Kabaji Caamsaan 20 bara kanaa maaliif qabbanaa'e?

Mallas Zeenaawwii yeroo eegdotaan marfamee masaraa mootummaa seenan Image copyright ALEXANDER JOE

Caamsaa 20 Oromoof injifannoodha jedhanii fudhachuun nama dhiba jedhu gaazexeessaafi dhimmoota siyaasaa irratti kan barreessanii fi dubbatan Obbo Dajanee Tasammaa.

Fulbaana 2 kan dargiin kabajaa tureefi, Caamsa 20 kan TPLF abbadha itti jedhu garaagarummaa hin qabu jedhu.

Injifannoon Fulbaana 2 mootummaan Dargii kabajaa ture gaaffii bu'uuraa uummata Oromoo kan ta'e 'lafa qonnaan bultootaaf' ykn 'Land to the tiller' jedhu deebise jedhan.

Akkasuma bu'aan injifannoo caamsaa 20'n dhufe jira haa ta'u malee bu'aan sun uummata Oromoo jiddugala godhatee osoo hin taane warra 'injifannoo keenya' jedhan akka tajaajiluuf yaadameeti jedhu.

Warraaqsi bara 1966 gaaffii diinagdee deebisee, caasaa sirna bulchiinsa 'baalabbaataa, ciqaashuumii' fi kkf diiguun gaaffii ofiin of bulchuuf bu'uura kaa'ee ture jedhu.

Afaan ofiin fayyadamuus yoo ta'e qubee saabaatiinis ta'u, barnoota bu'uraa ittiin kennuu eegalee ture jedhu.

Bu'uura kanarratti kan dhufe TPLF gaaffii sabaafi sab-lammootaa akka kaardiitti ittiin taphachuuf jedhee fidee dhufe jedhu. Sanaanis wantoota tokko tokko fooyyesseera jedhu.

ABO hirmaachisuun naannolee bifa amma jiraniin daangessuu, naannoleen afaan isaanii afaan hojii godhachuufi wantoota kana fakkaatan tolchuun akka bu'aa injifannoo kanaatti fudhatamuu danda'a jedhu.

Image copyright ALEXANDER JOE

Haa ta'u malee gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoo, qabeenya isaatti gargaaramuu, afaan isaatti sadarkaa biyyaatti fayyadamuu akkasumas gaafiin akka garaatti aadaa isaafi afaan isaa guddifachuu ammayyuu deebii hin arganne jedhu.

Kanaaf Oromoon Caamsaa 20 jajee, itti gaggabee lubbuu dhabuufi hin qabu, ammoo akka ormaa abaaruus hin qabu jedhu.

Sirna impaayerri Itoophiyaa armaan dura ittiin ijaaramte kan sabaafi sab-lammiif beekamtii hin laanne warri barbaadan, Caamsaan 20 guyyaa dukkanaati jedhanii yaadu kan jedhan obbo Dajaneen "Oromoon akka guyyaa dukkanaattis ilaaluu hin qabu" jedhu.

"Caamsaan 20 sirna abbaa irree tokkorraa gara sirna abbaa irree biraatti kan itti ceene ta'ullee, sirnuma abbaa irree kana keessa bu'aan arganne jira."

Caamsaan 20 akka 'foon kenniifi haaduu dhoowwadhuu' tokko nutti ta'e jedhu.

Foon sana qabannee haaduu ammoo itti qarachuun, bu'aa argame irratti dabalachaa adeemuu qabna malee "akka kuni bara dukkanaati kan jedhu sana Oromoon akkasitti ilaaluu hin qabu" jedhan.

Caamsaa 20 kabajamuu qaba

Caamsaan 20 guyaa kabajamuu malu akka ta'e kan deggeranis jiru.

Ameerikaa Kaabaatti Dura Ta'aan Waldaa Ummata Tigiraay Obbo Alulaa Solomoon wantonni bu'uura ta'aniifi irratti walii galuun barbaachisaa ta'an jiru jedhu.

"Kunis wal waraansi walgidduutti ture dhumatee ummanni Itoophiyaa gara nagaatti yeroo itti ce'edha, [Caamsaan 20]. Itoophiyaanis akka biyyaatti yeroo boqonnaa siyaasaa haaraatti ceetedha kan jedhu ummanni harki caalaan irratti waliigala jedheen amana."

Siyaasa Caamsaa 20 booda dhuferratti namoonni hunduu waliigaluu dhiisuu akka danda'an ni hubatama garuu jijjiiramni siyaasaa bu'uuraarraa ta'e biyyattii keessatti dhufeera jedhu.

"Gama siyaasaatiin heddumina kan keessummeessu uumamee, eenyummaan garaa garaa jiran fudhachuudhaan keessumsiisuu kan danda'u Heerri mootummaafi Sirni Federaalaa kan itti hundeeffamedha.

Kun akka dhufuufis haarsaa kaffalameef kabaja malu kennuu waan ta'eef namoonni harki caalaa irratti walii galu jedheen amana. Kanaaf, garaa garummaan siyaasaa akkuma jirutti ta'ee waan bu'uura ta'e kana qabachuudhaan kabajamuu qaba."

Caamsaa 20 kabajuun hin malu

Gama biraan ammoo Caamsaa 20 kabajuu hin qabnu kan jedhan jiru.

Nama siyaasaa kan ta'an Obbo Efireem Madeeboo namoonni bakka gara garaatti ballinaan Caamsaa 20 kan hin kabajneef waan hin fudhanneefidha jedhu.

Bara Dargii keessa Fulbaanni 2 guyyaa Sirni abbaa lafaa itti kufe kabajamaa akka ture yaadachuun, warri ABUT yeroo Caamsaa 20, 1983 biyya to'atan kan duraan ture hafee kan isaanii akka kabajamu taasisan jedhu.

"Erga isaan biyya galanii baroota 27 darban keessa karaa Itoophiyan deemte yeroon ilaalu, har'a Itoophiyaan yeroo adeemsa jijjiiramaa keessa jirtullee isaan kan yaadan Itoophiyaa gara boodaatti deebisuudha waan ta'eef, kaayyoo isaan dhaabbataniif yeroon ilaalu akka tilmaama Efireemitti Caamsaan 20 kabajamuu hin qabu jedheen amana."

Image copyright Francoise De Mulder

Caamsaa 20 walii lama

Caamsaan 20n bu'aa buuseen akka gaariitti kabajamuu malus, rakkoo guyyaa injifannnoo kaanaa booda uumamaniin kabajni guyyaa kanaaf malu akka qabbanaa'u ta'eera kan jedhanis hin dhiban.

Yunvarsiitii Mariilaanditti Qorataa Fayyaafi Rogeessa kan ta'an Dr. Redi'eet Taammiree, siyaasa Itoophiyaas ni hordofu. Caamsaa 20'n akkamitti ilaalama gaaffii jedhuu, guyyaan kun gaaffiiwwan eenymmaa sabaafi sablammootaaf beekamtii kennuun deebisuudhaaf tarkaanfiiwwan qabatamaa fudhachuun adeemsa itti jalqabanidha jedhu.

Akka hayyuun kun jedhanitti Caamsaa 20, 1983 dura sababa imaammata eenymmaa balleessuu (assimilation police) turerraan sabaafi sablammoonni hedduun baduuf ga'anii ture. Gaaffiiwwan akka ofiin of bulchuu, afaan ofiin hojjechuufi bvarachuufi gaaffileen biroon eenyummaa waliin walqabatan hin turre.

"Kanaaf, gaaffiin sabaafi sablammootaa ifatti beekamtii argatanii sana deebisuudhaaf tarkaanfiin fudhatamuun injifannoo guddaadha. Isa waliin walqabatee kan dhufe sirni federaalizimii heddumina sababaafi sablammootaa keessumeessu hanqinoota mataa isaa qabaatus innis akka injifannootti kan fudhatamuu danda'udha."

Sirna federaalizimii kana guutummaatti hojiirra oolchuun ammallee kan isa hafu ta'uu fakkeenya sabaafi sablammoota Kibbaa kaasuun kan ibsan Dr. redi'eet, Caamsaan 20 jijjiirama gama dinagdeetiin argamsiises akka qabu kaasu. Ta'us garuu hanga barbaadame jijjiiramni dinagdee bu'uurarraan jijjiirama caasaan hin dhufne jedhan.

Gama biraan ammoo Caamsaa 20 akka miira gaariin simachuudhaan akka hin kabajamne wantota taasisan ibsu Dr. Redi'eet.

"Sirni federaalizimii heddummina sabaafi sablammootaa diriifame kun namoota fedhiifi faayidaa dhuunfaadhaan hidhata qabaniin butame.

Saba tokkorraa jechuudhaaf nama rakkisa, garuu namoonni bakka tokkorraa ba'an faayidaadhaan walitti dhufan federaalizimii isa dhugaa hojiirra oolchuu caalaa gaggeessitoota [Ashaangulliitii] ta'an naannoo gara garaa kaawwatanii, caasaa saamichaa diriirfatanii biyya saamaa turan."

Akka Dr. Redi'eet jedhanitti dimokiraasiin dhibuun rakkoo kan biraadha. Gara jalqabaa adeemsi dimokiraasii mul'achuu eegalus, adeemsa keessa wantota sirna dimokiraasii tokko keessatti barbaachisa akka pireesii walabaafi ilaalchawwan siyaasaa gara garaa ukkamfamuu eegalan jedhan.

Qabxiin biraan kabaja Caamsaa 20 akka qabbanaa'u taasisan keessaa tokko tokkummaa qabnu caalaa garaa garummaa jiru irratti hojjetamaa turuudha jedhan Dr. Redi'eet.

Odeessa kana irratti dabalata