"Dubartiin miidhaa saalaa irra gahu keessaa bahuuf waggaa 10 itti fudhata"

Aadee Zahaaraa Laggasa gorsituu qor-qalbii fi hojjattu hawaasummaati

Shamarre Ruuti (kan maatiif jecha maqaanshee geedarame) reefu sivil injinariingiin eebbifamusheeti. Bakka jiraattu Fiinfinneetti hojii wayi argatteeti. Guyyaa tokkoos taaksii ittiin deemaa turte keessatti dagaggeessa tokkoon wal barte. Gurbichis haasaa egaluun gara lakkoofsa bilbilaa wal geeddaruutti ce'an.

Isaan boodas walitti dhufeenyi isaanii gara jaalalummaatti geedaramuuf yeroo itti hinfudhanne. Garuu bara darbee baatii Fulbaana keessa jaalalleenshee Ruutiin ajjeesse.

Innis dargaggoo Kadir jedhama. Jecha pooliisiif kenneen ajjeesuuf itti yaade akka hinraawwatiin himuun mormeera.

Halkan Ruuti itti ajjeeseettis mana isheen kireeffattee jiraattu gara mana isaatti kan geessee ganama xabala waliin deemna jechuun ture. Ruuti garuu dubbiin itti hintollee ture. Waliin rafaa osoo jiranuus bohaa turte. Akka inni jedhuuttis halkan walakkaa keessa aarte. Isaan boodas haala sukkanneessaan ajjeesse.

Kadiri wayita poolisiin to'annaa jala olcheetti mana jireenyaa isaa keessatti dubartii biraa waliin jireenya gammaachurra ture.

Akka gabaasa komishinii poolisii Magaalaa Finfinneetti, baatii Adoolessaa hanga baatii Bitooteessa bara kanaatti jechuunis baatiiwwan sagala darban keessatti dubartoonni 13 lubbusaanii dhabaniiru.

Akka oggeettiin gorsa qor-qalbii fi hojjattuun hawaasummaa Zahaaraa Laggasaa jettuutti miidhaan kan saalaa ykn kan qaamaa qofa miti.

Miidhaan dubartootarra gahaa jiru gosa shan qaba: Miidhaa qor-qalbii, kan qaamaa, xin-sammuu, saalaa fi diinagdee kan hammatuudha.

Gadi qabatanii boo'uu

Miidhaan dubartoottarra gahu inni jalqabaa miidhaa qor -qalbiiti jetti.

''Ofiitti akka hinamannee, akka of shakkitu, akka sodaattu taasisa. Erga hirriyummaa eegalanii ykn bultii ijaarattani heerumanii booda dafee akka maatii ykn hiriyyoota isheen adda baatu taasisa. Qofaa ishee akka taatuu taasisa,'' jechuun dhiiroonni attamiin akka dubartoota qofaasaaniitti hafan akka taasisan dubbatu.

Dubartii tokkoof anatu siif jira jechuun, erga naaannoo fi hawaasa keessaa akka qoodamtu taasiseen booda qor-qalbiifi xin-sammuushee irratti miidhaa qaqqabsiisu jechuun himti.

Oggeettiin kun akka jettuutti, miidhaa qor-qalbiitiin alatti dinagdeen akka isa irratti hirkattu taasisa. Itti dabaluunis ''ijoollee kan qabdu yoo ta'e ammoo caalaa miidhaa baachuuf ni obsiti,'' jetti.

Gama biraatiin ammoo dubartiin tokko 'miidhameera' jechuun gara warrashee yoo dhaqxuutti 'deebi'ii' jedhamti. Ilaalcha dubartiin 'abbaa warraashee akkuma amalaatti dandeessee jiraachu qabdi' jedhu tokkotuu irratti fe'ama.

Biyya keenyatti amantaan jireenya hawaasaaa keessatti gahee olaanaa waan qabuuf gaa'eela hiikuun amantaadhaan 'cubbuudha' waan jedhamuuf gaa'iila hiikuuf ni sodaatu.

Aadde Zaahiraa akka jedhaniitti, dubartiin miidhaa irra gahee haala sana keessa bahuuf waggaa 10 itti fudhata. Kanaaf ammoo sababiiwwan hedduutu jira. Mormii qabeenyaa, kanfaltii mana barnootaa kan ijoollee, dhimma aadaafi amantaa fi kkfn yeroo tokkichaan haalicha keessaa akka hinbaane taasisa.

Tibba mormii mana murtiitti yeroo baayyee abbootiin warraa 'ijoollee hinkennu' waan jedhaniif dhimmoota baay'een waan sodaachisanii fi dubartoonni hedduunis qabeenyaa ofiisaaniin itti ajajan waan hinqabneef jecha manaa bahuuf ni rakkatu jetti.

''Dhimmi ishee sodaachisu kan jiru yoo ta'e deebiitee gara miidhaa sanatti galu dandeessi,'' jetti.

Dubartiin tokko hojii hojjattuun galii argattulleen baasii manaa hunda akka haguugdu waan taasisuuf, maallaqa baasii mana barnootaa, fi nyaataa irraa hafuuf hinqabaattu. Abbaan warraa garuu galii argatu maallaqa muraasa ni kaawwata jechuun himu oggeettiin kun.

''Ishee maallaqa waan hinqabaanneefuu miidhamaa isa waliin jiraachuf dirqamti,'' jetti.

Kan biraa ammoo dhimma dargaggoota jaalala ho'aarratti argamaniiti.

''Dargaggoonni yoo hirriyaa qabatan rakkinni mul'atu tokko adda qooduudha,' jedhu oggeettiin tun. Dargaggoonni akka jaalala ho'aa keessa jiran yoo itti dhagahame, barreeffamni isaanii jaalalleesaanii waliin barreessan osoo hinhafiin miidhaaf kan isaan saaxiluudha jechuun hubachiisu.

''Kutaa yoo seentu 'galeera' jechuun akka ergitu, mana yoo galtu galushee akka gabaaftu, hirriyootashee waliin yoo taatee eenyu waliin akka jirtu akka ibsituuf maqaa jaalalaatiin diriqisiifamti.

Hordoffiin maqaa jaalalaatiin taasifamu kunis walitti dhufeenya hawaasummaa keessaa ishee baasuun isa waliin qofa akka taatuu godha. Booda keessa yoo miidhaa irra gahu akka dahannoo dhabdu taasisaan,'' jedhu.

Dargaggoonni waa'ee amala jaalalleesaanii yoo gaafatamaniifi haalawwan jaalala ittiin ibsatu dubbatan, guyyaa haala meeqa akka ergaa waliif ergan akka ragaatti eeru. Kun garuu ibsa jaalalaa osoo hintaane hordoffiidha.

Dubartiin tokko nama hanga taaksiitti gaggeessee mana galushee ergaa erguuf akka qabdu kan itti dhagahamu yoo ta'e, kana gochuu yoo baattee sodaachisoo fi arrabsoon kan irra gahu yoo ta'e kun miidhaa waan ta'eef akka ofeegduuf gorfamti.

''Jaalataan amala hordoffii qabuu kan ofiisaatti hinamannee, fi nama ishees dafee to'achu barbaadudha,'' jechuun ibsiti oggeettiin kun.

Dhiiroonni miidhaa geessisaniis erga gochicha raawwatanii booda dhiifama gaafachuun beekama kan jedhan Aadde Zaahaaraan, kana kanan raawwadheef waanan si jaaladhuuf, hojiin natti baayyatee waanan cinqameef, kanan qabu si qofaadha, si malee jiraachu hindanda'u, jechuun dhiifama akka gaafatan ibsuun ''.

Miidhaanis qaama hir'suudhaa hanga lubbuu balleessuutti akka qaqqabu dubbatu.

Miidhaan magaalaa fi baadiyyaa, kan barateefi hinbaratiin irratti

Asinaaqachi Xilaahun shamarree waggaa 26ti. Kan dhalattee Ambootti yoo ta'u kan guddattee ammoo Bishooftuutti. Haatii ishee dhukkubsattu sammuu waan turaniif isheefi obboloota ishee sadii dhiisanii kan deeman ganaa osoo isaan ijoollee jiranu ture.

Kanaafuu jireenyi Asinaakach fa'iif baayyee cimaa ture. Waan ciniinanii oolan argachuuf mana namaarraa adeemaa turan.

Isheenis Bishooftuutti mana qonnaan bulaa tokkootti mindeeffamte. Ollaan warra itti qaxaramte garuu ishee faana bu'u eegale. Bakka hintaaneetti eeguunis sodaachisee gudeede. Osuma baayyee hinturiin akka garaatti baatte beekte.

Iccitiifi mucaa ishees garaatti qabachuun gara magaalaa dhufte. Magaalattis hojii guyyaa hojjachuun farsoo gurguraa mucaashee nagaan hikkatte.

Guyyaa tokkos namicha guyyaa guyyaan dhufee diqqii [atalaa] farsoo fudhatu tokkoon mucaashee adaraa jechuun bishaan warraabachuu deemte. Yoo deebituus mucaashee dhiigaan makamtee argatte. Asinaaqachis carraan isheefi kan mucaashee wal fakkaachunsaa sammushee naanneesse.

Biyyoota guddataniitti dubartoota afur keessaa tokko irratti miidhaan akka qaqqabu qorannoon ni mul'isa kan jedhan aaddee Zaahaaraan, gara biyya keenyaa yoo deebiinu ammoo, dubartoota lama keessaa tokko irratti miidhaan akka raawwatamu qorannoon mul'iseera jedhu.

Qorannoon gara biraa ammoo, dubartoota sadii keessaa tokko balaa miidhaatiif kan saaxilamteedha jedha. Kana jechuunis miseensa amantaa ykn gosa kamiyyuu taatuus balaaf kan saaxilamteedha jechuudha.

Oggeettiin qor-qalbii kun akka jedhaniitti dubartoonni baratan hanga tokko miidhaa irra qaqqabu ifatti dubbachuun seeratti dhiyeessuuf hamilee qabu.

''Tarkaanfiin miidhaa jalqabaa sodaachisoodha'' kan jettu aaddee Zaahaaraan, 'kan yoo kaaftee siin ajjeessa,' ykn 'mucaa kee siif hinkennu' kkf kanneen jedhan dubbachuun qor-qalbii ishee irratti miidhaa akka taasisan dubbatti.

Haalawwan kunneenis miidhaa saalaa fi qaamaatiif daandii saaqa kan jedhan oggeettiin kun, miidhaan dubartii heerumterratti raawwatamus akka of tuffattu akka taasisu ibsti.

''Ijaan ol jetti kan nama hin ilaalleefi sagaleeshii ol kaasuun kan hin dubbannee taati. Of eeguus ni dhiifti,'' jechuun attamiin miidhaan dubartoota irratti raawwatamu jijjirama amalaatiif gumaata akka qabaatu dubbatti.

Miidhaan 'addunyaan dhiirootaa' qabaatu

Ilmi dhiiraa yoo guddatu akka mirga isaa eegu, ofiisaa akka kabaju, tibba baachoottiis akka xabawwan humna isaa mul'isan irratti akka hirmaatuuf itti himamaa guddata. Gama biraatiin ammoo dubartoota kenntoota kunuunsaa taasisuun ofiisaanii danda'uun akka dhaabbatan osoo hintaane kan isaan deeggaru akka isaan barbaachisu akka yaadan taasifamanii guddatu.

Tibba dargaggummaattis miidhaa geessisuufi mo'atanii galuun akka kabajaatti waan ilaalamuuf isumaan guddachuun amaluma sana qabachuun guddatu.

'Kanan reebee waanan dhugee tureef' kanneen jedhan kan dhageenyuuf amallii miidhaa qaqabsiisu durumaan isa keessa waan tureef erga dhugaatii fudhateen booda baheeti malee dhugaatiin mataasaatiin akka miidhaa qaqabsiisan isaan taasisee miti,'' jedhu oggeettiin kun.

Gaa'ila keessatti miidhaan qaqqabuun dura amalawwan mul'atan yoo ibsan, aariifi lola dhiirootaa akka fakkeenyaatti kaasuu.

''Dhiirri yoo karra darbate banuufi cufuu, mi'a yoo cabsuu, yoo iyyuu isheen daa'ima ishee qabattee gara golaatti baqatti.

Dhimmichi gara miidhaatti yoo geedaramees jaarsatuu dhufa. Tibba jaarsumaattis miilashee jalattu kufuun dhiifama gaafata. Kunis erga miidhaan qaqqabeen booda waan raawwatamu yoo ta'u furmaata waaraa hinqabaatu,'' jetti oggeettiin kun.

Jaarsuummaan eegalu kan qabus wayituma mana keessatti waldhabdeen uumamu malee erga dubbiin badeen booda ta'u hinqabaatu jedhu.

Tibba jaarsummaattis namoota umuriin caalan, kan suusii hinqabne, fi kanneen haala jireenya isaaniitiin kaan birootiif fakkeenya ta'anitu haala maatii walitti bu'insii keessatti uumamee sana guyyaa tokkichaaf qofa osoo hintaanee ji'ootaaf hordofu akka qabaatan gorsu.

Kun ta'u dhabusaatini maatiin waldhabanii jaarsummaan haraaraman baatii muraasa booda irra deebiin walitti bu'u. Miidhaanis guddachuun gara ajjeechaa gahu mala, jechuun walitti bu'insii gaa'ila keessatti yoo umamuu attamiin ilaalamu akka qabaatu himti.

Deeggarsa maatii

Dubartoonni miidhaan irra gahuu waan sodaachifamaniifu haqa akka hinarganneef danqaa itti ta'a. Kanaafuu, dubartiin tokko dhimmashee seeraan yoo hordoftu jiddugalli nageenyi ishee eegamuun dhimma ishee hordofattu mijachuufii qabaata jetti oggeettiin tun.

Dubartiin miidhaa irra qaqqabe deeggarsa maatii ishee barbaachisa kan jettu oggeettiin tun, firoonnis gara mana miidhaa irra gaheetti akka deebiituuf dhiibuurra ishee deeggaru akka qaban hubachiisu jetti.

Dhiiroonni miidhaa geessisan baayyeenis alatti amala namoonni hinyaadne gaarii kan qaban waan ta'eefi mana keessatti gochicha raawwachusaanitiif namni hinyaadu ta'a. 'Abbaan manaa kiyya na miidha' yoo jettu kan amanu hinjiraatu.

Yeroo baayyees dhiiroonni haadha warraa isaanii miidhaa waan maatii dubartiittii haala kunuunsaniifu, maatiinshee deebisanii mana miidhaa qaqabsiisuuf abukaatoo ta'un dhaabatu. Kanaafu, tibba miidhaan ira ga'utti gara warrashee deemuu dadhabuun ishee akka qofummaan itti dhagahamu ishee taasisa.

''Amala isaa ni geeddara, ni fooyya'a' jechaa turuun hir'ina qaamaa fi lubbuu dhabuun qaqqabsiisuu waan danda'uf jalqabuma irraa kaasee tarkaanfii barbaachisu fudhachuun barbaachisaadha jetti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata