Ijpti Jihaadistii jechuun nama baay'ee barbaadaa turte qe'eetti deebiste

Hishaam al-Ashmaawiin ajjeechaa bara 2014 daangaa Ijipti irratti raawwateefi namoota 22 galaafaten maqaan isaa ka'a Image copyright Inpho
Goodayyaa suuraa Hishaam al-Ashmaawiin ajjeechaa bara 2014 daangaa Ijipti irratti raawwateefi namoota 22 galaafaten maqaan isaa ka'a

Namoota Jihaadistoota jechuun mootummaan Ijipti barbaadaa ture keessaa tokko biyyattiitti deebifame. Kunis kan ta'e erga qondaalli waraanaa cimaan kan Liibiyaa Kaliifaa Haftaar dabarsanii kennanii booda.

Hishaam al-Ashmaawiin qondaala duraanii humna addaa Ijipti ture. Haleellaa garaa garaa raawwateera jedhamees barbaadamaa ture.

Kanneen keessaa poolisii Ijipti irratti haleellaa waggaa lama dura raawwateefi bara 2014 eegdota daangaa irratti raawwaten ni eeramu.

Hishaam al-Ashmaawiin ajjeechaa bara 2014 daangaa Ijipti irratti raawwateefi namoota 22 galaafateef maqaan isaa ni ka'a.

Manneen murtii Ijipti bakka hin jirretti murtee du'aa irratti dabarsaniiru.

Haa ta'u malee, xumura bara darbee Liibiyaatti hidhame.

Hishaam qondaalli basaasaa Ijipti Libiyaa dhaquun Janaraal Haftaar erga dubbisani booda Ijiptitti dabarfamee kennamuu danda'e.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata