yeroo gahu kufeera.

Hogganaan imalichaa isa gargaaruuf jechaa qubnisaa akka kutamefi kana booda hojjachuu akka hin dandeenye Siraak BBCtti himeera.

Siraak bara dhuftu gaaricha bahuuf yaada akka qabu nutti himeera.

Gaara Evarast otoo bahanii namoonni du'an baayyachuurraan, hayyamni warra gaara kana bahaniif kennamu haa daangeffamu namoonni jedhan dhufaa jiru.

Bara darbe wajjin birqabaan namooti gaaricha bahan dabaleera.Namooti imala isaanii xumuranis 807tti gaheera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata