Marsabit, Keenyaa: Walitti bu'iinsi hawaasa Booranaa fi Gabraa maaliif furmaata dhabe?

Ollaa Gabraan keessa qubatu - Ollaa Orondheer, Saakuu, Marsabit
Goodayyaa suuraa Ollaa Orondheer, Saakuu, Marsabit

Walitti bu'iinsi hawaasa Booranaa fi Gabraa ka jalqabe barootaan dura akka tahe jaarroleen Ardaa Marsabit ni dubbatu.

Takka dhaabachaa, takkammoo ittuma ho'aa har'a gaheera. Hawaasni lamaanuu badii kanaaf quba kan walitti qaban yoo ta'u, ji'a Caamsaa kana keessa qofa yoo xiqqaate lubbuun namoota 16 darbeera.


Kutaalee bulchiinsaa (Kaawuntii) Keeniyaan qabdu 47 keessaa tokko ka taate Kaawuntiin Marsabit, Keeniyaatti ummanni Booranaa lakkoofsaan guddoo keessa qubata.

Kutaa bulchiinsaa kanas Gosa Booranaa dabalatee gosoonni 14 ol kanneen akka Gabraa, Burjii, Reendilee, Turkaanaa, Saamburuu fi kanneen biroos keessa qubatu.

Hawaasni Marsabit hedduun horsiisee bultoota yogguu tahan, gariin lafa qotu, kanneen daangaa Itoophiyaarra jiran ammoo daldalaan (biashara) jiruu gaggeessu.

Gosoonni Marsabit keessaa dabree dabree wal dhabanis, kan Booranaa fi Gabraa garuu adda.


Saakuu, Ollaa Orondeer keessa ka jiraatan haati Waatoo Dheengee jedhaman, halkan osoo hin ciisiin bari'a jechuun nutti himan.

'Lafa sodaanna hinbullu. Halkan garii baqannee ala bulla. Waraana baqanna. Lafa tana godaanee numatu qara irratti qubate.

Lafa tanarratti Booranaan waldhibuutti jirra. Arma hinciiftan jedhani, nullee gara yaanu hinqabnu. Akkanaa olkiin (waraanni) harkaa nu qabdi,'' jechuun gadda guddaan sodaa qaban nuti himan.

Akkasumas dargaggoonni BBCn magaalaa Marsabit keessatti dubbise tokko tokkos sodaa nageenyaa garmalee akka qaban dubbataniiru.

Quba walitti qabuu

Odeessa kana hojjechuuf wayita jalqabnettillee, jaarsolii hawaasa lamaan keessa jiran walbira teessisnee mariisisuuf yaadni dhiyeessine, jiraattotaan fudhatama hin arganne.

Goodayyaa suuraa Lafti Kaawuntii Marsabit irra caalaan lafa gammoojjiiti

Abba Abduub Huqqaa, achuma Marsabit Ardaa Badhaasaa keessa jiraatu. Waa'ee sodaa nageenyaa gama hawaasa Booranaatiin jiru akkasiin dubbatu. 'Nagaa dhabuun Booranaa-Gabraa gidduu fagoo jalqabate,'' jedhu.

Haatahu malee, yeroo dheeraaf ammoo walitti bu'insi gosoota lamaan gidduu mudachaa ture dhaabbatee, marra-bisaanillee waliin sooratee, eelaafi hara waliin dhugee jiraataa ture kan jedhan Abba Abduub, 'Bara 2017 keessa lafa gosee [iddoo eegumsa re'ee] keessa namoota Booranaa afur rasaasaan ciran''.

Akka Abduub jedhanitti, ''Booranni haaloo osoo hin bahin dhiisee bakka jirutti, irra deebiin nama keenya ijjeessan,'' jedhu.

'Nama soome (barate) kanatu dhibaan dhufuu jira'

''Gosti cufti seemuu (kutaa/daangaa kan marra-bisaan ittiin sooratan) ofii qaba,'' kan jedhan Abduub, gaafa nagaan jiru walkeessa hulluuqee waliin soorata, gaafa nageenni hinjirre ammoo namuu bakka ofii irraa dheedu qaba.

''Warri Ollaa Orondheer qubate bakka cabsee dhufee, seemuu keenya qubate,'' jechuun waraanni akkasiin jalqabuu dubbatu.

Akka yaada isaanitti sababni rakkoon kun akkasiin hammaatteef warra baratedha jedhu. ''Akka yaada keenna ka warra tika-obaa (warra hinbaratin), nama soome kanatu dhibaan dhufuutti jira. Kunis gos tiyya jedhee, inni kaanis gosa tiyya jedhee, nam kiyya jedhee, lafa tiyya jedhee- tanaaf waraanni cituu dide.''

'Waraanni siyaasaan dhufee cituu dide'

Jaarsa Gabraa ka tahan Guyyee Ungaayyeenis waraanni Booranaa fi Gabraa gidduu kan jalqabe ganna hedduun dura jedhu.

'Duri Reendila, Booranaa fi Gabri marra-bisaan irratti akka takkaa waldhibu turan,'' kan jedhan Abba Guyyee amma garuu kun jijjiirameera jedhu.

Goodayyaa suuraa Dira (Magaalaa) Marsabit

'Bungee [paarlaamaa] sadeessoo as, waan taate hinbeeknu Gabra hadhuu eegalan. Horii jalaa fudhachuu fi mana gubu. Kanaanis Gabri fuula takkaatti deebite. Akkasin waraanni yayyabame,'' jedhu.

Abba Guyyeen waraana hawaasa kana lamaan gidduu namoota siyaasa keessa jirantu akka malee hammeessa jedhu.

''Waraana kana siyaasaan seente. An kuraa [yeroo filannoo sagalee] barbaada, lafa isaanii fuudha. Nama isan duraa kaasaa. Waraanni kanaan dhufee cituu dide.''

Furmaata

Jaarsa Booranaa ka tahan Abduub Huqqaa waraana kana keessaa haalli itti bahuu danda'an namoota baadiyyaa keessan jiran hirmaachisuun akka tahe dubbatu.

''Marroo cufa kora nagaa ni dubbatu, gaaddisa nagaallee tolchan. Kan walhaadhuufi kan du'uutti jiru nama horii waliin godaanudha,'' jedhu Abduub.

Haatahu malee, kanneen kora (walgahii) taa'an ammoo kanneen biraati jedhu. ''Jaarrolee diraatu kora kana taa'u. Kanaaf akki keessaa bahuu danda'an jaarrolee baadiyyaa warra horii tissu walitti fuudhanii, kora tolchuu malan. Tanaan keessaa ba'uu malan. Warri diraa yeroo kora taa'an cufa beessee nyaatu.''

Gama kaaniin ammoo 'Warri kiongozi [bulchitoonni] wal waamee osoo irratti dubbatee obbaafatee, waraanni kaan oggasuu dhaabbata,'' kan jedhan ammo Abba Guyyee Ungaayyeeti.

Abba Guyyeen dabalanii qondaalonni mootummaa Ardaa Marsabit sadarkaa garagaraarra jiran cufti ''waraana kana hinfeene, waraanni kun guyyaa tokkotti ejjeta. Nama balleesseellee seeraan adabanii, nami sodaatee dhiisa,'' jedhan.

Image copyright Solomon Gubo Facebook
Goodayyaa suuraa Bulchaa Ittaanaa (Deputy Governor) Marsabit - Abba Solomoon Guboo

'Olaantummaa agarsiisuu keessa namni dhumaa jira'

''Jibbi [hawaasa lamaan] gidduu jiru durumatti deemee, lafa tana yaayyuu nagaa dhowwe,'' kan jedhan Bulchaan (Governor) Ittaanaa Marsabit Abba Solomoon Guboo, ''Wanni guddoon dhib (rakkoo) kanaan deemuutti jiru, siyaasadha,'' jedhu.

''Eentu olaanaa, jajjabeenna ofii agarsiifachitii keessa namni hedduun dhumachuutti jira,'' jedhan.

Jibbi kun hiddi isaa siyaasa. Furamaanni isaallee isaanuma harka akka jirus ni dubbatu, ''Nuti akka warra siyaasa keessa jirruu, yaadi keenna akkamiin gosa keenna walitti deebisnee, afaan takka dubbattee, namni siyaasaa gama Gabraa fi Booranaan jiru cufti wal qabatee, akkanaan nagaa kana jaaran malee, nagaan hin dhuftu,'' jedhu Abba Solomon.


Ganna tokko osoo hin guutin 40 lubbuu dhabaniiru

Foroolee - 11

Saakuu - 2

Saakuu - 3


Hawaasni Booranaa gama Itoophiyaa fi Keenyaa keessa qubatee argama. Gabris akkuma Booranaa, Itoophiyaa fi Keenyaa keessa jira.

Hawaasi Gabraa kan Itoophiyaa keessa jiru 'Gabra Dirree' yogguu jedhaman, kana Keenyaa keessaammoo 'Gabra Malbee' jedhaniin.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata