Jappaan keessatti namoonni albeedhaan ajjeefaman

Haleellaa Jappaan
Goodayyaa suuraa Haleellaa Jappaan

Jaappaan magaalaa Kawasaki keessatti namoonni sadii albeedhaan ajjeefaman. Namoota sadan ajjeefaman keessa daa'immanis jiru.

Ajjeechaan kun kan raawwate bakka maatiin daa'imman isaanii qabatanii konkolaataa mana barnootaa eegaa turanittidha.

Balaa Kanaan namoonni 18 madaa'aniiru, kanneen keessaa 16 daa'imman mana barnootaati.

Namni balaa kana qaqqabsiise mormarra of qalee erga poolisiidhaan qabamee booda du'eera.

Namni umurii waggaa 50 kun maaliif akka balaa kana qaqqabsiise wanti beekame hin jiru.

Konkolaachistoonni barattoota gara mana barnootaatti geessaa turan namni billaa baatee ture daa'imman haleelaa gara konkolaataa seenuu isaa dubbatan.

Konkolaataa keessattis barattoota hedduurraan miidhaa geessise jedhan.

Daawwannaaf Jaappaan kan jiran Pirezidantiin US Doonaaldi Tiraampi gadda itti dhagahame ibsataniiru.

Jaappaan biyyoota yakki suukanneessaan keessatti hin raawwanne keessaa yoo taatu dhiyeenya kana garuu itti heddummaataa dhufeera.

Bara 2001 keessa balaa walfakkaataadhaan barattoonni saddeet du'aniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata